bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Luke 23
Luke 23
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 22
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 24 →
1
Gumiin cuftii kaatee Yesus Philaaxositti geesitee,
2
himachaa itti kaa'atee “Namichii kunin gosa teenna yakkee ‘Hayyicha Roomaa Qiisarii qaraxaa hinbaasiinaa’ jedhe; ammallee isaa, anin Kiristoo hayyuu ufiin jedhu dhageenne” jette.
3
Jennaan Philaaxos, “Ati hayyuu Yihudootaatii?” jedhee isa gaafate innii, “Atuu ya jette” jedhee deebiseef.
4
Jennaan Philaaxos qaallolee gugurdoo fi gumiin, “Anin wallaala nama kana irratti hingarre” jedhe.
5
Warrii ammoo isa irratti didee, “Innii biyya yakkee lafa Yihudaa cufa keessatti, haga Galiilatii fi haga armaallee barsiisaa” jedhe.
6
Philaaxos dubbii tana dhageennaan akka namii kun nama Galiilaa gaafate.
7
Akka innii hayyuu Herodis jala jiru dhageennaan Herodisitti erge; Herodis ammoo yo sun Yerusaalem jira.
8
Herodis Yesus arginaan guddoo gammade; waan haguma durii oduu isaa dhagayee isa arguu fedheef; ammallee waan waan mamaa ta Yesus tolchu arguu fedheef.
9
Duuba gaafii hedduu isa gaafate, Yesus ammoo homaa itti hindeebimne.
10
Qaallolee gugurdoo fi jarii seera beeku bira ejaajjee, dubbii jabduun Yesus himate.
11
Herodisii fi warrii waraanaa ka isaalleen Yesus tuffatanii gooyyesanii, wayaa dansaa itti uyyisanii Philaaxosiitti deebisan.
12
Guyyuma sun Philaaxosii fi Herodis warrii durii walii nyaaphaa, waldhaqanii jaala walii ta'an.
13
Philaaxos qaallolee gugurdoo, jara gugurdaa biyya bulchuu fi biyya yaamee,
14
“Isan nama kana nattiin dhuftaniitti, innii nama walti yakke jettanii isa himattan. Anin isanuma duratti gaafannaan jallu isan isa himattaniin tokkoollee irratti hingarre,
15
Herodisiilleen akkasuma homaa irraa dhabe, tanaaf innii isa nutti deebise. Wantii innii tolche ta du'uu maleef tokkoolleen hinjirtu.
16
Tanaaf anin isa dhaneetti galakkisa” jedhe.
17
Philaaxos guyyaa jila dabarsaa cufaa nama tokko hiikuu male.
18
Gumiin cuftii iyyitee, “Nama kana nurraa balleesii, Barabbaa nu hiikii” jette.
19
Barabbaa, waan innii dira keessatti lola baasee nama ijjeeseeef hidhan.
20
Philaaxos, waan Yesus hiikuu fedheef, ammallee warratti dubbatee,
21
warrii ammoo, “Fannoo gubbaatti isa fannis, isa fannis!” jedhee itti iyyee.
22
Philaaxos marroo sadeessoo, “Maaliif? Waan hamtuu maan tolche? Anin waan tokkollee ka innii du'uu maleef hingarree, tanaaf anin dhaneetti isa hiika” jedhe.
23
Warrii ammoo jabbeessee qoonqoo guddoon iyyee, akka Yesus fannisaniif kadhate. Eegee iyyantii warraa isa dabsatee,
24
Philaaxos akka waan warrii fedhu tolchan mure.
25
Innii nama warrii fedhu, ka waan lolatii fi waan ijeechaatiin hidhan kaan hiikee, Yesus ammoo akka waan fedhan tolchan harka warratti kenne.
26
Adoo isa fuudhanii geessanuu, namicha biyya Qareenaa ka Simoon jedhan tokko, ka gara oobruuttii dhufuu jiru qabanii, akka innii fannoo baatee Yesus gulaan deemu irra kaa'an.
27
Gumiin guddoon isa gula yaate, gumii sun keessaa ammoo nadheen laalefattee isaa bootteetti jira.
