bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Acts 12
Acts 12
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 11
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 13 →
1
Bara sun hayyuun Herodis jedhan tokko gumii Kiristaanaa itti ka'ee gaargalche.
2
Innii Yaaqoob obbooleessa Yoh. aannis goraadeen ijjeese.
3
Ammallee akka wantii kunin warra Yihudii gammachiiftu arginaan Phexrosiillee qabe. (Gaafasii guyyaa jila qixxaa bukoo hinqamneeti.)
4
Qamnaan mana hidhaansaa keessa kaa'ee, akka afur afuriin isa eegan harka warra waraanaa kudhanii jahaatti kenne. Jiltii dabarsaa dabaraan, akka itti muran biyya duraatti isa baasuu fedhe.
5
Tanaaf Phexros mana hidhaatti lakkisan, gumiin Kiristaanaa ammoo guddoo Waaqaa isaa kadhatte.
6
Guyyuma Herodisi silaa biyya duraan isa dhufuu fedhe sun, ka Phexros haada sibiilaa lamaan walti hindhani jidduu warra waraanaa lama rafuu jiru; jarii mana hidhaansaa eeguulleen balbala dura ejaajjeetti eeguu jira.
7
Tasa ergamaan Aabboo Phexros bira ejjee, ibseen manaatti ibsitee, ergamaan sun cinaacha Phexros dhadha'ee dammasee, “Phexros hurrisii ka'i!” jennaan sansalatii harka isaa irraa bu'e.
8
Jennaan ergamaan isaan, “Hidhadhu, kopheelee naqadhu!” jedheen. Phexros ka'ee hidhatee, kopheelee keeyyatee jennaan, ergamaan ammallee, “Wayaa tanteellee uyyifadhuu, na gula kootti” jedheen.
9
Phexros mana hidhaa keessaa ba'ee isa gula deeme. Ammoo akka wantii ergamaan tolche sunin waan dhugaa hinmidhaafannee, waan oobjate sehe.
10
Eegii fulaa namii eegu ta qaraatii fi ta lameessoollee dabranii, balbala sibiilaa ta gara diraa nama baachuun ba'an. Balbaltii taan adoo namii itti hinbu'in ufumaan warra duraa banamtee, warrii alaatti gadba'ee, karaa tokko gula yaa'ee, yoma tokkoon ergamaan isa bira deeme.
11
Jennaan Phexros waan kana midhaafannaan, “Akka Aabboon ergamaa ufii ergee, harka Herodisitii fi waan gochitii Yihudii na tolchuu feete jalaa na baase, dhugumaa, amma la beeke!” jedhe.
12
Phexros waan kaan hubannaan, gara mana Maariyaam haadha Yoh. aannis, ka maqaan isaa dhibiin Maarqos jedhan, dhaqe; namii hedduun achiitti walti qabameetti Waaqaa kadhachuu jira.
13
Phexros balbala alaa dhodhoomnaan, intaltii hojjattuu takka ta Roodaa jedhan laaluu dhufte.
14
Isiin qoonqoo Phexros dhageennaan, gammadee balbala banuu dadhabdee, utaaltee akka Phexros balbala dura ejju himte.
15
Warrii dhageennaan, “Ati ya maraatte” isiin jedhe. Isiin ammoo “Dhugumaa, isuma dhugaa” jette. Jennaan warrii, “Yoos ergamaa Waaqaa ka isa eegu” jedhe.
16
Phexros ammoo balbala dhadha'uma dhadha'ee, balbala bannaan isa arganii guddoo maman.
17
Innii ammoo akka warrii callisu harkaan milikkita warra garsiisee duuba akka Aabboon hidhaansa keessaa isa baase warraatti hime. Ammallee warraan, “Beenaa, waan kana Yaaqoobii fi obboleeyyan taaniitti himaa!” jedhee, ufii ka'ee gara dhibii dhaqe.
18
Laftii bariinaan warrii waraanaa guddoo bakakee, waan Phexros ta'e walgaafate.
19
Herodis Phexros barbaadee dhabee jennaan, warra waraanaa ka isa eege gaafatee ijeechaa itti mure. Eegii sunii Herodis Yihudaa keessaa deemee, Qiisaraa dhaqee achi taa'e.
20
Herodis biyya Xiiroosii fi Sidooniitti guddoo dallane; warrii walti ba'ee isaatti dhufee, namicha Bilaasxos jedhan, ka mana hayyuu keessa hojjatu akka innii warra qarqaaruu kadhatanii, eegii amansiifataniin, duuba gara Herodis dhaqanii, araara kadhatan; waan laftii sun warra lafa Herodis irraa sagalee argattuuf.
21
Guyyaa tokko ka foohatan, Herodis mi'a hayyuu keeyyatee, barcumaa isaa guddaa irra taa'ee, gumii durratti warraatti dubbate.
22
Gumiin lallabdee, “Qoonqoon tun ta Waaqaa malee ta namatiin” jette.
23
Waan innii ulfina Waaqaa hinkenniif, ergamaan Aabboo yoma tokkoon isa dha'ee, Herodis raama'ee du'e.
24
Dubbiin Waaqaa ammoo guddattee, baballachaa fulaa hedduu geete.
25
Baarnaabaasii fi Saa'ol hujii isaanii hobaafannaan Yoh. aannis ka Mar. qos jedhan fudhatanii Yerusaalem keessaa, galan.
← Chapter 11
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 13 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28