bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Luke 9
Luke 9
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 8
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 10 →
1
Duuba Yesus jara ufii kudhanii lamaan kaan walti yaamee, jabeenna, humna jinniin baasanii fi ta dhukkubaan fayyisaniillee kenneef.
2
Ammallee akka Mootummaa Waaqaa himaanii fayyidhaballee fayyisan warra erge.
3
Innii warraan, “Wareega karaa, uleellee, subbaallee, qixxaallee, horiillee, hubbaaraa lamaallee hinfudhatinaa!
4
Mana olduuddan cufaa haga kaatanii yaataniitti achuma tataa'aa!
5
Dira warra isan hinkeessummeesinee keessaa ba'a; yo keessaa baatan ammoo, akka akeeka warraa taatu awwaaraa miila keessan irraa dhadha'adhaa!” jedhe.
6
Warrii ka'ee ollaa cufa keessa yayaa'ee oduu dansaa Mootummaa Waaqaa himee, fulaa cufaatti nama dhukkubeellee fayyise.
7
Hayyuun biyya Galiilaa ka Herodis jedhan waan Yesus hojjate cufa dhageennaan guddoo dhindhinse, waan namii garii, “Yoh. aannis yaayyuu du'aa ka'e” jedhee,
8
namii garii ammoo Eliyaas ya mullate jedhee, ka garii ammoo, raagota durii keessaa tokko yaayyuu ka'e jedhe.
9
Herodis ammoo, “Anin Yoh. aannis yaayyuu mataa irraa kutee, isii namii anin akkana waan isaa dhaga'u kun eennu?” jedhee gaafatee, duuba Yesus argu fedhe.
10
Ergamtootii gallaan waan tolchite cufa Yesusiitti himte. Jennaan innii warra kophaatti yaamee, gara dira Betsayidaa geese.
11
Gumiin waan kaan dhageennaan isa gula yaatee, innii warraan, “Garana gad hiiqaa” jedhee, waan Mootummaa Waaqaa warratti himee, nama fayyaa dhabe ka fayyuu maleellee fayyise.
12
Laftii galgaloomnaan jarii kudhanii lamaan kaan dhufee, “fulaan nu jiruu tun aloo, gumii galchi; akka ollaa fi reera keessa yaatee fulaa bultiitii fi sagalee barbaadattu” jedhe.
13
Innii ammoo warraan, “Isanuu waan warrii nyaatu kennaaf” jedhe. Warrii ammoo deebisee, “Yo dhandhee gumii tana cufaa waan warrii nyaatu binne malee, nu qixxaa shanii fi qurxummii lama malee homaa hinqamnu” jedhe.
14
(Namii dhiiraa callan ka ach jiruu, haga kuma shanii inga'a) Yesus ammoo jara ufitiin, “Shantama shantamaan teteessisaa!” jedhe.
15
Jarii akkuma innii jedhe tolchee, nama cufa teteessise.
16
Yesus qixxaa shanaanii fi qurxummii lamaan taan fuudhee, gara Waaqaa olmillatee eebbisee, cacabsee akka gumiin gololchan jara ufiitti kenne.
17
Namii cuftii nyaatee quufee, jarii isaa hambaa walti guuree gundoo kudhanii lamaa guute.
18
Gaafa tokkoo adoo Yesus kophaatti Waaqaa kadhatuu, jarii isaa gara isaa dhufee innii, “Biyyitii tun eennu naan jetti?” jedhee gaafate.
19
Warrii itti himee, “Namii garii Yoh. aannisii nama cuuphu jedha; ka garii ammoo, Eliyaas jedha; ka gariilleen, raaga durii tokkootti du'aa ka'e jedha” jedhe.
20
Innii ammoo warraan, “Isan hoo, eennu naan jettan?” jedhee gaafatee, Phexros, “Atin Kiristoo Waaqaa” jedhe.
21
Jennaan innii warratti seeree, “Nama tokkoolleetti dubbii tana inhiminaa” jedhe.
22
Ammallee, “Ilmii namaa akka hedduu gaargaluu male, jaarroleen, qaallolee gugurdoof jarii seera beekuulleen isa mormatee, isa ijjeessanii, ammoo guyyaa sadeessoo ka'uu malee” jedhe.
23
Jennaan innii warra cufaan, “Namuuyyuu yo na gula dhufuu fedhee ha ufi mormatee yo cufa fannoo ufii baatee na gula deemuu.
24
Namii jireenna ufii baasuu fedhuu indhaba; namii ammoo naa jedhee jireenna ufii balleessuu inargata.
25
Namii waan lafa tanaa cufa argatee ammoo mataa ufii yo balleesse, ufumaa baduu malee bu'aan isaa maal?
26
Namii tokkkoolleen yo naa fi dubbii tiyyaatti ceeree, ilmii namaalleen, gaafa guddinna ufiitiin, ka Abbaa isaatii fi ka ergamtoota qulqullootiin dhufu, nama sun indida.
27
Dhugumaan isanitti himaa, jarii arma ejjaaju ka garii, haga Mootummaa Waaqaa ila ufitiin arguutti hinduu” jedhe.
28
Yesus eegii tana dubbatee, haga guyyaa saddeettii teennaan, Phexrosii, Yoh. annnisii fi Yaaqoob yaamee akka Waaqaa kadhatan gaara waliin koran.
29
Adoo innii Waaqaa kadhatuu, biftii isaa jijiramtee wayaan isaa addaattee bibillixxe.
