bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Acts 21
Acts 21
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 20
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 22 →
1
Eegii nagayaatti warraan jenne, hoboloo duunnee Qositti qajeellee, boriyyaa Roodoos dhumnee, achii phaaxaraatti dabarre.
2
Achii hoboloo Finiiqeetti deemtu tokko arigannee, yaabbannee itti dhaabanne.
3
Qophros ufi duraatti arginee, harka bitaatti ufi lakkimnee Sooriyaa dhandhee, dira Xiiroos fulaa hoboloon mi'a keessatti buufachuu feetuutti buufanne.
4
Jara Yesus arginaan haga torbaan tokkoo achi isaan bira teenne. Warri jabeenna Hafuura Qulqullotiin akka Phaawulos Yerusaalem hindhandhe itti hime.
5
Guyyaan nu warra biraa yaanuu geennaan, warra biraa yaanee karaa keenna qabane; namii cuftii nadheenii isaaniitii ijoollee isaanii waliin haga nu dira keessaa baanuutti nu geegeesse. Jennaan nuun cuftii afaan galaanatti jilbiiffannee Waaqaa kadhanne.
6
Nagaa walti dhaamannee nu hoboloo duunnee, warrii deebi'ee warra ufiitti gale.
7
Nu eegii Xiroosii kaane, Phitolemees, dhumnee, duuba obboleeyyan dhugeeffatte nagaa fuunee, guyyaa tokko warra waliin oolle.
8
Boriyyaa achii kaanee Qiisaariyaa dhumnee, mana Filiphos, nama oduuu dansaa haasa'uu, duumnee waliin teenne. Innii jara torbaan Yerusalemiitti foohatan kaan keessa jira.
9
Namichii kunin ijoollee dubraa ta dubbii Waaqaa haasooftu afur qaba.
10
Eegii nu diqqoo achi turre, raagii Agaabos jedhan tokko, Yihudaa dhufe.
11
Agaabos fulaa teenna dhumnaan gurdaa Phaawulos fuudhee, harkaa fi miila ufii hidhee Hafuura Qulqulloon, “Yihudiin Yerusaalem jirtu, abbaa gurdaa kanaa fuuteetti, akkana hiitee harka gosa dhibii ta Waaqaa hindhugeeffatiniitti kenniti” jedhe.
12
Waan kana dhageennaan nuu fi warrii achi jiruulleen akka innii Yerusaalem hindhanne Phaawulos kadhanne.
13
Jennaan Phaawulos, “Isan maan tolchitanii, boottanii garaa na yakitani? Anin hidhamuu callaa adoo hinta'in maqaa aabboo Yesusiiti jedhe, Yerusaalem keessatti du'uufuu kurfoo jiraa” jedhee nuu deebise.
14
Innii sosobaamuu dinnaan, “Fedhiin Aabboo ha taatuu” jennee ga lakkimne.
15
Jennaan eegii sunii mi'a keenna kurfeeffannee Yerusaalem dhandhe.
16
Jarii Yesus tokko ka Qiisaariyaa jiru nu waliin yaa'ee, mana nama Minaason jedhanii ka lafa Qophros, ka duraanuu nama Yesus ta'e tokko, akka nu fulaa isaa teennu nu geesse.
17
Nu Yerusaalem dhumnaan, obboleeyyaan dhugeeffatte gammadaan nu bulchite.
18
Boriyyaa nu Phaawulos waliin yaanee, fulaa Yaaqoob dhandhee; jaarroleen Kiristaanaa cuftii achiitti argamte.
19
Duuba innii nagaa fuudhee, waan Waaqii jidduu gosa isaatti hindhugeeffatin dhibiitti harka isatiin tolche hime.
20
Warrii waan kana dhageennaan Waaqaa guddisee, “Obbooleessa, atin akka Yihudiin kuma hedduu ta dhugeeffatte jirtu, ammallee akka cuftii guddoo seera jabeesituu ya argite.
21
Warrii Yihudii ka kuma hedduu cuftii barsiisa ati lafa gosa dhibii keessa taa'uu cuftii akka seera Muusee lakkisu, akka ijoollee isaaniillee dhaqaanqabaa hinqamne, akka ammallee aadaa gula hinyaane akka ati barsiiche la dhaga'an.
22
Warriinuu akka ati dhufte indhagayaa amma maan tolchuu malan ree?
