bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Luke 17
Luke 17
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 16
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 18 →
1
Yesus jara ufitiin, “Gufuun cubbuu keessa nama buuchu silaafuu inuma dhuftii, ammoo gaargalii kama nama dhufuunii!
2
fulaa innii warra didiqqa kana gufachiisuu, yo silaa dhakaa daakuu morma isaatti hidhanii galaana keessa buusan irra dansaa.
3
Ufi eegadhaa! Yo obboleessii kankee cubbame gorsi, yo innii cubbuu irraa deebi'e araaramiif.
4
Yo innii guyyaa tokko keessatti marroo torba sitti cubbame marroo torbaanuu, ‘Naa araaram’ siin jedhe, araaramiif” jedhe
5
Ergamtootii Aabboon, “Dhugeeffachaa teenna itti nuu ida'i” jennaan,
6
Aabboon, “Yo silaa dhugeeffachaa haga midhaan dambii tokko qabaattanii, odaa kanaan, ‘Hiddaan armaa buqqa'ii, galaana keessa ufi dhabi!’ jettan, duuba innii isaanii in ajajama” jedhe.
7
“Isan keessaa namii tokko yo silaa hojjataa tokko ka oobruu qotu yokaan ka re'ee tissu qabaatee, yo innii hujii galee, ‘Kootti hurrisii, arma taa'ii sagalee nyaadhu!’ hin jedhanii?
8
Danda'ee hinjedhu, ammoo, ‘Koottii, hurrisii sagalee qopheessii, naa keenni, haga anin nyaadhee dhugu marxiffadhuu na gololchi! Achiin duubaatti atilleen nyaattee dhuddaa’ jedhan.
9
Akka keetiitti Abbaan hojjataa sun marroo waan innii fedhu innii tolcheef galata hindeebisaa? Hiyyo.
10
Isaniilleen akkasuma; yo waan tolchaa jedhan cufaa tolchitanii, ‘Nu hojjattoota homaa hinbaanee, waan tolchuu malle callaa tolchine’ jedhaa!” jedhe.
11
Yesus adoo Yerusaalemiitti deemuu jiruu, lafa Samaariyatii fi ta Galiilaa jiddu dabre.
12
Adoo innii ollaa tokko seenuu jiruu, namii kudhan ka qomaaxaa qabu isaatti dhufee, fagoo ejaajjee,
13
qoonqoo olfudhatee, “Yesus Aabboo, nuu na'i!” jedhe.
14
Yesus warra arginaan, “Beenaa, qaallolee ufi garsiisaa!” jedheen. Warrii ammoo adoo karaa yaa'uu fayyee qulqullaa'e.
15
Jennaan namii tokko akka fayye ufi arginaan, qoonqoo guddoon Waaqaa faarsaa deebi'ee gara Yesus dhufe.
16
Addaan miila Yesus jalatti jigee galata deebiseef. Namichii sun gosa Samaariyati.
17
Jennaan Yesus, “Namii kudhan hinfayyinee? Sagallan kaan me ree?
18
Keessumicha kana malee, namii deebi'ee Waaqaa galata deebisu hinjiruu?” jedhee gaafte.
19
Jennaan Yesus namichaan, “Ka'ii deem, dhugeeffachan tantee la si fayyiftee” jedheen.
20
Fariisotii guyyaa Mootummaan Waaqaa dhuftu Yesus gaafannaan innii, “Mootummaan Waaqaa akka namii eeguun hindhuftu,
21
yokaan namii danda'ee, ‘Kunoo tana’ yokaan, ‘Kuunoo sun’ hinjedhu, wantii akkanatiif Mootummaan Waaqaa jidduu teessan keessa jirti” jedhe.
22
Jennaan innii jara ufiitiin, “Eegii tanaa guyyaan tokko ka isan bara ilmii namaa lafa jiru kaan arguu feetanii dharraatan, indhufa; ammoo hinargitan.
23
Gaafas warrii, ‘Kuunoo sun’ yokaan ‘Kunoo tana’ isaniin jedha, isan ammoo hindeeminaa yokaan warra gula hinyaa'inaa!
24
Akkuma hangaasuun gama tokkoo ta gubbaa hangaate moggaa taanti ibsituu, guyyaan ilma namaalleen akkasuma ta'a.
25
Ammoo qaraa innii akka hedduu gaargaluu male, ammallee dhalootii kun isa diduu male.
26
Akkuma barii Nohii jiru, barii ilma namaalleen jira.
27
Gaafas haga guyyaan Nohi hoboloo seenee lolaan dhufee warra cufaa balleesse ga'uutti, nyaatanii, dhuganii, walfuudhan.
28
Akkuma bara Looxii ta'e ta'a; adoo nyaatanii, dhuganii, bitatanii, gurguratanii, oobraatanii, mana jaaratanuu,
29
guyyaa Loox Sodom keessaa ba'e ammoo, ibiddaa fi dilloon akka ibiddaa bobeettu Waaqaa keessaa itti gad roobdee warra cufaa balleessite.
30
Guyyaa ilmii namaa mullatuullee wantii cuftii akkasuma taati.”
31
“Guyyaa sun, namii mana gubbaa jiru, ka ammoo mi'ii isaa mana keessa jiru, gad bu'ee hinguurratin; akkasuma namii oobruu keessa jiruulleen hindeebi'in!
32
Niitii Loox qaabadhaa!
33
Namii jireenna ufii baasuu fedhu indhaba; ammoo ka jireenna ufii balleessu inargata.
34
Waan anin isanitti himuu, Halkan sun nama lamaatti siree tokko irra rafa, tokko fuudhaniitti kaan lakkisan.
35
Nadheen lamaatti midhaan waliin daakuu jira, tokko fuudhaniitti taan lakkisan.
36
Nama lamaatti oobruu keessa jira, tokko fuudhaniitti kaan lakkisan” jedhe.
37
Jarii isaa, “Aabboo, fulaan sun eessa?” jedhee gaafanaan innii, “Allattiin fulaa reefii jiruutti buuti” jedhee deebiseef.
← Chapter 16
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 18 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24