bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Luke 7
Luke 7
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 8 →
1
Yesus dubbii namaatti himuu fedhe taan cufa himee buufannaan ka'ee Qifirnaahom dhaqe.
2
Duuba hojjataa shuumii tokko ka shuumiin sun guddoo jaalatu fayyadhabee ka lubbuu ta'e.
3
Shuumiin sun waan Yesus dhageennaan jaarrolee Yihudii isaatti ergee, akka innii dhufee hojjataa isaa fayyisuuf kadhate.
4
Yesus dhumnaan guddoo kadhatanii, “Nama kana dhugumaa waan kana tolchuuf malte,
5
Innii gosa teenna jaalataa, ammallee mana waldeennaa tokko ya nuu jaaree” jedhan.
6
Jennaan Yesus warra waliin deeme. Shuumiin kaan Yesus mana isaatti dhi'aannaan jaallan ufii itti ergee, “Aabboo, hingaargaliin! Atin mana kiyya keessa seenuu hinmallee;
7
anilleen gara kankee dhufuu hinmallee; ammoo dubbuma tokko callaa dubbadhu hojjataan kiyya infayyaa.
8
Anilleen seera jala jira, warrii waraanaalleen na jala jira. Yo anin tokkoon, ‘Deem’ jedhuu, innii indeema; yo ka dhibiin, ‘Kootti’ jedhuu, innii indhufa; yo hojjataa kiyyaan, ‘Akkana tolchi’ jedhuu, innii intolcha” jedhe.
9
Yesus dubbii tana dhageennaan guddoo mamee, gumii isa gula yaatuutti garagalee, “Anin dhuguma isanitti himaa, dhugeeffachaa akkanaa tana anin takka Israa'el keessalleetti hingarre” jedhe.
10
Jarii ergan kaan manaatti dachanaan hojjataa fayye arge.
11
Eegii sunii Yesus dira Naayin jedhan dhaqee jennaan, jara isaatii fi gumiin guddoon isa gula yaate.
12
Fuloo diraatti dhi'aannaan, nama reeffa baatee yaa'uun arge. Namii du'e sun ilma tokkocha niitii dhiirsa hinqamneeti; namii dira sunii hedduun isii waliin jira.
13
Aabboo Yesus isii arginaan na'eefii, “Hinboo'in!” jedheen.
14
Itti dhi'aatee wasaasaa reeffaan baatan taan tuqee jennaan, jarii baatu kaan ejaajje. Innii, “Gurbaa, anin ka'i siin jedha!” jedheen.
15
Yoosuma gurbaan du'e kaan ka'ee taa'ee dubbatee jennaan, Yesus haadha isaatti kenne.
16
Namii cuftii bakaakee, “Raagii guddaan yaayyuu jidduu teennaa ka'e; Waaqii la gumii ufiitti mullate” jedhee Waaqaa faarse.
17
Gurrii isaa lafa Yihudaatii fi reera sun cufa ga'e.
18
Jarii Yoh. aannisii oduu tana cufa isaatti himee,
19
Jennaan, Yoh. aannis jara ufii keessaa lama yaamee Aabboo Yesusiiti ergee, “Atin ka indhufa jedhan moo ka dhibii eenna?” jedhe.
20
Jarii kaan isaan baanaan, “Yoh. aannisii nama cuuphuutti gaafadhaa jedhee sitti nu ergee, ‘Atin ka indhufa jedhan moo ka dhibii eenna?’ ” jedhee gaafate.
21
Yoma sun Yesus nama dhukkuba gargaraa qabu, ka jinniin gaargalchitee fi nama ballaa hedduullee fayyise.
22
Innii ergamtoota Yoh. aannisitiin, “Dhaqaa, waan argitanii fi waan dhageettan Yoh. aannisitti himaa! Ballaan lafa arga; naafii ka'eetti deema, namii qomaaxaa qabu inqulqullaa, ka gurrii duude indhagaa; nama du'e inkaasan, oduu dansaa hiyyeeyyiitti himan.
23
Namii na hinmormannee ka badhadhe!” jedhe.
24
Ergamtootii Yoh. aannis yaanaan Yesus waan Yoh. aannisii gumiitti dubbatee, “Isan lafa gammoojjii maal daawachuu dhaxxan? Illadduu bubbeen chochooftuu?
25
Yoos maal daawachuu dhaxxan? Nama wayaa dansaa uyyifatuu? Hubadhaa, namii shoobu, ka machii fedhu, mana hayyuu keessa taa'a.
26
Maal daawachuu dhaxxan ree? Raagaa? Ee'ee, ammoo anin isaaniitti himaa, Nama raaga irra jiru argitan.
