bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Luke 13
Luke 13
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 12
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 14 →
1
Yoma sun jarii tokko gara Yesus dhufee, “Philaaxos yaayyuu warra Galiilaa ka sooriyoo qalatu tokko fixee, dhiiga warraatii fi ka sooriyoo walti make jedhan” jedhe.
2
Yesus ammoo deebisee, “Waan warrii akkas gaargala argateef waan jarii Galiilaa sun nama Galiilaa cufa irra cubbame seetanii?
3
Hiyyoo akkasiiniti, anin isanitti himaa, isaniilleen yo cubbuu irraa deebi'uu baattan akkasuma baddan.
4
Yokaan warra kudhanii saddeetii kaan, ka manii Siilo'am irratti jigee fixe, waan warrii nama Yerusaalem keessa jiru cufaa irra cubbame seetanii?
5
Hiyyoo akkasiiniti, anin isanitti himaa, isan cuftii yo cubbuu irraa deebi'uu baattan akkasuma baddan” jedhe.
6
Jennaan Yesus mammaassa kana warratti himee, “Namii tokko muka odaa oobruu ufii keessatti oobree; dhufee midhaan irra barbaadee dhabe.
7
Jennaan nama oobruu eeguun, ‘laal ganna sadii muka odaa kana irraa midhaan fedhadhee dhabee, muri! Maaf lafa dhowwata?’ jedheen.
8
Innii ammoo deebiseefii, ‘Aabboo, mee haga anin qotee kossii jalatti naquutti ganna kanaallee lakkii!
9
Duuba yo ganna dhufu midhaan baase dansaa; ammoo yo hinbaasin inmurtaa’ ” jedheen.
10
Guyyaa Sanbataa Yesus mana waldeennaa tokko keessatti nama barsiisuu jira.
11
Niitii tokkootti ta jinniin haga ganna kudhanii saddeetii fayya dhowarte achi jira? isiin gajjettee dandeettee akka dansaa olinqajeeltu.
12
Yesus isii arginaan gara ufii yaamee, “Hatoo, atin fayyadhaba kankee ya fayyite!” jedheen.
13
Harka isaa isii irra kaa'ee, isiin yoma sun olqajeeltee ejjitee Waaqaa faarsite.
14
Guddaan mana waldeennaa ammoo, akka Yesus guyyaa Sanbataa nama fayyise arginaan dallanee gumiin, “Guyyaan hujii hojjatan ja'aatti jiraa, tanaaf guyyaa sun akka fayyitaan, koottaa malee, guyyaa Sanbataa hindhufiinaa!” jedhe.
15
Jennaan Aabboon deebiseefii, “Isan kijibdoolee, isan cuftii guyyaa Sanbataa loonii fi harree teessan bobbaaftanii obaa hindhooftanii?
16
Jaartiin dubra Abrahaam, tunin ta sheexanii ganna kudhanii saddeetii hidhe, guyyaa Sanbataa hidhansa kana keessaa ba'uu hinmallee?” jedhe.
17
Innii akkas jennaan nyaaphii isaa cuftii ceeree, gumiin cuftii waan mamaa ka innii tolcheetti gammadde.
18
Jennaan Yesus, “Mootummaan Waaqaa maan fakkaattii? Maaniin walfakkeessa?” jedhee gaafate.
19
“Mootummaan Waaqaa gumaa dambii, ka namii fuudhee oobruu ufiitti facaasee; latee ba'ee, muka guddaa ta'ee, simphirreen damee isaa gubbaatti mana jaaratte tokko fakkaatti” jedhe.
20
Ammallee Yesus, “Mootummaa Waaqaa maaniin walfakkeessa?” jedhee gaafate.
21
“Mootummaan Waaqaa bukoo nadheen fuutee haga cuftii buka'aaniitti midhaan guddoo daakaniitti naxxu fakkaatti” jedhe.
22
Yesus adoo Yerusaalemiitti deemuu diraa fi olloowwaan keessa dedeemee barsiise.
23
Namii tokko, “Aabboo, namii baafamu diqqqaa?” jedhee gaafate. Innii warraan,
24
“Akka balbala dhiphoon olseentan wal doggomaa; wantii akkanatiifii, anin isanitti himaa, nama hedduutti seenuu fedha, ammoo hindanda'an.
25
Eegii abbaan manaa ka'ee balbala cufee, isan ala ejaajjitanii balbala dhodhooftanii, ‘Aabboo nuu bani!’ jettanii yaamtan; innii ammoo, ‘Anin garuma isan baataniifiiyyuu hinbeeku’ jedheetti isanii deebisa.
26
Duuba isan, ‘Nu waliin teteennee nyaannee, dhunnee atin dira keenna keessatti nu barsiifte’ jettan.
27
Innii ammoo, ‘Anin garum isan baataniifiiyyuu, hinbeekuu, fuula kiyya duraa fagaadhaa isan cuftii warra dabaatii’ isaniin jedha.
28
Achitti yo Abrahaam, Yisihaq, Yaaqoobii fi raagota cufa Mootummaa Waaqaa keessatti gartan, isan ammoo alatti gatanii, boottanii ilkaan qartan.
29
Namii ila boruutii fi ila galuchiitii, mirgaa fi bitaa dhufee, Mootummaa Waaqaa keessatti sagalee nyaatan.
30
Guyyaa gaafasii namii eegee ka duraa ta'a, namii duraa ka eegee ta'a” jedhe.
31
Yoma sun Fariisotaa keessaa namii garii gara Yesus dhufee, “Armaa baqadhu! Herodis si ijjeesuu fedhaa” jedheen.
32
Yesus ammoo deebisee, “Beenaa, geedala suniinii, ‘Anin ardhaa fi bor jinnii baasa, nama fayyisa, guyyaa sadeessoo hujii tiyya inhobaafadha.
33
Ammoo ardha, borii fi iftaaniillee karaa kiyya qabachuu male, wantii akkanatiifii raagii Yerusaalem male fulaa dhibiitti du'uu hinmalle’ jedha” warraan jedhe.
34
Yesus ittuma dabree, “Ee'ee Yerusaalem, Yerusaalem, atin raagoota fixxee, jara sitti ergan dhakaan dhante! Mar. roo hagam silaa akka lukkuun ilmoolee ufii koola ufii jalatti guurtu ijoollee tantee ufi jalatti guuruu barbaade, ammoo atin hindidde.
35
Me laalaa, manii keessaan ona ta'aa. Anin isanitti himaa, haga ‘Waaqii nama maqaa Aabbootiin dhufu ka eebbisuu’ jettaniiti na hinargitan” jedhe.
← Chapter 12
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 14 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24