bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Acts 19
Acts 19
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 18
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 20 →
1
Adoo Apholos Qorontos keessa jiruu, Phaawulos ardaa Asiyaa cufa keessa deemee Efesoononiin ba'ee, jara Yesusiitti dhugeeffate ka garii arginaan,
2
“Isan gaafa dhugeeffattan Hafuura Qulqulloo argattanii?” warraan jedhe. Warrii ammoo, “Hiyyoo, nuu akka Hafuurii Qulqulloon jiruuyyuu hin dhageenne” jedhee deebise.
3
Jennaan Phaawulos, “Isan cuuphama kamiin cuuphamtan ree?” jedhe. Warrii deebisee “Cuuphaa Yoh. aannisiitiin cuuphamne” jedheen.
4
Jennaan Phaawulos, “Yoh. aannis akka cubbuu irraa deebi'an nama cuuphee, ammallee akka ka isaan duuba dhufu Yesusitti dhugeeffatan barsiise” jedhe.
5
Warrii waan kana dhageennaan maqaa Aabboo Yesusitiin cuuphame.
6
Phaawulos harka warra irra keeyyanaan, Hafuurii qulqulloon warra irra bu'ee, afaan hinbeenne dubbatanii, dubbii Waaqaa haasa'an.
7
Warrii waltuma haga dhiira kudhanii lamati.
8
Phaawulos, haga ji'a sadii mana waldeennaa ka warra Yihudiitti dedeebi'ee, sodaa malee barsiisee, amansiisuuf nama hedduun walmorma'a waan mootumma Waaqaa nama hubachiise.
9
Namii garii ammoo mataa jabaatee dhugeeffachuu didee, gumii duraatti hammeenna karaa Aabboo dubbate. Jennaan Phaawulos jara Yesus ka dhugeeffate guuree warra biraa deemee, guyyaa guyyaan mana Xiraanos guddaa keessatti warra barsiise.
10
Innii haga ganna lamaa cufa akkasuma barsiimnaan, namii ardaa Asiyaa keessa jiru cuftii, ka Yihuditii fi ka Griikiilleen dubbii Aabboo dhagaye.
11
Waaqii akeeka gugurdaa takka hinargin harka Phaawulosiitiin tolche.
12
Yo bututuu innii danfaan haqatu yokaan wayaa isaa nama fayya hinqamneetti geessaniillee, yoma sun fayyan; jinniilleen nama keessaa yaati.
13
Yihudiin garii ta lafa cufa keessa yayaatee jinnii nama keessaa yaachu, maqaa Aabboo Yesusitiin jinnii nama keessaa yaasuu itti gamtee, “Anin maqaa Yesus ka Phaawulos barsiisuun si ajaja” jette.
14
Ilmaan torbaatti ta Qaallicha Yihudii guddaa, Iskoyaas jedhanii, ta waan kana tolchite jira.
15
Jinniin deebichee warraan, “Anin Yesus inbeeka, Phaawulosiillee hinbeeka, ammoo isan eennuu kanaa?” jedheen.
16
Jennaan namichii jinnii qabu kaan warraatti ka'ee, dhaanee warra cufaa dabsatee, mataa dhodhoosee wayaa irraa tatarsaasee, qullaa mana keessaa gusse.
17
Yihudii fi Griikiin Efesoonon keessa jirtu cuftii waan kana dhageennaan guddoo sodaattee, maqaan Aabboo Yesusiilleen guddifame.
18
Namii hedduun ka qaraa dhugeeffate dhufee, cubbuu ufii diideessee himatee, waan hojjataa tureellee hime.
19
Namii hedduun waan falfalaa hojjatuu kitaaba ufii walti guuree, nama cufaa duraatti ibidaan gube. Gatii kitaaba gubanii kaan cufaa herreganii jennaan akka isiin qarsii kuma shantamaa taate argani.
20
Akkanaan dubbiin Aabboo jabaattee guddattee fulaa cufaa geette.