27
Yoh. aannis kama barreessii keessatti Waaqii baanee, ‘Kunin ergamaa kiyya, anin si duratti isa erga, akka innii dhaqee daandii tantee si duratti midhaassu’ ” jedhe kaan.
28
“Anin isanitti himaa, Namii lafa tana irratti dhalate tokkkoolleen ka Yoh. aannis irra jiru hinjiru; ammoo namii Mootummaa Waaqaa keessatti nama cufa irra diqqaa isa irra jira” jedhe.
29
Namii cuftii waan kana dhageenaan, warrii qaraaxa guuruyyuu, waan harka Yoh. aannisiitti cuuphameef akka karaan Waaqaa dhugaa ta'ee hime.
30
Fariisotaa fi jarii Seera beekku ammoo waan Yoh. aannisiin hincuuphamaniif herrega Waaqaa dide.
31
Yesus itti dabree, “Nama dhaloota kanaa maaniin walti akeeka? Warrii maal fakkaataa?
32
Warrii ijoollee fulaa gabayaa teteettee wal yaamtu, ta, ‘Dibbee isanii dhoomnee sirbuu diddan; laalalaan iyyinnee ammoo isan boo'uu diddan’ waliin jettu fakkaata.
33
Yoh. aannisiin nama cuuphu dhumnaan qixxaa hinnyaanne, daadhiillee hindhunne, isan ammoo, ‘Innii maraataa’ jettaniin.
34
Ilmii namaa dhumnaan nyaatee dhuge; isan ammoo, ‘Sabdicha, ammallee machaa'aa kana ilaalaa ka daadhii dhugu; innii jaala warra qaraxa guuruutii fi ka nama cubbichaati’ jettan.
35
Ammoo akka qalbiin Waaqaa dhugaa taatee, warra dhugeeffateetti garsiisa” jedhe.
36
Namichii Fariisotaa tokko Yesus gololaa yaamee jennaan, Yesus mana isaa seenee nyaachuuf taa'e.
37
Jennaan niitiin cubbitiin dira sunii takka, akka Yesus mana namicha Fariisichaa keessatti sagalee nyaachuu jiru dhageennaan, duloo dhadhaa qayyaa qabduun dhufte.
38
Isiin duuba fulaa miila isaa ejjitee boottee imimaan miila isaa irratti cocobsitee, rifeensa mataa ufiitiin irraa haxxee, miila isaa dhungattee, dhadhaa dibde.
39
Namichii Fariisotaa ka isa yaamee gololche kaan waan kana argee jennaan, garaa ufii keessatti, “Namichii kunin adoo silaa raaga ta'ee, akka niitiin isa tuxxu tunin nama akkam taatee inbeeka; isiin cubbamtuu” jedhe.
40
Yesus ammoo deebiseefii, “Simoon, anin dubbii tokko ta siin jedhu qaba” jennaan innii, “Aabboo, maal?” jedhe.
41
“Nama tokkootti ka namii lamaa beesee irraa liqeefate jira; tokko qarshii kuma shanii, kaan ammoo qarshii dhibba shanii irraa liqeefate.
42
Warrii lachuu baasuuf dadhabee jennaan, namichii kaan akkasumaatti lakkiseef. Tanaaf, akka keetiitti warra kana lamaan, kamiitti irra isa jaalata?” jedhe.
43
Simoon deebiseefii, “Akka anin se'uutti, ka horii irra guddaa lakkisaniif” jedhe. Yesus, “Dhuguma baanta” jedhee,
44
niitiitti garagalee, Simooniin, “Niitii tana agartaa? Anin mana kankee seennaan atin bisaan miilaallee naa hinkennine, isiin ammoo imimaan ufiitiin miila kiyya dhixxee, rifeensa mataa ufiitiin narraa haxxe.
45
Atin na hindhunganne, isiin ammoo haga anin arma seenee miila kiyya dhungachuu hinlakkimne.
46
Mat. aa kiyya atin hinmuunne, isiin ammoo miila kiyya dhadhaa qayyaa dibde.
47
Tanaaf anin sitti himaa, Mar. roo isiin guddoo na jaalatteef cubbuu isii hedduu la araaramaniif. Ka diqqoo araaramaniif sunin ammoo diqqoo jaalata” jedhe.
48
Jennaan innii isiin, “Cubbuu tantee la sii araaraman” jedhe.
49
Jarii isa waliin tataa'u garaa ufii keessatti, “Eennu kunin ka cubbuullee danda'ee namaa araaramu?” waliin jedhe.
50
Jennaan innii niitii taaniin, “dhugeeffachaan tantee la si baaftee, been, nagaan gali” jedhe.
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 8 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24