bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Acts 1
Acts 1
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 2 →
1
Ee Tewofilos kitaaba qaraa keessatti anin waan Yesus haga hujii ufii itti keeyatee hojjatee fi waan innii,
2
haga guyyaa gubbaatti oldeebi'eetii asi barsiise cufaa la sii barreesse. Adoo gubbaatti ol hindeebiin, innii jabeenna Hafuura Qulqullootiin jara qaraa foohate ergamtoota tolfateetti dhaame.
3
Yesus eegii du'e akka akka jiru warra ufii garsiisu guyyaa afurtamaa marroo hedduu, akka namii dandaa'ee hindhaarefanne, ergamtoota ufiitti mullatee, warrii isa argee innii waan mootummaa Waaqaallee warraatti hime.
4
Adoo warra waliin jiruu, innii seera ufii warraatti kennee, “Yerusaalem keessaa hinba'inaa, ammoo qarqaarsa Aabboon isanii kenne, ka anin qara isaniitti hime eeggadhaa!
5
Yoh. aannis bisaaniin cuuphe, isan ammoo bultii diqqoo tokkoon duubaatti hafuura Qulqulloon cuuphamtan” jedhe.
6
Ergamtootii walwaldeennaan, “Aabboo, atin ammaatana mootummaa lafa tanaa Israa'eliitti deebiftaa?” jettee Yesus gaafatte.
7
Yesus ammoo deebisee warraan, “Guyyaa fi gannii Aabboon foohate harka isaa keessa jiraa, waan isan beekuu hinmaliin.
8
Ammoo yo hafuurii qulqulloon isan irra bu'ee jabeenna argattan; Yerusaalem, Yihudaa, Samaariyaa keessaa fi haga muummee lafaallee cufa naa dhugeesitani” jedhe.
9
Eegii innii dubbii tana dubbate, adoo warrii laaluu, innii gubbaatti oldeebi'ee, duumansii isaan duraa isa dhosse.
10
Adoo warrii ammallee ila itti qabee karaa innii ba'e sun gubbaa taa'ee ollaaluu, jarii lamaan tokko, ka wayaa adaadii qabu, warra bira ejaajje.
11
Jarii kaan, “Dhiiroo, warra Galiilaa, isan maaf ejaajjitanii Waaqaa keessa ol laaltani? Yesusiin kun, ka isan biraa gubbaattii oldeebi'e, akkanuma eegii tanaallee, akka isan isa gubbaa deemu gartani kana deebi'a” jedhe.
12
Jennaan guyyaa sambataa tokko ergamtootii Gaara Ejersaa, ka dhaattuu dira Yerusaalem, biraa yaatee gara diraatti dachaate.
13
Achiin baanaan, Phexrosii, Yaaqoobii, Yoh. aannisii, Indriiyaasii, Filiphosii, Toomaasii, Bartolomewosii, Maatewosii, Yaaqoobii, ilma Alfewos, Simoon Zelotee fi Yihudaan ilmii Yaaqoob dhaqanii mana qaraa keessa taa'ani ka olaanu kaaniitti dacha'an.
14
Warrii kun cuftii nadheen waliin, Maariyaam haadha Yesusitii fi obboleeyyan isaallee waliin garaa tokkoon Waaqaa kadhate.
15
Adoo haguu hinbulin, Phexros jidduu warra dhugeeffatee keessa ejjee (ka Warrii cuftii walti haga nama dhibba tokkoo fi diddamaa),
16
“Oboleeyyaan tiyya, barreessiin tun ta hafuurii qulqulloon afaan Daawititiin waan Yihudaa ka warra Yesus qabe Yesustiin dhufee fage guutamuu malte.
17
Wantii akkanaatiif Yihudaan qara namuma keenna ka nu hujiii takkaa waliin hojjanne.
18
(Yudaan eegii horiii dabaan argate kaaniin oobruu bitate, mataan lafaatti jigee dha'ee, garaan tarsa'ee, marimaan cuftii keessaa bu'an.
19
Namii Yerusaalem jiru cuftii waan kana dhagayee, afaan warraatiin oobruu sun maqaa ‘Akeldaamaa’ itti baase, akkasi jechuun ‘Oobruu dhiigaa’ jechuu.)
20
Wantii akkanaatiif kitaaba Faaruu keessatti barreessiin, ‘Manii isaa ha ona ta'uu, namii tokkoolleen itti hingalin. Ammallee namii dhibiin ha hujii isaa ta bulichiisaa fudhatuu’ ” jedhan.
21
“Tanaaf nama tokko ka bara nu Aabboo Yesus waliin teenne cufaa nu waliin jiruu, nu barbaachisa; namii sun nama haga Yoh. aannisii nama cuuphuutii jalqabee haga guyyaa Aabboo Yesus nu biraa gubbaatti olgalee nu waliin jiru ta'uu malee; akka du'aa ka'iisa, Aabboo Yesus nu waliin dhugeessu” jedhe.
23
Duuba Warrii nama lama maqaa dha'e; tokko Yoseef, ka Baarsaabaas yokaan Yosxos jedhan; ka lameessoo Maatiyaas.
24
Jennaan Waaqaa kadhatanii, “Aabboo, atin garaa nama cufaa inbeetaa, atin nama foohatte, jara lamaan kana keessaa nu garsiisi!
25
Akka innii hujii Yihudaan lakkisee fulaa isaa malte biraa deemee tana, keessa qooda argatee ergamaa ta'u” jedhe.
26
Jennaan hixaa buusanii, hixaan Maatiyaas irra bu'ee, innii ergamtoota kudhanii tokkotti darame.
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 2 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28