28
Yesus gara isaanii garagalee, “Dubra Yerusaalem, naa hinboo'iinaa, ammoo ufii fi ilmaan teessanii boo'aa;
29
wantii akkanatiif Guyyaan maseenaa fi nadheen takka dhaltee ilmee hinhoosisiin ta eebbifamte jedhan indhufa?
30
Gaafas gaarreeniin, ‘Nurraatti jigaa!’ kubiilleen, ‘Nu dhossaa!’ jedhan.
31
Yo waan kana adoo mukii dottaatuu tolchan, gaafa mukii gogogge maan taati?” jedhe.
32
Ammallee nama lamaatti ka wa yakkee, isa waliin ijeechaa geessan jira.
33
Fulaa Buqqee Mat. aa jedhan geennaan, achitti fannootti isa fannisan. Jara lamaan tokko ka wa yakkeellee, tokko gama mirgaatti kaan ammoo gama bitaatti fannisan.
34
Yesus, “Aabboo, warra kanaa araaram, waan tolchuu jiran hinbeekanii” jedhe. Warrii ammoo wayaa isaa hixaa buufatee qoodate.
35
Biyyitii olejaajjitee daawwatte; jarii gugurdaan Yihudootaa isa gooyyeessee, “Innii yo Kiristoo Waaqii foohate ta'e, nama dhiibii la baasee ufi ha baasuu” jedhan.
36
Warrii waraanaalleen isa akkeessee daadhii singigooftuu itti kennee,
37
“Atin yo hayyuu Yihudootaa taatee ufi baasi” jedheen.
38
Barruu tana mataa isa gararootti barreessanii, “Kunin hayyuu Yihudootaa” jedhan.
39
Jara wa yakkee achitti fannisan lamaan keessaa tokko Yesus gooyyeesee, “Ati Kiristoonitii? Ufi baasii, nullee baas!” jedheen.
40
Kaan ammoo isa dhowwee, “Ati adoo sii fi isaallee muraan teessaan takkaa taateellee Waaqaa hinsodaattuu?
41
Nu dhugumaa nutti muraan; gatuma waan hujii teennaa arganne; namichii kunin ammoo homaa hin yakkine!” jedhe.
42
Jennaan Yesusiin, “Yesus, yo guddinna kankee seentu na qaabadhu!” jedhe.
43
Yesusilleen deebisee isaan, “Anin dhugumaan, sitti himaa, ardha atin na waliin mootummaa Waaqaa keessa teetta” jedheen.
44
Laftii guyyaa guddaa geennaan aduun ibsuu lakkichee haga saafa'aa dukkanoofte.
45
Gollii Mana Waaqaa jidduutti fulaa lamaatti gargaarii tarsa'e.
46
Yesus qoonqoo guddoon lallabee, “Aabboo, lubbuu tiyya harka kankeetti lakkisa!” jedhee ciche.
47
Guddaan warra waraanaa waan ta'e arginaan, “Namichii kunin dhuguma nama qajeelaa!” jedhee Waaqaa faarse.
48
Gumiin daawwachuu dhufte cuftii waan ta'e arginaan mataa gingilfachaa gara mana ufii galte.
49
Jaallan isaa cufaa fi nadheen Galiilaa ta isa gula dhufteelleen fagoo irraa ejaajjitee waan kana daawwatte.
50
Biyya Yihudootaa olaa Armaatiya keessa nama dhugaa dansaa, tokkootti ka Yoseef jedhan jira. Innii kora warraallee keessa jira; ammoo herregaa fi hujii warraallee hinquufu. Innii ammallee nama Mootummaa Waaqaa eegatu.
52
Duuba namichii kunin gara Philaaxos dhaqee, reeffa Yesus kadhate.
53
Jennaan fannoo irraa gabuusee, wayaa marduufaatiin mammaree, goda dhakaa ka takka nama itti hinawwaaliin keessatti awwaale.
54
Guyyaan sun guyyaa Kurfeeffachaa, guyyaan Sanbataalleen la dhi'aate.
55
Nadheen haga lafa Galiilaa isa gula dhuftee dhaxxee awwaala agartee, akka reeffa ciifsisaniillee lalte.
56
Jennaan dachatee, waan urgooftuu fi dhadhaa qayya qabu midhasitee, guyyaa Sanbataa ammoo akkuma seerii jedhu boqatan.
← Chapter 22
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 24 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24