bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Luke 12
Luke 12
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 11
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 13 →
1
Gumiin kuma hedduu walti baatee guddinna jabeenna wal irra ejaajjattee jennaan, Yesus qaraa fiixee jara ufitiin, “Bukoo Fariisotaa irraa ufii eegadhaa! Akkas jechuun kiyya, Kijjiba warraa irraa fagaadhaa! jechu.
2
Wantii daboolan ta hinmullanne hinjirtu, yokaan wantii dhossan ta hinbeekamne hinjirtu.
3
Tanaaf dubbii isan dukkana keessatti jettan cufaa ibsee keessatti dhaga'an; ammallee dubbii isan dinqaatti gurraatti walii himtan fiixee manaa gubbaatti lallaban” jedhe.
4
“Jaallan tiyya anin isanitti himaa, nama nafa ijjeessu ka ammoo eegii sunii waan dhibii tolchuu hindandeennee hinsodaatinaa!
5
Ka sodaachuu malan ammoo anin isanitti himaa, ka eegii nafa ijjeesse, jabeenna ibidda haga jiruu jireennaa hindhamnee keessaan buusu qabuu sodaadhaa! Ee, wantii anin isaniin jedhu, sunumaa sodaadhaa!
6
Simphirree shan beesee lamaatti gurguraniiyyuu? Waaqaa duratti ammoo, isaan keessaa tokkoollee hindedhan.
7
Sun lakkisaa, rifeensa mataa keessaniillee cufa yaayyuu hedan. Hinsodaatinaa! Gatiin teessan ta simphirree irra jirtii” jedheen.
8
“Anin isanitti himaa, nama nama duratti naa dhugeessu cufa Ilmii Namaa ergamtoota Waaqaa duratti indhugeesaaf.
9
Ammoo nama nama duratti na mormatuu ergamtoota Waaqaa duratti inmormadha.
10
Nama Ilma Namaa arabsu cufaa, inaraaramaniif, nama ammoo Hafuura Qulqulloo arabsuu inaraaraman.”
11
“Yo mana waldeennaatti, yokaan jaarrolee fi nama gugurdaa dura isan geessan, waan deebfattanii fi waan dubbattan hin yaadinaa!
12
Hafuurii Qulqulloon yoma sun waan isan jechuu maltan isan barsiisaa” jedhe.
13
Namii tokko gumii keessaa, “Barsiisaa, akka obboleessii kiyya, dhaala abbaan keenna nuu lakkisee du'e naa qoodu itti naa himi!” jedheen.
14
Yesus ammoo deebisee, “Eentu qortuu yokaan qoodduu horii keessanii na tolche?” jedhe.
15
Jennaan biyya cufaan, “Me hubadhaa, dharraa cufaa eegadhaa! Jireennii namaa qabeenna isaa guddaa keessa hinjiru” jedhe.
16
Jennaan mammaassa kana warratti himee, “Oobruun nama dureessa tokkoo guddoo midhaan baafte.
17
Innii dhindhinsee garaa ufii keessatti, ‘Anin fulaa midhaan kiyya itti galfadhu hinqabuu maal ta'a?’ jedhee ufi gaafate.
18
‘Anin akkana tolcha; kodhoo tiyya diigee, ballisee jaara, achitti midhaanii fi waan kiyya cufaa guura.
19
Duuba anin ufiin, abboo, atin amma horii guddaa, ganna hedduu si ga'u, qabdaa, taa'ii, nyaadhuu, dhugii, gammadiillee!’ jedha.
20
Waaqii ammoo isaan, ‘Atin daallee, halkan kana lubbuu tantee fedhanii, horiin atin olkeette sun ka eennuu ta'a duuba?’ jedhe.
21
Namii horii lafa keeyyatee, ammoo gara Waaqaatii durummaa hinqamne akkasuma ta'a” jedhe.
22
Jennaan Yesus jara ufiitiin, “Sagalee, jireenna, nafa keessan yokaan waan wayaa uyyifatanii hin yaadinaa!
23
Jireennii sagalee irra jira, nafiilleen wayaa irra jira.
24
Me harraanqeessa laalaa; midhaan oobree hinmuru, kodhoo midhaan itti guuratu hinqabu; ammoo Waaqii isa soora. Isan ammoo guddoo simphirree irra jirtan!
25
Isan keessaa eentu, adoo haguma fedhu yaadee, danda'ee lubbuu ufii dheeressa?
26
Yo waan diqqqoo sun hindandeennee, maaf waan dhibii gaargaltan ree?
27
Akka daraaraan ba'u laalaa; innii hinhojjatu yokaan wayaa hinhodhatu; ammoo waan anin isanitti himuu, Solomooniilleen guddinna ufii cufa keessatti akka daraaraa kanaa takka wayaa hinuyyifanne.
28
Ammoo Waaqii yo buuyyoo diidaa ta ardha jirtu ta ammoo bor ibiddaan gubaan akkana uyyisee, hagas irra isan hinuyyisuu? Dhugumaa, dhugeeffachan teessan waan diqqoo.
29
Tanaaf waan nyaattanii, dhuddan yaaddanii hinmudamiinaa!
