bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Luke 16
Luke 16
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 15
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 17 →
1
Yesus jara ufiitiin, “Durii dureessa tokkotti, ka nama hojii isaa cufa to'aatuuf qabu jira. Duuba dhufanii, ‘Namii kankee kunin horii kankee balleessuu jira’ jedhaniin.
2
Jennaan innii isa yaamee, ‘Wantii anin sirratti dhaga'u kun maan? Waan armaa achi itti deebitee naa hojachuu hindandeeneef horii kiyya cufaa hedii, harka kiyyatti deebisi!’ jedheen.
3
Hojjataan kaan ufiin, ‘Amma Abbaan hujii keessaa na baasaa, anin maan ta'a? Danda'ee oobruu hinqotu, wa kadhachuullee inceeraa.
4
Akka yo hujii tana keessaa na baasan biyyitii manneen ufiitti na yaamtuu anin waan tolchu yaayyu maladhe’ jedhe.
5
Tanaaf nama abbaan isaa gatii irraa qabuu cufaa tokko tokkoon yaamee nama qaraatiin, ‘Gatii abbaa kiyyaa hagam qabda?’ jedhee gaafate.
6
Namichii kaan deebiseefii, ‘Dhebbee dhibba tokkoo ta dhadhaa’ jedhe. Jennaan innii isaan, ‘Waraqata kankee ka irratti barreessan fuudhii, hurrisii taa'ii, shantama barreessi’ jedheen.
7
Ammallee ka dhibiinii, ‘Atin gatii isaa hagam qabda?’ Jennaan namichii kaan, ‘Kintaala dhibba lamaa ka dargaayyee’ jedhe. Isaalleen, ‘Waraqata kankee ka irratti barreessan fuudhii, dhibba tokkoo fi jaatamaa barreessi’ jedhe.
8
Abbaan hojjataa kiyyibaa kaan marroo qarooma isaatiif guddoo saade; wantii akkanatiif namii waan lafa tanaa gula deemu nama ibsee gula deemuu irra mala lafa tanaa beeka.”
9
“Anin isanitti himaa, akka yo horiin dhumate mana hegeriitti isan yaamanii, horii lafa tanaatiin jaala tolfadha!
10
Nama waan diqqoon dhugeeffatan waan guddoolleen dhugeeffatan; ammallee nama waan diqqoon dhaareffatan waan guddoolleen indhaareffatan.
11
Tanaaf yo qaraa horii lafa tanaatiin isan dhaareffatan eentu danda'ee horii dhugaatiin isan dhugeeffata?
12
Ammallee yo horii nama dhibiitiin isan dhaareffatan eentuu waan keessan isanii kenna?”
13
“Namii abbaa tokkoo hojjatu, danda'ee abbaa lamaa hinhojjatu; wantii akkanatiif egerii tokko jibbeetti kaan jaalata, yokaan tokkoon waldhaqeetti kaaniin waldhaba. Isan dandeettanii Waaqaa fi horii fulaa takkaa hinhojjattan” jedhe.
14
Fariisotii ta guddoo horii jaalattu, waan kana cufaa dhageennaan isa gooyyeesite,
15
Yesus ammoo warraan, “Isan warra nama duratti ufii dhugeessu, Waaqii ammoo garaa keessan inbeeka; wantii akkanatiif waan namii waan guddoo wa namaa baatu se'uu Waaqii homaa hinse'u.”
16
“Seera Museetii fi barreessiin raagootaa haga Yoh. aannisii nama cuuphuu calla jabeenna qabdi; duuba achii asi Oduu Dansaa Mootummaa Waaqaa himan, namii cuftii Mootummaa sun irreen seenuu jira.
17
Ammoo fulaa dubbiin seeraa diqqoon tokkoolleen badduu, yo lafaa fi gubbaan dabartu irra laaftuu.”
18
“Namii niitii ufii lakkisee ta dhibii fuudhu ya cubbuu tolche; namii niitii dhiirssii lakkise fuudhuulleen ya cubbuu tolche” jedhe.
19
“Durii namicha dureessa tokkootti jira, ka wayaa mimidhaadduu gatii guddoo naqatee guyyaa cufa gammadaa deemu.
20
Ammallee namicha hiyyeessa nafii isaa cuftii mammadaa'ee sareelleelleen dhuftee madaa isaa arraabdu, ka Alazaar jedhan tokkootti,
21
ka akka innii hambaa sagalee, ta xarapheezaa namicha dureessaa irraa jiddu nyaatu, balbala isaa dura kaa'an jira.
22
Hiyyeessii sun du'ee jennaan ergamtootii Waaqaa olfuutee gara bobaa Abrahaamitti geessite. Dureessiilleen du'ee awwaalan.
23
Fulaa ekeraatti guddoo gaargalee, olmillannaan Alazaar ka bobaa Abrahaam jala taa'u fagootti arge.
24
Jennaan lallabee, ‘Aabboo Abrahaam, naa na'ii, akka fiixee quba isaa bisaan keessa kaa'ee arraba kiyya naa qabbaneessu Alazaar natti ergi; anin ibidda kana keessatti gubachuu jira’ jedhe.
25
Abrahaam ammoo, ‘Gurbaa, akka bara jireenna kankeetii waan dansaa argattee qaabadhu, gaafas ammoo Alazaar waan hamtuu argate; ammoo amma isa armaatti qorqoratan, atin ammoo gaargaluu jirta.
26
Tana maleellee, akka namii armaa ba'ee gara keessan taakkuu hindandeenne, akka namii gara keessaniilleen nutti taakkuu hindandeenne bowwaa guddootti nuu fi isan jidduu jira’ jedhe.
27
Namichii dureessii kaan ammoo, ‘Aabboo yoos, anin si kadhaadha, anin obboleeyyan shan qabaa,
28
akka warrii fulaa tiyya ta gaargalaa tana hindhumne, ha deemee warra gorsuutii Alazaar gara warra keennaa ergi’ jedhe.
29
Abrahaam ammoo, ‘Warrii Kitaaba Musee fi raagootii barreessiti qabaa, ha dubbii warraa dhaga'anitii’ jedhe.
30
Innii ammoo, ‘Hiyyoo, Aabboo Abrahaam, yo silaa namii tokko du'a keessaa ka'ee dhaqee warratti hime warrii cubbuu irraa deebi'a’ jedhe.
31
Abrahaam ammoo, ‘Warrii yo Musee fi raagoota hindhaga'iin, adoo namii du'a keessaa ka'ee warratti himeellee hindhugeeffatu’ ” jedhe.
← Chapter 15
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 17 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24