bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Luke 8
Luke 8
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 9 →
1
Eegii sunii adoo haguu hinturin Yesus diraa fi olloowwan cufa keessa dedeemee oduu dansaa Mootummaa Waaqaa hime. Jarii isaa kudhanii lamaaniilleen isa waliin yaa'ee,
2
nadheen gariilleen ta jinnii fi dhukkuba gosa gosaa fayyite, Maariyaam Magdala ta jedhan ta jinnii torba keessaa baasan;
3
Yo'aanaa, niitii Kuuzaa, ka waan mana Herodisii qorqorattuu, ammallee Susanaa fi nadheen dhibiilleen hedduun, ta horii ufiitiin Yesusii fi jara isaa qarqaarte isa gula yaate.
4
Duuba namii dira cufa keessaa dhufee, gumiin guddoon walwaldeettee jennaan, Yesus mammaassaan warratti dubbatee,
5
“Namii tokko midhaan facaasuu dhaqee, adoo innii facaasuu midhaan garii daandii keessatti jiganii, namii irra ejaajjatee, simphirreen dhuftee nyaattee hobbaafte.
6
Midhaan garii lafa dhakaa gubbaatti jiganii, baanaan waan jiidha dhabaniif gogogaan.
7
Midhaan garii qoraattii keessatti jiganii, qoraatin waliin baatee qancarsite.
8
Midhaan garii fulaa biyyee dansaatti jiganii, baanaan midhaan dhibbaa dhalan” jedhe. Dubbii tana dubbatee jennaan Yesus qoonqoo olfudhatee, “Namii gurra qabu ha dhaga'uu” jedhe.
9
Jennaan jarii isaa, “Mammaassii kunin maan?” jedhee isaa gaafate.
10
Innii itti himee, “Waan Mootummaa Waaqaa ka durii nama dhossan yaayyuu isanii kennaan; ammoo namii kaan mammaassaan baraata, akka adoo laalaniillee homaa hinagarre, adoo caqasaniillee homaa hindhageenne” jedhe.
11
Duuba mammaassii kunin akkana, midhaan dubbii Waaqaati.
12
Midhaan daandii keessatti jigi sun warra dubbii dhaga'ee, ammoo sheexanii eegee dhufee akka dhugeeffatanii hinbaaneef dubbii garaa isaanii keessaa baasuu fakkaatan.
13
Midhaan dhakaa gubbaatti jigi sun warra dubbii dhageennaan gammachuun fudhatee, ammoo hidda hinqamne fakkaatan. Bulttii diqqoofii dhugeeffatanii, ammoo yo ilaallachaan itti dhuftee lakkisan.
14
Midhaan qoraattii keessatti jigi sun warra dubbii dhageennaan dhiphuu, horii fi gammada jireenna lafa tanaatin qancaree midhaan addaa hinbaamne fakkaatan.
15
Midhaan biyyee dansaa keessatti jigi sun warra dubbii dhageennaan garaa dhugaatiifi dansaan qabatee obsee midhaan baasu fakkaatan.
16
“Namii ibsee bobeesee okkotee jalatti dhossu yokaan siree jala kaa'u hinjiru. Isumaa akka namii olseenu ibsee arguu gubbaatti fannisuu male.
17
Wantii dhossan ta hinmullanne hinjirtu; yokaan wantii tokkoolleen ka akkuma dhokateetti adoo diidaatti hinbaanee hafaa hinjirtu.”
18
“Tanaaf waan dhageettan cufa keessa ufi eegadha! nama wa qabu hagasiillee irra itti idaaniif, ka homaa hinqamne ammoo diqqqoo innii qabeennaa herregateeyyuu irraa fuudhan” jedhe.
19
Haadha Yesusitii fi obboleeyyan isaa isa barbaaduu dhufanii, ammoo marroo guddina gumiitiif isa biraan ba'uu dadhaban.
20
Namii tokko itti himee, “Haadha tanteetii fi obboleeyyan tantee ala ejaajjanii, si arguu fedhan” jedhe.
21
Innii ammoo warraa deebisee, “Haadha tiyyaa fi obboleeyyan tiyya nama dubbii Waaqaa dhaga'ee guutuu” jedhe.
22
Gaafa tokkoo Yesus jara ufii waliin hoboloo seenee, “Gama galaanaa suniitti nu taakkisiisaa” warraan jedhe. Jennaan ka'aanii itti dhabatan.
23
Adoo yaahanuu Yesus rafe. Bubbeen guddoon bubisaa dhuftee galaana dhooftee, hoboloon bisaaniin guutamuu geettee, lubbuun warratti dhufte.
24
Gara Yesus dhaqanii dammassanii, “Aabboo, Aabboo, ka'i nu dhumuufii” jedhan. Jennaan innii ka'ee bubbee fi dha'aa galaanaallee, callisiisee, laftii qabbanoofte.
25
Jennaan innii warraan, “dhugeeffachaan teessan meeti?” jedhe. Warrii sodaatee, mamee, “Kunin eennu, ka bubbee fi bisaalleen sarmaniif?” waliin jedhe.
26
Jennaan lafa Gergesaa ta moggaa galaanaa lafa Galiilaa ga'an.
27
Yesus lafa godduu geennaan, namii dira sunii tokko, ka jinnii qabuu, isaatti dhufe. Innii haga wayaa uyyifachuu dhiisee la ture; manaalleetti hingalu, awwaala keessatti gala male.