23
Amma atin waan nu sitti himnu tolchi! Nama kakuu Waaqaa gale afur qamnaa.
24
Warra fuudhii, warra waliin ufi qulqulleessi, akka warrii mataa haadatu horii aadaa baasiif! Duuba namii cuftii akka wantii waan kankee dhagayan sun homaa hinta'in, ammoo akka atin aadaa gula deemtee seera Muusee guutu inarga.
25
Warra gosa dhibii ka dhugeeffattee, akka warrii foon horii waaqaa dharaa ka harkaan bocanii qalan, dhiigaa waan hudhanii ijjeesan tokkoollee waan babadaa ka dhiiraa fi nadheen karaa malee walin ta'an irraa ufii eegu, nu akka herrega keenna gula ergaa ya warraatti ergine” jedhan.
26
Jennaan Phaawulos boriyaa jara kaan fuudhee, warra waliin ufii qulqulleessee, akka guyyaa qulqulleffachaan isaa hobaatte sooriyoo warra sun cufaaf qalan himu mana Waaqaa seene.
27
Guyyaan torbaanii hobba'uu geennaan, Yihudiin Asiyaa dhufte mana Waaqaa keessatti isa argitee jennaan, gumii cufa itti kaaftee Phaawulo qabde.
28
Jarii qoonqoo ol fudhatee, “Dhiiroo, gosa Israa'el, nu qarqaaraa! Namichii kunin, ka nama keenna cufa fulaa cufaatti, akka gosa Israa'el, seera Muuseetii fi mana Waaqaa kana tuffatan barsiisu, ammumaayyuu nama gosa Griikii mana Waaqaa kanaan dhufee, fulaa qulqulloo tana xureese” jedhanii itti iyyan.
29
Wantii akkanaatiif warrii nama Efesoon, tokko, ka Xirofimoos jedhan, Phaawulos waliin dira keessatti argee, waan Phaawulos mana Waaqaa isa seensise sehe.
30
Jennaan dirii sun cuftii chocho'ee, namii cuftii ori'ee, Phaaewulos qabanii hirkisaa mana Waaqaa keessaa baasanii, yoma tokkoon balbaltii mana Waaqaallee cufamte.
31
Adoo Warrii isa ijjeessu fedhuu, akka Yerusaalem cufa keessaa goohantii jirtuu, oduun Roomaatti namich guddaa warra waraanaa geette.
32
Jennaan innii yoma tokkoon warra warraanaatii fi jara gugurdaa warra waraanaa fuudhee, gara warra sunii ori'ani. Warrii guddaa warraa waraanaatii fi warra waraanaa arginaan Phaawulos dhaanu lakkise.
33
Guddaan warra waraanaa itti dhi'aatee, Phaawulos qabee, “Haada sibiilaa lamaan hidhaa!” jedhe. Jennaan eegee ammoo, “Namii kun eennu, maan yakke?” jedhe gaafate.
34
Gumii keessaa namii garii akka tokko iyyee, ka garii akka dhibii iyye. Hubachuu dadhamnaan, “Fulaa warrii waraanaa buluutti geessaa!” jedhe.
35
Afaan balbalaa geennaan, warrii waraanaa marroo gumiin guddoo dallanteef, Phaawulos hamphaare.
36
Gumiin guddoon isa gula yaatee, “Ijjeesaa! Ijjeesaa!” jettee iyyite.
37
Adoo mana warra waraanaa geessanuu, Phaawulos guddaa warra waraanaatiin, “Siin dubbachuu hindana'aa?” jennaan innii, “Afaan Griikii dubbachuu inbeettaa?
38
Atin namicha lafa Giibxii, ka onanaa nama kakaasee shiftaa kuma afurii lafa aloo geesseenitii?” jedhee gaafate.
39
Phaawulos ammooo deebisee, “Anin Yihudii, nama dira Xarsees, ka lafa Qiliiqiyaa keessa jiru; ammallee anin nama dira guddaa tokkootti; abboo anin akka biyya tanaatti dubbadhu si kadhadha” jedhe.
40
Innii, “Dubbadhu” jennaaniin, Phaawulos afaan balbalaa ejee, harkaan biyya callisiisee, warrii callimnaan, afaan Ibraayisxiitiin warraatti dubbatee.
← Chapter 20
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 22 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28