bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Acts 25
Acts 25
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 24
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 26 →
1
Fisxoos eegii guyyaa sadii lafa sun keessa taa'ee, Qiisaariyaa ka'ee Yerusaalem dhaqe.
2
Qaallolee gugurdoo fi Yihudiin akka Fesxoos warra qarqaaruuf isaatti dhi'aattee waan Phaawulos itti haasooftee,
3
“Wal mari'aattee isa ijjeessuuf karaa irratti dhokattee, Phaawulos Yerusaalemitti nuu ergi!” jettee isa kadhatte.
4
Fesxoos ammoo deebisee, “Phaawulos Qiisaariyaa keessatti hidhanii eeguu jiran, anilleen dhiyoottuu achi dhaqa.
5
Isan yo dandeettan, yo innii hammeenna tolche; akka nama kana himattan, na waliin koottaa” jedhe.
6
Jennaan Fesxoos guyyaa saddeet yokaan kudhan warra waliin bulee Qiisaariyaatti gadbu'ee, boriyyaa barcumaa abbaa qorsummaa irra taa'ee “Phaawulos yaamaa” jedhe.
7
Akkuma Phaawulos dhufeen, Yihudiin Yerusaalemii dhuftee isa bira ejjaajjitee waan jabduu hedduun Phaawulos himattee, ammoo waan tokkoollee ka dhugaa fakaataa dhaban.
8
Phaawulos ammoo, “Anin seera warra Yihudii irratti, Mana Waaqatii fi hayyuu Roomaa irraalleetti waan walaalaa tokkoollee hin hojjanne” jedhee falmate.
9
Fesxoos ammoo Yihudii gammachiisuu fedhee Phaawulosiin, “Akka Yerusaalemiitti ol baatee achiitti ani dubbii tantee qoru feetaa?” jedhe.
10
Phaawulos ammoo, “Ammumaayyuu anin barcumaa murtii ka hayyuu Roomaa dura ejjuu jira, fulaan tun fulaa itti na qoruu malan. Akkuma atuu beettuu anin Yihudii duraa homaa hin yakkine.
11
Anin yo wallaala qabaadhee yokaan yo waan du'uu maleef tolchee, du'a hindidu. Ammoo yo wantii na himataniif kunin hinjirree, namii tokkoolleen danda'ee harka warraatti na hinkennu. Anin hayyuu Roomaa inkadhadhaa” jedhe.
12
Fesxoosis warra kora isa waliin taa'uun mari'aatee jennaan, “ ‘Atin ya dubbii tiyya hayyuu Roomaatiin naa gaha’ jettee, fulaa isaa inuma deemta” jedhaniin.
13
Adoo haguu hin turin Agriiphaa hayyichaa fi Berniiqeen obboleetiin isaa, Fesxoos nagaa fuudhuuf Qiisaariyaa dhufan.
14
Eegii warrii guyyaa hedduu ach taa'e, Fesxoos waan Phaawulos Agriiphaa hayyiachaatti haasa'ee, “Namicha tokkotti ka Feeliks hidhaansa keessatti lakkise arma jira.
15
Gaafa anin Yerusaalem jiruu, qaallolee gugurdoo fi jaarroleen Yihudii akka isa himattee wallaala itti muran waan isaa na gaafatte.
16
Anin ammoo deebiseefii, ‘Akkii adoo nama himatanii fi warrii isa himatu walti dhufee, innii waan himatan sun hinfalmatin dabarsanii kennuun aadaa warra Roomaatiin’ jedhe.
17
Warrii arma waliin dhumnaan, anin diqqumaallee hinturee, boriyyaa barcumaa murtii irra taa'ee, nama sun nattiin koottaa” jedhee ajaje.
18
Warrii isa himatu ammoo dubbachuuf ol ejaajjinaan, akka anin qara sehe waan hamtuu homaa isa hinhimanne.
19
Wantii warrii walmormu waan dhugeeffachaa warraatii fi waan namicha Yesus jedhanii ka du'e tokko ka Phaawulos ammoo, “Innii injira” jedhuu.
20
Anin marroo dubbii akkanaa tana hinbeeneef, akka Phaawulos Yerusaalem dhaqee, achiitti murtii dubbii tanaa argachuu fedhu isa gaafadhe.
21
Phaawulos ammoo, “Anin kora hayyuu Roomaa eegadha” jedhee gaafanaan anin, “Haga hayyuu Roomaatii isa erguutti isa inqorqoradha” jedheen.
22
Jennaan Agriiphan Fesxoosiin, “Anin silaa ufiifuu dubbii nama kanaa dhaga'uu fedha” jedhe; Fesxoos ammoo deebisee, “Bor isa irraa indhageetta” jedheen.
23
Boriyyaa Agriiphaa fi Berniiqeen wayaa hayyumaa naqatanii ulfinna guddaan ajjajaa warraanaatii fi jara gugurdaa dira sunii waliin fulaa dubbii itti qoran olduudanii jennaan, Fesxoos nama ergee, “Phaawulos yaamaa gadiin koottaa!” jedhe.
24
Fesxoos, “Hayyuu Agriiphaa fi warra ardha arma nu waliin jirtan cufa, isan nama kana ka gumiin Yihudii cuftii Yerusaalemii fi armaallee natti dhuftee, ‘Innii jiraachuu hinmalle’ jettee iyyite ingartan.
25
Anin ammoo waan innii du'uu maleef tokkoollee hinargine, ammallee marroo innii akka gara hayyuu Roomaa dhaqu kadhateefii, anin ya akka isa ergu buufadhe.
26
Anin ammoo waan gara hayyuu guddaa barreessu hinqabu; tanaaf anin fuula keessan duraan, keessumatti ee Agriiphaa hayyichaa fuula kee duraan isa dhufe; akka eegii nu silaa isa qorree, anin waan barreessu argadhu.
27
Akki nama hidhaansa keessa jiru tokko adoo waan himataniif hinbeessisin gara hayyuu ergan fulaaniti” jedhe.
← Chapter 24
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 26 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28