bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Luke 11
Luke 11
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 10
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 12 →
1
Gaafa tokkoo adoo Yesus fulaa tokkotti Waaqaa kadhachuu jiruu, eegii innii irraa ba'ee, jara isaa keessaa tokko, “Aabboo, akkuma Yoh. aannis jara ufii barsiisee, akka Waaqaa kadhatan nu barsiis” jedheen.
2
Jennaan Yesus, “Yo kadhattan akkana kadhadhaa! Aabboo maqaa kankee qulqulloo ha guddisanii; Mootummaan tantee ha dhuftuu;
3
liqimsaa teenna ta guyyaa cufaa nuu kenni!
4
cubbuu teenna nuu araaram; akkuma nulleen nama nutti cubbamee araaramnu. Ilaallacha nutiin hindhufiin jedha!” jedheen.
5
Jennaan Yesus jara ufiitiin, “Fakkeennaa, isan keessaa namii tokko jaala qaba; duuba yo jaalii isaa sun halkan guddoo mana isaa dhaqee, ‘Jaal qixxaa sadii naa kenni.
6
Jaala kiyya tokkootti ka karaa deemuu ammumaan tanaa na goree waan itti kennuu dhabee’ jedhe.
7
Ammallee yo namichii mana keessa jiru kaan, ‘Abboo, na hingaargalchin balbala yaayyuu cufanii, ijoolleen tiyyaalleen na waliin siree irra rafuu jirtii, anin ka'ee homaa sitti kennuu hindanda'u’ isaan jedhe.
8
Anin isanitti himaa, innii adoo ka'ee, marroo namii kaan jaala isaa ta'eef wa isaa kennuu baateellee, marroo innii lakkisuu didee ila gogee kadhateef, ka'eetti waan innii fedhuu cufa isaa kenna.
9
Tanaaf waan anin isanitti himuu, kadhadhaa inargattanii; barbaadaa inargitanii; balbala dhadha'aa isanii bananii.
10
Wantii akkanatiif namii wa kadhatu cuftii inargata, namii wa barbaadu, inarga; nama balbala dhaadha'uullee duraa banan.
11
Isan keessaa abbaa kamiitti, yo ilmii isaa qurxummii kadhate fulaa qurxummii, bofa itti kenna?
12
Yokaan yo innii okokkaan kadhate qaanjibbuu kennaaf?
13
Yoos, yo isanuu namii hamamaan, waan dansaa ilmaan teessanii kennuu beettanii, abbaan keessan ka gubbaa ammoo, marroo hagam jara isa kadhatuu hagas irra Hafuura Qulqulloo kenna!” jedhe.
14
Gaafa tokkoo adoo Yesus taa'ee jinnii duudaa baasuu jiruu, jinniin baanaan namichii duudaan kaan dubbatee, gumiilleen guddoo mamte.
15
Namii garii ammoo, “Innii jabeenna Bi'el zebulii, guddaa jinniitiin jinnii baasa” jedhe.
16
Namii gariilleen, isa laallachuuf akkeeka gubbaa isa gaafate.
17
Yesus ammoo herrega warraa beennaan, “Laftii gargarii baate cuftii inbaddi; warrii mana tokkoolleen yo wal dhabee gargarii ba'ee manii sun injiga.
18
Guddinnii Sheexanaa, yo innii gargarii ba'ee, akkamiin ejjata? Isan, ‘Atin jinnii jabeenna Bi'el Zebulitiin baafta’ naan jettan.
19
Yo dhuguma anin jinnii jabeenna Bi'el Zebulitiin baasee, ilmaan teessan jabeenna eennuutiin baafti ree? Tanaaf ilmaanuma teessaniitti akka isan wallaala tolchitan nama garsiisa!
20
Ammoo, yo anin irree Waaqaatin jinnii baasee, dhugumaa Mootummaan Waaqaa ya isanitti dhi'atte.
21
Namii jabaan, yo waraanaa wantee qabu cufaan mana ufii eegatee, horiin isaa nagaan taa'a.
22
Namii isa irra jabaa ammoo yo dhufee isa dabsatee, waraanaa wantee innii dhaabbatu taan isa irraa booji'ee horii isaa cufaa fudhaata. Nama dhiibii qooda.
23
Namii golii tiyya hinta'in nyaapha kiyya; namii na qarqaaree na waliin tokkumaa hinqamnee inbittinnaa” jedhe.
24
“Jinniin hamtuun yo nama keessaa baatu, lafa godduu dhaxxeetti fulaa itti foorfattuu barbaaddee, yo dhabduu, ‘Mana kiyya ka ba'eefiitti deebi'a’ jetti.
25
Yo deebitee dhuftuu mana haraamee qulquulaa'e argatti.
26
Achiin duuba deemteetti, jinnii torba dhibii ta isii irra hamtuu fuutee, waliin mana duudanii keessa qubatan. Jireennii namicha kaanii ka ammaa ka duriillee irra hamaata” jedhe.
27
Adoo Yesus dubbii taan dubbachuu jiruu, niitiin tokko gumii keessaa itti lallabdee, “Garaa si dhalee fi harmii ati hoote ka eebbifame!” jette.
