bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Luke 22
Luke 22
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 21
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 23 →
1
Jiltii Qixxaa Bukoo hinqamnee, ta Dabarsaa jedhan, dhi'aattee,
2
jennaan qaallolee gugurdoo fi jarii seera beeku waan biyya soddaateef, karaa Yesus ijjeesaniin barbaade.
3
Jennaan sheexanii Yihudaa Keriyot jedhan, ka jara kudhanii lamaa kaan keessa jiruutti gale.
4
Jennaan Innii dhaqee, akka Yesus harka warratti kennu, qaallolee gugurdoo fi warra gugurdaa warra mana kadhaa eeguu waliin dubbate.
5
Warriilleen gammadee, akka horii isaa kennan waldhaqan.
6
Yihudaan hataatuu jedhee, akka dhossaan Yesus harka warratti kennu herrege.
7
Guyyaan Qixxaa Bukoo hinqamnee, ka hoola Dabarsaa qalan geennaan,
8
Yesus Phexrosii fi Yoh. aannis ergee, “Beenaa, akka sagalee Dabarsaa nyaannu nuu qopheessaa!” jedhe.
9
Warrii, “Akka nu eessaatti qopheessun feeta?” jedheen.
10
Innii deebiseefii, “Yo dira duuddanii nama dhiiraa ka buttee bisaanii baatuun baatanii, haga mana innii seenuu isa gula yaa'a.
11
Abbaa manaatiin Aabboon, ‘Manii keessummaa, ka anin sagalee Jila Dabarsaa jara kiyya waliin keessatti nyaadhu meeti? Siin jedha’ jedhaa.
12
Namii sun mana gubbaa aanu ka mi'a qabu isan garsiisaa, achitti qopheessaa!” jedheen.
13
Deemanii akkuma innii jedhe arganii, sagalee Dabarsaa achitti qopheessaan.
14
Fulaan gololaa geennaan, Yesus jara isaa waliin taa'e.
15
Innii warraan, “Anin adoo hingaargallee, akka sagalee Dabarsaa tana isan waliin nyaadhu dharraa guddoo qaba.
16
Anin akka haga sagaleen Dabarsaa Mootummaa Waaqaa keessatti qixxooftuuti, sagalee Dabarsaa itti deebi'ee hinnyaanne isanitti hima” jedhe.
17
Jennaan innii muduunuu fuudhee Waaqaa galata galchee, “Hoodhaa fudhadhaa qoodadhaa!
18
Anin akka ammaa jalqabee, haga Mootummaan Waaqaa dhuftuutti deebi'ee bisaan weynii hindhunne isanitti hima” jedhe.
19
Jennaan innii qixxaa fuudhee, Waaqaa galata galchee, caccabsee, warratti kennee, “Kunin nafa kiyya ka marroo teessaniif kennan, waan kana tolchaa na qaabadhaa!” jedhe.
20
Akkasuma eegii gololfatan muduunuu fuudhee, “Muduunuun tunin ta dhiiga kiyyaa, ka isanii jissan, ka kakuu waldhaqisa haaraa.
21
Ammoo laalaa! Harkii nama na gurguruu xarapheezaa kana gubbaa na waliin jiraa.
22
Ilmii namaa akkuma durii herreganiif deema, ammoo nama isa gurguru sunii, gaargala!” jedhe.
23
Warrii walgaafatee, “Nuu kana keessaa eentuu waan kana tolcha?” jedhe.
24
Warrii ergamtootaa ammoo, “Nuu kana keessaa eennuutti guddaa?” jedhee walmorke.
25
Jennaan Yesus warraan, “Aadaa lafaa gula hayyootii biyya moohatti, ammallee jaallaba warraatiin, ‘Warra guddoo nama qarqaaru’ jedhan.
26
Isan ammoo akkasiiniti, namii isan keessaa nama cufaa irra guddaa akkuma maandhaa ha ta'uu, ammallee namii nama dura deemu akkuma hojjataa ha ta'uu.
27
Nama sagalee nyaataa taa'u moo ka gololchuutti irra jira? Nama sagalee nyaataa taa'uunitii? Anin ammoo jidduu teessan keessatti akka nama nama gololchuu jira.
28
Isan rakkoo tiyya cufa keessa yaayyuu na waliin teettan.
29
Akkuma abbaan kiyya hayyummaa naa qoodee, anilleen isanii qooda.
30
Isan xarapheezaa kiyya gubbaatti nyaattanii dhuddan, barcumaa guddinnaa irra teettaniitti gosa kudhanii lamaa ta Israa'elitti murtan” jedhe.
31
Yesus, “Simoon, Simoon, laal, sheexanii, ya akkuma dargaayyee hafarsan isan hafarsuuf kadhatee argatee,
32
Anin ammoo akka dhugeeffachaan tantee hinhanqanne ya sii kadhadhee, atin yo gara kiyya deebite, obboleeyyan tantee jabeessi” jedhe.
33
Phexros deebisee, “Aabboo, anin fulaa hidhansaatii fi du'aallee si waliin akka deemuu kurfoo jira” jedhe.
34
Yesus deebisee, “Phexros, anin sitti himaa, ardha haga atin marroo sadii ‘Anin si hinbeekuu’ jettee na mormattuutti kormii lukkuu hiniyyuu” jedhe.
35
Jennaan Yesus warraan, “Gaafa anin korojoo, subbaa fi kophee malee isan ergee homaa la dhabdanii?” jennaaniin warrii, “Hiyyoo homaa hindhamine” jedhe.
