bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Luke 21
Luke 21
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 20
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 22 →
1
Yesus olmillatee jennaan, dureeyyii horii Waaqaa baaftu arge.
2
Ammallee niitii hiyyeettii dhiirsa hinqamne tokko ta dururuu lama achi keessa buuftu arge.
3
Innii, “Ani dhugumaan isanitti himaa, niitiin hiyyeetiin tun nama cufaa irra wa baafte.
4
Wantii akkanatiif jarii kaan cuftii horii ufii guddaa keessaa baase; isiin ammoo hiyyummaa ufii keessaa horii qabdu cufaa baafte” jedhe.
5
Adoo namii garii waan Mana Waaqaa, akka dhakaayyee dansaa fi akka waan Waaqaa baasaniin midhaassan, haasa'uu Yesus,
6
“Guyyaan waan isan argitan kana cufa gargarii jissanii, dhakaan tokkkoolleen walirratti hinhamne indhufa” jedhe.
7
Warrii Yesusiin, “Aabboo, wantii kun yoom taati? Yo wantii kun dhiaattu akeeka akkamitti mullata?” jedhe.
8
Innii warratti himee, “Eegadha, akka isan hinsobne, nama hedduutti ‘Anin Kiristoo’ ammallee, ‘Fulaan ya dhiaatte’ jedhee, maqaa kiyyan dhufaa, warra gula hindeeminaa!
9
Lola fi hadhiisa, yo dhageetan, hinsodaatinaa; wantii kun qaraa dhufuu maltee, ammoo muummeen diqqqoo hingeenne” jedhe.
10
Jennaan innii warraan, “Gochii gosaan walhati, laftii lafaan walhati;
11
lafti guddoo chochooti, fulaa hedduu beela fi dhukkubaatti dhufa; waan nama muddamsisaatii fi akeeka guddaatti Waaqaa gubbaa mullata.
12
Ammoo waan kana cufaa duratti isan qabanii gaargalchanii, Manneen Waldeennaa duraan isan dhufanii, mana hidhansaa keessa isan buusanii, marroo maqaa kiyyatiif hayyootaa fi jaallaba dura isan geesan.
13
Yo'ii kun yo dansaa isan oduu dansaa himtan.
14
Tanaaf akka waan deebiftan hindhindhinsinee, duraattuu garaa kutadhaa.
15
Anaatti afaanii fi qalbii, nyaaphii keessan tokkoolleen danda'ee morkeenii hintuffanne isanii kennaa.
16
Warrii isan dhale, obboleeyyan, fiixaa fi jaallan teessaniilleen isan gurguratti; isan keessaa nama garii inijjeesan.
17
Naaf jedhee namii cuftii isan jibba.
18
Ammoo rifeensii mataa keessanii tokkkoolleen hinbaddu.
19
Jabaadhaa obsaa, akkasi callaan lubbuu teessan baaftan” jedhe.
20
“Ammoo yo duula Yerusaalem marsu argitan, akka baddiin isii dhi'aatte beekaa.
21
Yo sun namii lafa Yihudaa keessa jiru ha gaarreeniitti baqatuutii, namii dira keessa jiruulleen ha keessaa ba'uu, namii ala jiruulleen dira hinseenin.
22
Wantii akkanatiif kunin guyyaa haaloo baafatan, ka waan barreessan cufaa guutan.
23
Gaargala, nadheen gaafasi garaacha qabduu, yokaan ta hoosiftuu. Gaargalii guddaan lafa tanaatti, dheekkamisii Waaqaa gosa tanaatti indhufa.
24
Warra garii goraadeen fixanii, ka hafeellee booji'anii lafa dhibii geessan. Gochii dhibiin dhufteetti haga guyyaan isii hobba'uutti Yerusaalem irra ejaajjatti” jedhe.
25
Yesus itti dabree, “Akeekaatti aduu, ji'aa fi urjii keessa mullata. Lafa irraalleetti gochitii cuftii goohannaa fi dhawaa galaanaa sodaateetti waan taatuu wallaaltee ufi jibbaatti.
26
Namii yo waan lafaatti dhufaa herregu, naasuun gaggaba, wantii akkanatiif wantii gubbaa jiraa cuftii chochooteetti karaa ufii irraa gorti.
27
Gaafas ilma namaa, ka jabeennaa fi ulfiinna guddaan duumansa keessa dhufu argan.
28
Yo wantii kun qaraa taatuu, mataa olfudhadhaa, olmilladhaa, baafamii keessan ya dhi'aatee” jedhe.
29
Jennaan Yesus mammaassa kana warratti himee, “Odaa fi muka cufaa laalaa.
30
Yo innii baala baase, akka caamsaan dhi'aate inbeettan.
31
Akkasuma, yo waan kana ka ta'aa argitan, akka Mootummaan Waaqaa dhi'aatte beettan.
32
Dhugumaa waan anin isanitti himuu, haga wantii kun cuftii guutamtuutti dhalootii kun hindabru.
33
Lafaa fi gubbaan indabartii, dubbiin tiyya ammoo hindabartu” jedhe.
34
“Ammoo, akka garaan keessan waan quuftan, machiitii fi dhiphuu lafa tanaa hinheregne, akka guyyaan sun akka xuruuraa tassa isan irra hinbuune ufi eegadhaa;
35
wantii akkanatiif guyyaan sun nama lafa irra jiruu cufaatti dhufa.
36
Yo cufaa eegadhaa, akka waan dhufaa kana cufaa jalaa baatanii, ilma namaa dura ejaajjitan kadhadhaa” jedhe.
37
Yesus guyyaa guyyaa Mana Waaqaa keessatti nama barsiisee, galgala galgala ammoo gara gaara, “Gaara Ejersaa” jedhanii dhaqee achi gubbaa bule.
38
Namii cuftii ganama ka'ee akka isa caqasu Mana Waaqaa yaa'e.
← Chapter 20
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 22 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24