28
Yesus arginaan itti lallabee miilaa jigee qoonqoo guddoon iyyee, “Yesus ilma Waaqaa Guddaa atin maal narraa qabda? Anin si kadhadhaa, na hingaargalchin” jedhe.
29
Wantii innii akkana jedheef waan Yesus jinniin, “Namicha keessaa ba'i” jedheef. Jinniin marroo hedduu yo isa qabdu; adoo harkaa miila haada sibiilatin hidhanillee innii haada sibiila ciree, jinniin alootti isa baachi.
30
Yesus, “Maqaan kankee eennu?” jedhee gaafannaan, innii waan jinniin hedduun isa duuddeef, “Maqaan kiyya ‘Legewoon’ ” jedhee deebiseef.
31
Jennaan jinniin akka innii qilee keessa warra hinbuumnee isa kadhatte.
32
Booyyee hedduutti laagaa gaaraa dheeduu jiraa jennaan, jinniin akka booyyee duuddu Yesus kadhattee innii, ee'ee jennaaniin,
33
jinniin namicha sun keessaa yaatee booyyee duuddee, booyyeen cuftii balee irraa gad oriitee galaana keessa duuddee, galanii liliqimse.
34
Tissituun booyyee waan ta'ee arginaan oriitee diraa fi reeraatti odeesite.
35
Jennaan beennii waan ta'ee argu dhaqee, Yesusiitti dhufee, nama kaan ka jinniin keessaa yaatee qalbiin itti deebitee wayaa uyyifatee fulaa miila Yesus taa'u arganii jennaan, guddoo sodaatan.
36
Jarii arge kaan akka namicha jinnii qabu kaan fayyisan biyyatti odeese.
37
Jennaan namii reera lafa Gergesaa keessa jiru cuftii marroo akka takkaa hinargin sodaateef akka Yesus isaan biraa deemuu kadhate. Jennaan Yesus hoboloo keessa seenee itti dhabate.
38
Namichii jinniin keessaa yaate kaan, “Si gula deema” jedhee isa kadhate; innii ammoo ufi jalaa deebisee,
39
“Warra kankeetti galii, waan guddoo Waaqii sii tolche namaatti himi!” jedheen. Jennaan namichii jalaa deebi'ee dira cufa keessa dedeemee waan Yesus isaa tolche hime.
40
Yesus moggaa galanaatti deebinaan, gumiin waan qaraa isa eeguu jirtuuf isa arginaan gammadde.
41
Jennaan namichii yatiros jedhan tokko guddaan ka Mana Waldeenaa dhufee, miila Yesusiitti jigee, “Mana kiyya kootti” jedheen.
42
Wantii innii Yesus yaameef intala takkattii innii qabu ta ganna kudhanii lamaatti diqquma hindu'in. Adoo Yesus deemuu, gumiin gama cufaa itti baafatte.
43
Niitii ganna kudhanii lamaa cufa dhiigii keessaa yaa'ee cituu didee, horii ufii ka qabdu cufa cirreeyyiitti hobbaaftee, ammoo fayyuu dadhabde takkatti ach jira.
44
Isiin Yesus gula dhuftee handaara wayaa isaa tuxxee; achumaan dhiigii isii cite.
45
Jennaan Yesus, “Eentu na tuqe?” jedhee gaafate. Namii cuftii mormatee jennaan Phexros, “Aabboo, gumiin si marsiteetti si dhidhiibuutti jirti” jedheen.
46
Yesus ammoo, “Lakkii, namaatti na tuqee, anin jabeenna na keessaa ba'u ufirratti argee” jedhe.
47
Niitiin taan akka hindahanne arginaan hollaachaa dhuftee miila Yesusiitti jiddee, waan isa tuxxeef gumii cufa duratti himattee, ammallee akka yoma sun fayyitte himte.
48
Yesus isiin, “Intala tiyya, dhugeeffachan tantee ya si fayyiftee, beenii, nagaan gali” jedheen.
49
Adoo Yesus haasa'uu jiruu namii tokko gara mana yayiroosii ka guddaa mana waldeennaatii dhufee, yayiroosiin, “Intalti tantee yaayyuu dootee, lakkii, Aabboo hingaargalchiin!” jedhe.
50
Yesus ammoo dhageennaan Yayirosiin, “Hinsodaatin, dhugeeffachuma dhugeeffadhuu, isiin infayyitii” jedhe.
51
Mana geennaan Phexrosii, Yaaqoobii, Yoh. aannisii, abbaa fi haadha intala malee nama cufa seenuu dhowwe.
52
Namii cuftii laaleffatee boo'ee jennaan, Yesus, “Hinboo'iinaa, isiin hindoonee inrafti malee” jedhe.
53
Warrii ammoo waan akka isiin doote beekuuf guddoo isaatti koble.
54
Innii ammoo harka isii qabee qoonqoo olfudhatee, “Intala, ka'ii!” jedhe.
55
Yoosuma lubbuun itti deebitee, isiin kaatee jennaan Yesus, “Sagalee kennaaf” warraan jedhe.
56
Abbaa fi haatii guddoo mamanii, Yesus ammoo, akka warrii waan kana namaatti hinhimne itti seere.
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 9 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24