36
Yesus ammoo deebisee, “Amma ammoo namii subba qabu ha fuudhatuu, ka gorjoo qabuulleen ha fuudhatuu, ammallee namii goraadee hinqamne ha wayaa ufii gurguree bitatuu,
37
anin isanitti himaa, qoonqoon Waaqaa ta, ‘Innii warra cubboolee waliin hedhame’ jettu, naan guutamuu malte, maaliif wantii kiyya ka barreessan cuftii inguutamti” jedhe.
38
Warrii, “Aabboo, laal, goraadee lamaatti arma jiraa!” jennaan inniilleen deebisee, “ingeetti” jedhe.
39
Yesus achii deemee, akkuma amala isaa gara Gaara Ejersaa dhaqee, jarii isaalleen isa gula yaa'e.
40
Arti ga'e jennaan warraan, “Akka ilaalachaa keessa hinduun kadhadhaa!” jedhe.
41
Haga darba dhakaa warra biraa deemee, jilbiiffatee,
42
“Ee Aabboo, yo feete, muduunuu gaargalaa tana narraa fuudhi; ammoo akka fedhii tiyyaa adoo hinta'in, akka fedhii tanteetii ha taatuu!” jedhe.
43
Yoosuma Ergamaan Waaqaa tokko gubbaa isaatti mullatee garaa isa jabeesse.
44
Innii waan guddoo gaargala qabuuf guddissee kadhatee, danfii isaa akka dhiigaa lafaatti gad coccophe.
45
Kadhachaa irraa ka'ee gara jara ufii dhufee, warra marroo laaleffachaatiif rafu argee,
46
“Maaf raftan? Ka'aa, akka ilaallachaa keessa hinduune kadhadhaa!” jedheen.
47
Adoo Yesus ammallee dubbachuu jiruu gumiin dhuftee, jara kudhanii lamaan keessaa tokko ka Yihudaa jedhan, warra dura deemaa dhufee, innii akka isa dhungatu Yesusiitti hiiqe.
48
Yesus ammoo, “Yihudaa, atin ilma namaa dhungoon gurgurattaa?” jedheen.
49
Jarii isa waliin jiru waan kana arginaan, “Aabboo, goraadeen dhoomnaa?” jedhe.
50
Warruma keessaa namii tokko hojjataa qaallicha guddaa dha'ee, gurra mirgicha irraa kute.
51
Yesus ammoo, “Lakkisaa, waan akkana itti hindeebi'inaa” jedhee gurra isaa tuqee fayyise.
52
Jennaan Yesus qaallolee gugurdoo, warra gugurdaa warra Mana Waaqaa eeguutii fi maanguddoota biyyaa warra isa qabu dhufeen, “Akka waan hattuu qabdanii goraadee fi bokkuun dhuftanii?
53
Guyyaa cufa ka anin Mana Waaqaa keessa isan waliin jiru, takkuma harkaan na hintundhe. Amma ammoo fulaan tun teessan, ammallee ta jabeenna dukkanaati” jedhe.
54
Jennaan Yesus qabanii gara mana qaallicha guddaa geessanii, Phexros ammoo irraa fagaatee duuba deeme.
55
Fulaa warrii ibidda cichaa duratti bobeessee taa'ee waliin qanqaamatuutti, Phexros jidduu warraa keessa taa'e.
56
Adoo innii fulaa ibsee ibiddaa taa'uu, intaltii takka isa gartee, ila itti qabdee biyyan, “Namichii kuniilleen isa waliin jira” jette.
57
Innii ammoo mormatee, “Intala, anin isaayyuu hinbeeku” jedhe.
58
Diqqumaa turraan eegee namii dhibiilleen isa argee, “Atinlleen nama isaatiiyyuu!” jennaaniin Phexros, “Lakkii abboo, anaanitii” jedhe.
59
Haga saatii tokkoo teennaan namii dhibiin ammallee dubbii tana quufuu didee, “Dhugumaa namichii kunin isa waliin jira, innii nama Galiilaatii” jedhe.
60
Phexros ammoo, “Abboo, waan atin jettu anin hinbeeku” jedhe. Yoma sun, adoo innii dubbachuu jiruu, kormii lukkuu iyye.
61
Aabboon garagalee Phexros millate, Phexros dubbii Aabboo ta innii isaan, “Ardha, adoo kormii lukkuu hiniyyin, atin marroo sadii na mormatta” jedheen taan qaabatee,
62
alatti gad ba'ee guddoo laaleffatee bo'e.
63
Jarii Yesus qabe kaan isa gooyyeessee dhane.
64
Ilaallee hidhanii, “Eentu si dha'e? Raagii nutti himi!” jedhaniin.
65
Waan hedduu itti dubbatanii arrabsan.
66
Laftii bariinaan maanguddootti biyyaa, qaallolee gugurdoo fi jarii seera beekuulleen walwalda'ee, Yesus koraatti geessanii,
67
“Atin yo Kiristoo taatee, nutti himi!” jedhaniin. Innii ammoo deebisee warraan, “Yo anin isanitti himeellee hindhugeeffattan,
68
yo anin isan gaaffadheellee natti hinhimtan,
69
ammoo armaa achi ilmii namaa jabeenna Waaqaa keessa harka mirgaa taa'a” jedheen.
70
Warrii cuftii, “Ati ilma Waaqaatii ree?” jedhee gaafattee, inniilleen, “Isanuu ya akkas naan jettan” jedhe.
71
Jennaan warrii, “Waan innii afaan uftiin jedhe, nuu ya dhageennee, dhugaa dhibii maan irraa feenna?” jedhe.
← Chapter 21
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 23 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24