28
Yesus ammoo deebiseefii, “Namii dubbii Waaqaa dhaga'ee guutuu, ha guddoo eebba argatuu!” jedhe.
29
Gumiin itti daramnaan, innii, “Dhalootii kun dhaloota hamaa! Akeeka barbaada, akeeka Yoonaasii malee ammoo, ka dhibii itti hinkennan.
30
Akkuma Yoonaas jara Nanawweetii akeeka ta'ee, akkasuma ilmii namaalleen dhaloota kanaa akeeka ta'a.
31
Guyyaa muraa qaallittiin lafa bitaatii kaateetti dhaloota kana himatti, wantii akkanatiif isiin akka qarooma Solomon dhageettu lafa muummeetii dhufte; ammoo hubadhaa, nama Solomoon irra jiruutti arma jiraa.
32
Guyyaa qorsummaa jarii Nanawwee ka'eetti isan himata, maaliif warrii dubbii Yoonas dhageennaan cubbuu irraa deebi'e; ammoo hubadhaa, nama Yoonas irra jiruutti arma jiraa” isaaniin jedhe.
33
“Namii ibsee bobeessee dhossuu yokaan okkotee jala kaa'u hinjiru, ammoo, akka namii mana seenu cuftii ibsee argu gubbaa kaa'a.
34
Ibseen nafaa ila; yo iltii tantee fayya taate, nafii kankee cuftii ibsee qaba; yo ammoo isiin fayya hinta'in nafii kankee cuftii hindukkanaa'a.
35
Tanaaf akka ibseen si keessa jirtu dukkana hintaane eegadhu!
36
Duuba yo nafii kankee cuftii ibsee qabaatee, fulaan diqqoo dukkanooftuulleen hinjiree, akka waan ibseen guddoon sitti ibsituu naafii kankee cuftii ibsee ta'a” jedhe.
37
Yesus dubbii afaanii buufannaan namichii Fariisichii tokko sagaleetti isa yaame; jennaan innii mana olseenee nyaataa taa'e.
38
Namichii Fariisichii kaan akka Yesus sagalee duratti qaraa harka hindhiqatin argee jennaan mame.
39
Jennaan Aabboon, “Isan Fariisotii muduunuu fi qorii duuba callaa dhixxan, garaa keessan keessa ammoo sabdoomaa fi hammeennaan guutamtan.
40
Isan dadaallee, Waaquma ala midhaseetti garaa keessaallee midhaseeniitii?
41
Ammoo waan muduunuu fi qorii keessa jiraa hiyyeeyii qoodaa, duuba wantii cuftii qulqulloo isanii taatii.
42
Gaargala keessan Fariisoota! Isan yo qooda kudhanneessoo ta gurbii urgootii fi waan dhibii sagaleen urgeesaniillee Waaqaa baaftanii, ammoo dhugaa fi Waaqaa lakkiftan, adoo taaniillee hindeenee waan kana tolchu maltan
43
Gaargala keessan, Fariisota! Mana Waldeenaa keessatti barcumaa cufa irra dansaa feetan, ammallee gabaa keessatti akka nagaa isan fuudhan feetan.
44
Gaargala keessan! Isan akkuma awwaala hinmullannee, ka namii adoo hinbeennee irra yaa'uu jirtan” jedheen.
45
Namichii seera beeku tokko deebiseef, “Aabboo, ati yo akkana jettu nullee miidhuu jirta” jedheen.
46
Yesus deebisee, “Gaargala keessan, isan jara seera beeku! Ulfinna guddaa nama baachiftan; ufii ammoo ulfinna sun quba tokkkoolleen hintuxxan.
47
Gaargala keessan! Isan warra awwaala raagota abaabootii teessan fixxee jaartan. Abaabota teessan ta dhumate
48
Duuba isaniilleen waan abaabootii teessan taate dhugeeffatan; warrii raagota fixee, isan ammoo awwaala jaartaniif.
49
Tanaaf Waaqiilleen qalbii isaatin dubbatee, ‘Anin raagotaa fi ergamtoota warratti erga; akka warra ergan keessaa nama garii ijjeesanii, ka garii gaargalchan’ jedhe.
50
Tanaaf dhiiga raagota, haga laftii uumamtee ijjeesanii, cufaa dhaloota kana irraa barbaadan.
51
Haga dhiiga Abeelitii, jalqabee haga dhiiga Zakaariyas, ka fulaa sooriyoo itti qalanii fi balbala mana qulqulloo jidduutti ijjeesaniitii, ee'ee anin isanitti himaa, dhiiga cufaa dhaloota kana irraa barbaadan?”
52
“Gaargala keessan, jara seera beeku! Furaa balbala beekumsaa namaa duraa fuutanii; ufii seenuu diddanii, nama seenuu fedhuullee dhoortan” jedhe.
53
Innii achii deemnaan, jara seera beekuu fi Fariisotii guddoo isa gooyyessanii waan hedduu isa gaafatan;
54
akka eeganii dubbii afaan isaatin isa qaban.
← Chapter 10
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 12 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24