21
Eegii waan kanaa Phaawulos akka Maqedooniyaa fi Akaayyaa keessa dabree Yerusaalem dhaqu kutatee, “Yo achi ga'e, Roomaallee dhaquu male” jedhe.
22
Tanaaf innii jara isa qarqaaruu lama Ximotewosii fi Erasxos Maqedooniyaatti ergee, ammoo ufii Asiyaa keessa diqqoo tokko taa'e.
23
Yoma sun marroo waan karaa Aabbootiif, Efesoonon keessatti rakkinii guddaan ka'e.
24
Namichii ogeessii Demeexros jedhan tokko, fakkeenna mana Arxemiis itti kadhatanii saldaqaa irraa tumee, duuba hujiin tun nagada guddoo ogeeyyii cufaa dhufteeni.
25
Innii ogeeyii fi nama hujii gosa sunii tolchu cufaa walti yaamee, “Dhiiroo isan akka nu daldala kana keessaa horii argannu hinbeettan.
26
Ammallee akka namichii Phaawulos jedhan kun Efesoonon callaa adoo hin ta'in, Asiyaa keessa fulaa cufaatii, ‘Wantii harkaan midhaasan waaqaaniti’ jedhee, nama hedduu sosobee qalbii garagalchee dhugeeffachiisee isanuu la argitanii dhageettan.
27
Wanti nu sodaannu akka hujii teenna callaa tuffataninitii, ammoo akka mana Arxemiis ta waaqaa jedhaniillee, ka Asiyaa fi laftii cuftii guddichuu, akka guddinnii isaa badu tuffatan” warraan jedhe.
28
Dubbii tana dhageennaan Warrii guddoo caaree, “Arxemiisiin ta dira Efesoonon ha guddatuu!”
29
Dirii cuftii goohannaan guutame. Gaayosii fi Arisxaarkos, jara Maqedooniyaa ka Phaawulos waliin himaltuu yaa'u qabanii diida koraatti geesan.
30
Phaawulos biyyaatti gadi ba'uu fedhee, jarii Yesusiitti dhugeeffate kaan ammoo isa dhowwe.
31
Jarii Asiyaa gugurdaan jaallan isaa tokko, nama itti ergee, akka innii diida koraatti gadhinbaane gorse.
32
Namii garii waan tokkoo iyyaa, ka garii ammoo waan dhibii iyya; waan gumiin waan taatuu walaalteef, namii hedduun maaliif waan walti qabamaniifiiyyuu hin beenne.
33
Namii garii waan warrii Yihudii biyya dura isa dhaabdeef, Iskindiriitti wa yake jedhe. Jennaan Iskindiris akka silaa warraatti dubbatu harkaan biyya callisiisu fedhe.
34
Warrii ammoo akka innii Yihudii arginaan, namii cuftii qoonqoo tokkoon haga saatii lamaa, “Arxemiis ka dira Efesoonon ha guddatuu!” jedhee iyye.
35
Eegee bulchaan diraa biyya callisiisee, “Dhiiroo biyya Efesoonon! Namii cuftii akka dirii Efesoonon mana Arxemiis guddaa fi dhakaa qulqulloo gubbaa gadbu'e qorqoraatu inbeeka.
36
Akka namii waan kana danda'ee hinmormanne hinbeettanii, tanaaf callisaa, homaa hin yakkinaa!
37
Isan amma jara kana la armaan dhuftan; jarii ammoo waan mana Waaqaa hin saamne yokaan Waaqaa keenna hin arrabsin.
38
Yo Demeexrosii fi tumtichii isa waliin jiru dubbii nama irraa qabaatee, korii injiraa, namii dubbii qoruulleen injiraa, ha waan fedhan himatani.
39
Isan ammoo yo tana malee waan dhibii feetanii, akkumaa aadaa kora jaarrollee keessatti dubbadhaa.
40
Wantii akkanaatiif waan goohanna ardhaa tana, yo nu gaafattan nuu waan hamtuu; wantii gumiin tunin goohteef ta nu dandeennee himannu hinjirtu” jedhee,
41
dubbii tanaan biyya gargargalche.
← Chapter 18
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 20 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28