30
Wantii akkanatiif namii Waaqaa hinbeenne cuftii waan akkana kana barbaada. Abbaan keessan akka isan waan akkasii feetan inbeeka.
31
Isan ammoo qaraa Mootummaa isaa barbaadaa, duuba wantii kun cuftii teessan taatii” jedhe.
32
Yesus itti dabaree, “Hinsodaatinaa! Gumii diqqoo, abbaan keessan Mootummaa isaa isanii kennuu fedhaa.
33
Waan qabdan gurguraa, eebbaan wa namaa kennaa. Subba hindulloommanne midhaafadhaa, horii gubbaa jiru ka hinhobbaamne, fulaa hattuun itti hindhi'aanne yokaan fulaa dholdholeen hinballeesineef olkeeyadhaa!
34
Wantii akkanatiif fulaa horiin keessan jiruu garaan keessaniileen jira” jedhe.
35
“Mar. xoo teessan marxifadhaa, ibsee teessan bobeeffadhaa!
36
Akka hojjattoota abbaa isaanii ka fuudha galuu warratti eedduu, ta yo innii galee balbala dhadha'u hurrichee bantuufii ta'aa!
37
Hojjattootii abbaan isaanii yo gale warra kurfoo jiru argu ta badhate! Dhugumaan, isanitti himaa, innii dhufeetti marxifatee warra teteessisee, irra ejjee isaan gololcha.
38
Yo innii halkan dhufee yokaan ganama dhufee, akkasiittii warra argee, warrii sun ka badhadhe.
39
Ammallee waan kana beekaa! Abbaan manaa adoo silaa yo hattuun dhuftu beekee, akka mana isaa namii hincabsine ineegata.
40
Isaniilleen akkasuma kurfoo taa'aa; wantii akkanatiif ilmii namaa, adoo isan hinbeennee dhufaa!” jedhe.
41
Phexros, “Aabboo, atin mammaassa kana nu callatti himte moo nama cufaa?” jedhee gaafate.
42
Aabboon deebiseefii, “Gololchan qalbii qabu ka abbaa ufii guutee abbaan isaa waan cufaa harka isaatti kennee hojjattoota dhibii gololchi jedhuun eennu ree?
43
Hojjataan abbaan, isaa yo gale, isa akkas hojjatu arguu ka badhadhe.
44
Dhugumaan, isanitti himaa, innii guddaa horii ufii cufa namicha sun tolcha.
45
Yo ammoo hojjataan sun, ‘Abbaan kiyya yaayyuu ture’ jedhee, hojjataa dhibii ka dhiiraatii fi ta uwwaallee dhaanichaa itti ka'ee, nyaatee, dhugee, macha'ee,
46
abbaan hojjataa sun guyyaa innii hinse'annee fi yo innii hinbeene dhufee mataa isaa tatarsaasee, akka jara dhugeeffachaa hinqamnee tolcha.
47
Hojjataan fedhii abbaa ufii beekee ammoo waan abbaan isaa irraa fedhu hinqopheesin yokaan hinguutin dhaanicha guddaa dhaanama.
48
Hojjataan waan irraa eegan hinbeenne ammoo, yo waan isa dhaansisaallee hojjatee dhaanicha diqqaa dhaanama. Nama waan guddoo itti kennan waan guddoo irraa fedhan; ka waan guddoo harka isaatti kennan waan hagas irra guddoo irraa fedhan” jedhe.
49
Yesus, “Anin ibidda lafaatti buusuu dhufe; ibiddii adoo qaraa duraanuu bobba'ee akkam dansaa!
50
Anin cuuphama argachuu male qaba; haga argadhuutti akkamiin gaargala kana keessaa ba'a!
51
Waan anin nagaa lafaan dhufe seetanii? Hiyyo, akkasiiniti, nama gargarii baasuu dhufe.
52
Armaa achi mana tokko keessa namii shan gargarii ba'a, gama tokko namii lama gama kaan ammoo namii sadii.
53
Abbaan ilma dida, ilmii abbaa dida, haatii intala diddi, intaltii haadha diddi, niitiin ilmaa haadha dhiirsaa diddi, haatii dhiirsaa niitii ilmaa diddi” jedhe.
54
Ammallee Yesus gumiin, “Yo duumanssa ila galchuutti argitan, ‘Bokkeennii inrooba’ jettan, duuba bokkeennii inrooba.
55
Ammallee yo bubbeen gama bitaa dhooftee, ‘Laftii guddoo oowwiti’ jettan, duuba akkasumaa inoowiti.
56
Isan kiyyibdoolee! Waan lafaatii fi ka gubbaa himuu inbeettanii, ammoo akkamiin waan ammatanaa himuu dadhabdan ree?” jedhee.
57
“Isan maaf waan dhugaa beeku dadhabdan?
58
Yo nama si kajeelu waliin gara jaarsa qorsummaa yaatan, haga dandeettan karaa irratti waldhaqaa, akka innii jaarsa qorsummaa duratti si hirakimne yokaan akka guddaan qorsummaa harka guddaa warra waraanaatti si kennee guddaan warra waraanaa si hin hine.
59
Anin sitti himaa, haga gatii tantee cufaa baaftuutti atin mana hidhaa keessaa hinbaatu” jedhe.
← Chapter 11
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 13 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24