bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Luke 19
Luke 19
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 18
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 20 →
1
Yesus Yerikoo seenee dira keessa dabre.
2
Nama Zakewos jedhan tokkotti achi jira, innii guddaa warra qaraxa guuruuti, ammallee dureessa.
3
Innii Yesus barbaadee akka innii jiru arguu fedhee, ammoo marroo nama gabaabaa ta'eef, ammallee marroo guddinna gumitiif arguu dadhabe.
4
Innii akka Yesus karaa suniin dabru dhageennaan utaalee dura dabree akka isa argu odaa tokko kore.
5
Yesus achi geennaan gubbaa olmillatee isa argee, “Zakewos, hurrisii gad bu'i, anin ardha mana kankee ooluu malee!” jedheen.
6
Innii hurrisee gabu'ee gammachuun mana ufiitti yaame.
7
Namii arge cuftii, “Innii yaayyuu mana nama cubbichaa olseene” jedhee gugungume.
8
Zakewos ammoo ol ka'ee Aabboon, “laal Aabboo, anin horii kiyya keessaa gama tokko hiyyeeyyii qoodaa, anin yo nama tokkoollee horii dabaan irraa fudhadhe, marroo afurii deebisaaf” jedhe.
9
Yesus deebiseefii, “Waan atin ilma Abrahaam taateef ardha baafamii la mana kana dhufe.
10
Wantii akkanatiif ilmii namaa ka bade barbaadee baasuu dhufe” jedhe.
11
Adoo warrii dubbii isaa dhaga'uu jiruu, Yesus waan Yerusaalemitti dhi'aateef, ammallee waan warrii waan mootummaan Waaqaa yoosuma mullattu se'eef mammaassa kana warratti hime.
12
Duuba Yesus, “Namichii guddaan tokko akka hayyooma argatee deebi'u imaltuu lafa fagoo dhaqe.
13
Innii hojjattotaa ufii kudhan yaamee namuu qarshii kuma tokkoo itti keennee, ‘Haga anin galuutti horii kanaan daldala’ jedhe.
14
Warrii lafa sunii ammoo isa jibbee, ‘Akka namii kun hayyuu keenna ta'u nu hinfeenu’ jedhee jaarrolee faana isaa erge.”
15
“Innii hayyummaa ufii fudhatee gallaan, waan daldalee warrii argate laluuf hojjattoota horii itti kenne taan yaame.
16
Namichii qaraa dhufee, ‘Aabboo, qarshii tantee ta atin na kenniteen hojjadhee la marroo kudhan dhalte’ jedhe.
17
Hayyichii, ‘Akka dansaa tolchitee, atin hojjataa dansaa! Waan nama dhugaa taatee waan diqqqoo guutteef dira kudhan moohadhu’ jedheen.
18
Namichii lameessoo dhufee, ‘Aabboo, qarshii tantee ta atin na kenniteen hojjadhee la marroo shan dhalte’ jedhe.
19
Jennaan innii isaalleen, ‘Atinlleen dira shan moohadhu’ jedhe.
20
Namichii sadeessoo dhufee, ‘Aabboo laal, waan atin nama naasuu hinqamne ka waan namaa fudhatu, ka oobruu namaa muratu taateef, si sodaadhee bututtuun hidhee olka'ee qarshiin tantee tanaa’ jedhe.
22
Innii ammoo, ‘Atin hojjataa hamaa! Anin jecha keetiin wallaala sitti mura! Ati akka anin naasuu hinqabuu waan namaa fudhadhee, midhaan namaa muradhu yo beettee,
23
Maaf horii kiyya fulaa innii wa naa daruufii ol hinka'iin ree? adoo silaa akkas tolichitee, anin yo galu, horii kiyyaa fi waan irra dhufaallee waliin fudhadhaa’ jedhe.
24
Jennaan warra dhaattuu ejaajju kaaniin, ‘Qarshii irraa fuudhaa namicha kuma kudhan qabu kaanii kennaa’ jedhe.
25
Warrii ammoo, ‘Aabboo, innii qaraa qarshii kuma kudhanii qaba’ jedhe.
26
Yesus ammoo, anin isanitti himaa, nama qabu cufaa itti daraniif, ka homaa hinqamne ammoo waan diqqqoo innii qabuullee irraa fuudhan.
27
‘Ammallee nyaapha kiyya kaan, ka akka anin moohadhu dide, armaan koottaa na duratti gogorraa’ ” jedhe.
28
Waan kana jennaan Yesus dura deemee Yerusaalemitti olqabate.
29
Betfaagee fi Bitaaniyatti, gaara, “Gaara Ejersaa” jedhaniitti, dhi'aannaan jara isaa keessaa lama ufi dura ergee,
30
“Haga ollaa isan duraa sun yaa'aa, yo achiin baatan bukura harree ka namii takka irra hintaa'in argitanii, hiikaa koottaan.
31
Yo namii, ‘Maaf hiittan?’ isaniin jedhee, ‘Aabbootti fedha’ jedhaa” jedhe.
32
Jarii ergan kaan ka'ee yaa'ee akkuma innii itti hime arge.
33
Adoo warrii bukura kaan hiikuu, abbootiin, “Maaf bukura hiittan?” jetteenii gaafate.
34
Warrii ammoo, “Aabbootti fedha” jedhee deebiseef.
35
Jennaan Yesustiin dhufanii, wayaa ufii bukura gubbaa raranii Yesus yaabbachiisan.
36
Adoo innii gulufuu, biyyitii wayaa isaanii karaa innii deemu irratti afteef.
37
Innii kooffee Gaara Ejersaa jedhanitti dhi'aannaan, marroo waan mamaa kana garteef, gumiin jara isaa guddoon gammachuun qoonqoo olfudhatee Waaqaa faarsitee,
38
“Hayyuun maqaa Waaqaatin dhufu ka eebbifame! Nagaa fi guddinnii Waaqaa gubbaatti ha ta'u!” jedhan.
39
Jennaan Fariisotii garii, ta gumii keessa jirtuu, Yesusiin, “Aabboo, jara kankee kanaan, callisaa jedhi!” jetteen.
40
Yesus ammoo, “Anin isanitti himaa, Yo silaa gumiin tun callifte, dhakaayyeen tun iniyyiti” warraan jedhe.
41
Yesus diraatti dhi'aatee, dira arginaan boo'ee,
42
“Atin adoo silaa guyyaa kana waan nagaa lafa tanaatiin dhufaa beettee, guddoo dansaa! Amma ammoo la si dhossan,
43
Guyyaan, nyaaphii kankee dalla sitti jaaree, si marsee ba'uu si dhowwu indhufa.
44
Waan atin guyyaa Waaqii dhufee si baasuu hinbeenneef, nyaaphii kankee sii fi ijoollee tantee ta si keessa jirtuullee irreen lafa isan harcaasa, duuba dhakaa kankee kana tokkoollee walirratti hinhambisan” jedhe.
45
Yesus Mana Waaqaa seenee nama keessatti wa gurguratu alatti gussee,
46
“‘Manii kiyya mana Waaqaa itti kadhatan’ jedhanii la barreessan, isan ammoo ya goda hattuu tolchittan” jedhe.
47
Innii guyyaa cufa Mana Waaqaa keessatti barsiisa. Qaallolee gugurdoo fi jara seera beekuu maanguddoota biyya ida'atanii karaa isaan ijjeessan barbaadan.
48
Ammoo marroo namii cuftii dubbii isaa gurra tokkoon caqasuu jiruuf waan isa tolchan dhaban.
← Chapter 18
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 20 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24