bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Luke 14
Luke 14
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 13
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 15 →
1
Guyyaa Sanbataa tokko Yesus mana namicha guddaa Fariisotaa tokkoo sagalee nyaachuu dhandhaan, biyyitii teettee isa daawwatte.
2
Jennaan namichii tokko ka harkaa fi miilii iita'ee fuula isaa dura dhufe.
3
Yesus jara Seera beekuu fi Fariisotaani, “Guyyaa Sanbataa nama fayyisuun aadaa moo aadaaniti?” jedhee gaafate.
4
Warrii ammoo incallise. Yesus namicha qabatee fayyisee ufirraa galche.
5
Jennaan innii warraan, “Isan keessaa, eentu yo mucaan isaa yokaan horiin isaa eela keessa duraa bu'ee, yo guyyaa Sanbataa taateellee, yoma sun keessaa hinbaamne?” jedhe.
6
Duuba warrii gaafii taan homaa deebisuu dadhabe.
7
Yesus akka warrii barcumaa ulfinnaa foohate arginaan, mammaassa kana warra yaamaniitti dubbate.
8
“Yo jila fuudhatti si yaaman, barcumaa guddaa irra hintaa'in, wantii akkanatiif, yo nama sirra jiru yaaman,
9
namichii sii fi isa yaame kaan hegerii dhufeetti, ‘Nama kana duraa ka'i’ siin jedha. Duuba atin ceerteetti dhaxxee fulaa dhibii, kaaraa irra teeta.
10
Ammoo yo si yaaman dhaqii kaaraa gubbaa taa'i, duuba namii si yaame kaan dhufeetti ‘Jaal, oldabrii, barcumaa guddaa sun irra taa'i’ siin jedha, yoos jara si waliin ta'ee nyaatu duratti ulfinna argattaa.
11
Wantii akkanaatiifii namii ufii guddisu cuftii indiqqaata; namii ufii diqqeessu ammoo hinguddata” jedhe.
12
Jennaan Yesus namicha isa yaame kaaniin, “Yo sagalee guyyaa yokaan ta galgala dhaabdee nama yaamtuu, akka warriilleen garagalee si yaamuuf jettee, jaallan tantee, obboleeyyan tantee, fiixaa tantee yokaan dureeyyii ollaa kankeetii hinyaamin.
13
Yo sagalee dansaa dhaabdee nama yaamtu ammoo, hiyyeeyyii, naafa, nama okkolu, ballaa yaam,
14
yoos eebba argattaa. Wantii akkanatiif warrii waan sii deebisu hinqabu, waan sun cufaa guyyaa ka'iisa jara qajeelaa si deebisan” jedhe.
15
Gumii teettee sagalee nyaattu keessaa namichii tokko waan kana dhageennaan Yesusiin, “Ka sagalee Mootummaa Waaqaa keessatti nyaatu ka badhadhe” jedhe.
16
Yesus ammoo isaan, “Namichii tokko jila guddoo tolchee nama hedduu yaame.
17
Nyaatii sagalee ga'ee jennaan, akka innii dhaqee, ‘Koottaa, wantii cuftii amma kurfoo jirtii’ jedhee keessumaa yaamuu, hojjataa ufii itti erge.
18
Warrii yaaman kaan cuftii ammoo ‘Akka dhumnu hinqamnu’ jedheetti hojjataa kaaniitti rakkoo akka akkaa deeffate. Namichii qaraa, ‘Anin oobruu takka bitadhee, dhaqee laaluu malee, naa eebbis, dhufuu hindanda'uu’ jedhe.
19
Namii lammeessoo, ‘Anin qotiyyoo xindii shanii bitadhee, dhaqee laaluu (akka isiin hojjatu laaluu) malee, naa eebbis, dhufuu hindanda'uu’ jedhe.
20
Namii saddeessoo, ‘Anin dhiyoo niitii fuudhee, tanaaf akka dhufu hinqabu’ jedhe.
21
Hojjataan kaan gallaan waan kaan cufa abbaa ufiitti hime. Jennaan abbaan kaan dallanee hojjataa ufitiin, ‘Hurrisii, deemii, karaa fi daandii diraa keessa dedeemii, hiyyeeyyii, naafa, ballaa fi nama okkoluun kootti’ jedhe.
22
Jennaan hojjataan kaan, ‘Aabboo, wantii atin jette cufa la taatee, ammoo ammallee manii hinguutamne!’ jedhe.
23
Jennaan Abbaan hojjataa kaaniin, ‘Beennii karaa guddaa fi daandii alaallee dhaqii, haga manii kiyya guutamuutti nama yaami!’ jedheen.
24
Anin isanitti himaa, namii qaraa yaaman tokkoolleen sagalee tiyya afaaniin hintuqu” jedhe.
25
Gumiin muummee hinqamne isa waliin adoo yaatuu, Yesus garagalee warraan,
26
“Namii natti dhufu, ka abbaa fi haadha ufii, yokaan niitii fi ijoollee ufii, yokaan obbooleessaa fi obbooleettii ufii, yokaan jireenna ufii hinjibbine, danda'ee nama kiyya hinta'u.
27
Namii fannoo ufii fudhatee na gula hindhumnee danda'ee nama kiyya hinta'u.
28
Isan keessaa namii mana dhakaa jaaruu fedhu, ka qaraa taa'ee, horii ufii waan qabu herregee, akka innii hobaasuuf hinlaallee eennu?
29
Yo akkas hin ta'in, egerii yayyaba jala qabeetti ammoo hobbaasuu dadhabee, namii isa argu cuftii gooyyeessee,
30
‘laal namichii kun mana yayyabee hobbaasuu dadhabee’ jedhaan.
31
Yokaan hayyuu kamiitti, yo hayyuu dhibiin walhadhan, akka danda'ee nama kuma kudhanitiin nama kuma diddamaa ka dhufuu jiru dabsatu, qaraa gad taa'ee hinmari'anne?
32
Yo hindandeenne, adoo kaan fagoo jiruu, nama itti ergee boojuu kadhata.
33
Akkasumaa duuba isan keessaallee namii waan ufii cufa hinlakkimne danda'ee nama kiyya hinta'u” jedhe.
34
Yesus itti dabree, “Sooddii dansaa, yo kuraa dhabee ammoo maaniin kuraa itti deebisan?
35
Lafaa fi fulaa huura itti haraniillee hinmallee, alaatti gatan. Namii gurra qabu ha dhaga'uu!” jedhe.
← Chapter 13
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 15 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24