bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Acts 20
Acts 20
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 19
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 21 →
1
Goohantii qabbanoofinaan, Phaawulos gumii Yesus walti yaamee, gorsee nagaa dhaamatee ka'ee Maqedooniyaa dhaqe.
2
Lafa sun keessa dedeemee gumii guddoo jajjabeessee, lafa Griikii dhaqe.
3
Ji'a sadii achi taa'ee, hoboloon Sooriyaa dhaquu kaanaan, akka Yihudiin dhossaan isa eeddu dhagayee, jennaan akka karaa Maqedooniyaatiin deebi'u kutate.
4
Sophaaxros ilmii phiiros namii dira Beriyaa, dhufee isa gula deemee, ammallee Arisxaarkosii fi Sekundos warrii Tasaloniqee, Gaayos namii Derbee, Ximotewosis, Xikiqoosii fi Xrofimoos warrii Asiyaa, Phaawulosii waliin yaa'e.
5
Jarii kunin nu dura dabree lafa Xro'aasittii nu eege.
6
Guyyaan qixxaa bukoo hinqamneetti dabarraan nu Filiphisiiyusii hoboloon kaanee, eegii shan bulle Xro'aasitti warra dhaqqamnee, haga bultii torbaa achi teenne.
7
Guyyaa qaraa ka torbaanii nu qixxaa cabsachuuf walti dhumnee, Phaawulos waan boriyyaa deemuu herregeef, dubbii isaa dheeressee haga halkan saatii ja'aa gumiitti haasa'e.
8
Fulaa nu itti walitti qabamne ta mana gubbaa sun keessa, ibsee hedduutti jira.
9
Namii dargaggeessi tokko ka Oyxikoos jedhan fulaa fooddaa (Maskootii) taa'e; adoo Phaawulos dubbachumaatti jiruu, Oyxikoos mugee hirriibii qabatee, adoo hirriba keessa jiruu haga mana sadeessoo ka gubbaa irraa dhaqatee lafa dha'ee, isa du'e lafaa fuudhan.
10
Phaawulos mana irraa gadbu'ee gadjedhee, isaatti mammaratee, “Hin nahiinaa! innii hindoonee” jedhe.
11
Jennaan eegee gara mana gubbaa sun oldeebi'e qixaa cabsee nyaatee, haga baraaqaa dheereessee haasa'ee, duuba ka'ee deeme.
12
Warrii kaan dargaggeesse kaan ka jiru fuudhee manaatti geessee guddoo garaa jabaate.
13
Phaawulos “Anin haga Asos miilaan deemaa, isan kanaan hoboloon koottaa artii na fuudhaa!” nuun jedhee, duuba nu hoboloon dabaree Asos yaane.
14
Innii Asosiitti nuun baanaan, hoboloo keessa isa keennee Miixileeneetti dabare.
15
Boriyyaa hoboloon achii kaanee Kiiyos dhumne. Guyyaa lameessoo Saamos dhumnee, guyyaa sadeessoo Miilexositti galle.
16
Phaawulos marroo Asiyaa keessa turuu hin feeneefii, akka hoboloon Efesoon bira dabruu kutate; akka yo danda'e adoo guyyaaan shantameessoo ka “Phenxeqostee” jedhan hinga'in hariifatee Yerusaalem ga'u.
17
Phaawulos adoo Miilexoos jiru, nama gara Efesoon ergee, jaarrolee gumii Waaqaa yaame.
18
Warrii gara isaa dhumnaan, “Haga guyyaa qaraa ka Asiyaa dhufeetii jalqabee, akka anin jidduu teessan oole bule isanuu inbeettan.
19
Gaafa Yihudiin na gaargalchitee na ijjeessu feetee, ufii diqeeseetti imimmaan boo'ee hujii Aabbo hojjadhe.
20
Ammallee waan isanii oli aanaa tokkoollee gumii keessaa fi manneen teessan keessaalleetti, isan garsiisuu fi barsiisuullee irraa ufii hin qusanne.
21
Anin akka cubbuu lakkisanii gara Waaqaa deebi'anii Aabboo keenna Yesusiitti dhugeeffattanii, Yihudii fi Griikiilleetti laayyuu hime.
22
Amma adoo waan achiitti natti dhufaa hinbeekin, marroo Hafuurii Qulqulloon na deemsiseef gara Yerusaalem dhaquu jira.
23
Hafuurii qulqulloon ammoo, akka dira cufa keessatti hidhaansaa fi gaargalii na eegatuu ya natti hime.
24
Anin ammoo akka deemmaa tiyya gammadaan hobaasee, hujii tiyya ta Aabbo Yesus natti keenne, ta oduu dansaa dhugeessee guutuu, jireenna kiyya herregee waan bu'a naa qabaallee hinse'u.”
25
“Anin akka isaaniin cuftii, ka anin jidduu teessaniitti Mootummaa Waaqaa haasa'e, fuula kiyya itti deebitanii hingarre inbeeka.
26
Tanaaf anin ardha isaniitti himaa, akka yo isan keessaa namii tokkoolleen karaa irraa goree, ani itti hingaafatamu.
27
Anin fedhii Waaqaa tokkoollee isan hindhossine.
28
Tanaaf ufii fi hooliyyee hafuurii qulqulloon isaniitti kenneellee qorqoradhaa, akka gumii Aabboo ta innii dhiiga ufitiin bitate tissitan.
29
Anin akka eegii ani deemee warrii hamaamaan hooliyyee hinqorqoraane, ka akka ya'ii jidduu teessan dhufu inbeeka.
30
Ammallee warra dhugaa milisuu ka gumii dhugeeffatte ufii gula deebisuu jidduu teessanii ka'a.
31
Tanaaf dammaqaa! akka anin adoo gargarii hinkutin imimmaaniin haga ganna sadii halkanii guyyaa nama cufaa gorse, qaabadhaa.”
32
“Ani amma harka Waaqatii fi dubbii eebbaa ta isan jabeesitee warra qulqulloo waliin dhaala isanii kennuu dandeetuutti isan kennadha.
33
Anin meeta yokaan warqii yokaan wayaa nama tokkoolleetti hin dharraane.
34
Akka anin waan naa fi warra waahela kiyyaallee, feesisaa cufaa harka kiyyaan hojjadhee isanuu inbeettan.
35
Anin akka akkasii hojjanee nama dadhabaa qarqaaruu mallee, waan cufaa la isan garsiisee. Ammallee dubbii Aabboo Yesus, ta innii, ‘Wantii kennan waan fudhatan irra eebba qabdi’ ” jedhe qaabdhaa.
36
Phaawulos eegii akkasi dubbate jilbifatee warra cufa waliin Waaqaa kadhate.
37
Warrii cuftii guddoo boo'ee qaaceera Phaawulosiitti mammaratee dhungate.
38
Warrii guddoo laaleffate; waan innii akka warri deebi'ee isa hin garre dubbateef. Mar. roo dubbiin innii, akka warrii itti deebi'ee fuula isaa hingarre dubbate, warra guddoo laaleffachiifteef. Duuba warrii haga hoboloo isaa geggeesse.
← Chapter 19
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 21 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28