30
Yoosuma namii lama achitti mullatee isa waliin haasa'e. Warrii sun Musee fi Eliyaas.
31
Warrii guddinnaan mullatee waan innii Yerusaalem keessatti du'an guutuu male, waliin dubbate.
32
Yoos Phexrosii fi jarii isa waliin jiru kaan guddoo mugan; dammandhaan ammoo guddinna Yesusitii fi nama lama ka isa waliin ejaajju argan.
33
Adoo Musee fi Eliyaas isa biraa yaa'uu jirtuu Phexros Yesusiin, “Aabboo, arma jiraachuun keenna akkam dansaa, koottaa bulttoo sadii midhasiinaa; tokko teeti, tokko ta Museeti, tokkkoolleen ta Eliyaasiiti” jedhe. Innii ammoo waan dubbachuu jiru sun hinbeeku.
34
Adoo innii akkas jechuu jiruu duumansii dhufee warratti gaadiseessee, warrii duumansa duunnaan sodaate.
35
Qoonqoon duumansa keessaa baatee, “Kunin ilma kiyya, ka anin foohadhee, isa caqasaa!” jette.
36
Eegii qoonqoon dabarte Yesus kophaatti hafe. Warrii yo sun waan arge sun nama tokkoolleetti hinhimnee incallise.
37
Boriyyaa gaara irraa buunaan gumiin guddoon Yesusiin wali argite.
38
Namii tokko gumii keessaa itti lallabee, “Aabboo si kadhadhaa koottii ilma kiyya tokkocha anin qabu naa laal.
39
Innii yo jinniin irra galtu iniyya; hoomachatti afaanii yaa'a, inhargufama, ammallee lafaan ufii dhaaneetti dhidhiitata, duuba, jinniin haga isa gaargalchituutti yoosuu hinlakkiftu,
40
akka keessaa baasan jara kankee kadhadhee, warrii ammoo keessaa baasuu dadhabe” jedhe.
41
Jennaan Yesus, “Ee'ee dhaloota mataa jajabaa, ka homaa hindhugeeffanne, anin haga yoom isan waliin taa'ee obsuu male? Ilma kankee armaan kootti” jedhe.
42
Adoo innii gara Yesus dhufuu jiruu jinniin lafaan dhooftee dhidhiitachiichee, Yesus ammoo jinnii hamtuu sun dhowwee, gurbaa fayyisee abbaa isaatti deebise.
43
Duuba akkasiin namii cuftii humna Waaqaa argee maadeffate. Adoo namii cuftii waan innii tolche maadeffachuu jiruu, Yesus jara isaatiin,
44
“Dubbiin tun gurra keessan keessa ha seentuu! Ilma namaa harka namaatti kennan” jedhe.
45
Waan akka warraa hingalle duraa dhossaaniif, warrii ammoo dubbii tana hinhubanne, warriilleen waan dubbii sunii Yesus gaafachuu sodaate.
46
Jennaan warrii, “Nuu kana keessaa eennuutti guddaa?” jedhee walmorme.
47
Yesus ammoo herrega garaa warraa arginaan daa'ima tokko fuudhee ufi bira teessisee,
48
warraan, “Namii daa'ima kana maqaa kiyyaan jabeessu ya nallee jabeesse; namii na jabeessu cuftii ka na erge jabeessa; nama isan keessaa cufa irra diqqaatti isanii cufa irra guddaa” jedhe.
49
Yoh. aannis, “Aabboo, nama tokko adoo innii jinnii maqaa keetiin baasuu arginnee, waan innii nama keenna hinta'iiniif, dhowwinne” jedhe.
50
Yesus ammoo, “Hindhowwinaa! Namii isaniin hinmorkine golii teessanii” warraan jedhe.
51
Guyyaan innii gubbaatti olgalu dhi'ananaan Yerusaalem dhaquuf muraatee ka'e.
52
Nama deemee ollaa Samaariya tokko seenee fulaa isaa qopheessu ufi dura erge.
53
Biyyitii ollaa sun ammoo isa didde; waan innii Yerusaalem deemuuf muraatee ka'eef.
54
Jarii isaa Yaaqoobii fi Yoh. aannis waan kana arginaan, “Aabboo, akka nu ibidda gad yaamnee warra kana cufaa balleessinu feetaa?” jedheen.
55
Yesus ammoo, garagalee warra gorsee,
56
ollaa dhibiitti dabran.
57
Adoo karaa yaa'anuu, namichii tokko Yesusiin, “fulaa atin deemtu cufa si gula deema” jedhe.
58
Yesus ammoo, “Geedaltii boollaa qabdi, simphirreen gubbaalleen mana qabdi, ilmii namaa ammoo fulaa mataa ufii keeyatuu hinqabu” jedhee deebiseef.
59
Nama dhiibiin ammoo, “Na gula kootti” jedhe; innii ammoo, “Aabboo, eegi, qara dhaqee abbaa kiyya awwaalaa” jedhe.
60
Yesu ammoo deebisee, “Reeffii ha reeffa ufii awwaalatuu, atin ammoo deemii Mootummaa Waaqaa hime” jedheen.
61
Namii tokko dhibiilleen, “Aabboo, anin si gula deemaa; ammoo eegi, qara dhaqeetti warra kiyyaatti nagaa dhamadhaa” jedhe.
62
Yesus isaan, “Namii harka ufii gindaa irra ka'ee ufi duuba millataa hin qotu; namii akkasii tokkoolleen Mootummaa Waaqaatii hinmalle” jedhe.
← Chapter 8
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 10 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24