bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Acts 10
Acts 10
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 11 →
1
Namicha, maqaan isaa Qorneelewos jedhan tokkootti dira Qiisaariyaa keessa jira; gumii waraanaa ta dhibba tokkoo ta Roomaa “Xalii'aana” jedhan guddaan itti isa.
2
Innii nama Waaqaati; isaa fi warrii isaalleen cuftii akka guddaa Waaqaa sodaata. Innii marroo Waaqatiif warra Yihudii hiyyeeyyii guddoo wa kenne, guyyaa cufaallee Waaqaa kadhata.
3
Gaafa tokko saafaa gara saatii sagalii kanaatti, daayyaa keessa ergamaa Waaqaa tokko ka diidessee isaatti dhufee, “Qorneelewos” jedhee isaatti dubbate arge!
4
Qorneelewos isa arginaan rifatee millatee, “Maal, Aabboo?” jedhee gaafate. Ergamaan ammoo deebiseefii, “Kadhachaa teetii fi waan atin Waaqaa jettee, hiyyeeyyii wa kenituuf, fuula Waaqaa duraatti ya si qaabatani.
5
Amma nama gara dira Yopheetti ergii, nama tokko ka Simoon Phexros jedhan yaam.
6
Innii keessummaa nama Simoon jedhan, ka gogaa machaalleessuu tokkoo; manii isaalleen afaan galaanaati” jedheen.
7
Ergamaan isaan dubbate kaan deemnaan, Qeernelewos hojjatoota ufii lama yaamee, ammallee nama waraanaa ka amantii qabu qajeelaa tokko, ka guyyaa cufaa waan isaa ilaalullee yaame.
8
Waan cufaa warraatti haasa'ee jennaan, Yopheetti warra erge.
9
Jennaan boriyyaa warrii adoo yaa'uu diraatti dhi'aannaan, gara saatii ja'aa ta guyyaa Phexros Waaqaa kadhachuuf mana gubbaa kore.
10
Innii beela'ee waan nyaatu fedhee; ammoo adoo sagalee dhaabanuu, daayyaa arge.
11
Ammallee gubbaa Waaqaa ta banamtuu fi waan akka wayaa ta fiixee afraanuu hidhanii lafaatti gadi buusan arge.
12
Waan sun keessa bineensa gosa hedduutti, ka miila afur qabu, ka garaan lafa irra loo'uu fi ka Waaqaa keessa babarsuulleen jira.
13
Jennaan qoonqoon isaatti dhuftee, “Phexros, ka'ii, qaladhuu nyaadhu!” jetteen.
14
Phexros ammoo, “Lakkii Aabboo, anin haga dhaladhee waan akkanaa kana ka qulqulloo hinta'iin yokaan waan hamtuu akkanaa takkaallee hin nyaanne” jedheen.
15
Qoonqoon taan ammallee marroo lammeessoo deebitee, “Waan Waaqii qulqulleesseen, Qulqullooniti hin jedhin” jedheen.
16
Wantii kunin marroo sadii akkasi taate, jennaan wannii akka wayaa kaan gubbaatti oldeebite.
17
Adoo Phexros waan daayyaa argee sun herreguu, jarii Qorneelewos erge kaan mana Simoon gaafatee, balbala dura ejaajjee,
18
Qoonqoo olfudhatee akka Simoon ka Phexros jedhan achi jiru gaafate.
19
Adoo Phexros waan daayyaa sun herreguu jiruu, Hafuurii Qulqulloon isaan, “Laali, namii sadii si barbaaduu jiraa,
20
tanaaf ka'ii, gad bu'ii, hinsodaatinii warra waliin deem; anaatti warra erge” jedheen.
21
Jennaan Phexros gara jara Qorneelewos isaatti ergee kaan gadbu'ee, “Namii isan barbaaddan anaa; maaf dhuftan?” jedheen.
22
Warrii deebisee, “Namicha qajeelaa Qorneelewos jedhan ka guddaa warra waraanaa, tokkootti nu erge; innii nama dhugaa, ka Waaqaa dhugeeffatu, ka gochitii Yihudii cuftii saaddu, akka innii mana isaatti si yaamee dubbii tantee dhaga'u, ergamaan Waaqaa qulqulloon tokkoo itti hime” jedhan.
23
Jennaan Phexros, olduudaa jedhee warra bulche. Boriyyaa Phexros warra waliin ka'ee deemee, obboleeyyan gariilleen ta Yophee isa waliin yaate.
24
Guyyaa itti aanu Qiisariyaatti gale. Qorneelewos ammoo yo sun; fiixaa ufitii fi jaallan ufii cufaa walti yaameetti warra eeguu jira.
25
Adoo Phexros mana seenuu jiruu, Qorneelewos gadba'ee miila isaatti jigee isaa sagade.
26
Phexros ammoo isa olqabee, “Oljedhi, aniilleen akkuma kankee namaa!” jedheen.
27
Phexros adoo Qorneelewos waliin haasaa mana seenuu jiruu, gumii hedduu achiitti walwaldeetti arge.
28
Innii, “Isan, akka aadaa keessa Yihudiin nama gosa dhibii waahela tolfattee waliin hinteenne akka dansaa beettan. Ammoo Waaqii akka anin nama tokkoollee tuffadhee yokaan, ‘Innii qulqullooniiti yokaan fudhatama hinqabu’ hinjenneen la na garsiise.
29
Tanaaf yoma na yaaman sun adoo hinmormin isaniitti dhufe; duuba anin isan gaafadhaa maaf na yaamtani?” jedheen.
30
Qorneelewos deebisee, “Bultii afuriin dura yoma ammaa kana adoo anin saafaa saatii saglii mana kiyya keessa taa'ee Waaqaa kadhadhuu namii wayaa bibillixuu tokko qabu na dura ejje,
31
‘Qorneelewos, kadhachaa tantee waaqii la sii dhagaye, ammallee waan atin hiyyeeyyii kennituullee la sii qaabate.
32
Tanaaf nama gara dira Yophee ergii, nama tokko ka Simoon Phexros jedhan yaam; innii keessumaa namicha Simoon jedhanii ka gogaa machaalleessu, ka afaan galaanaa taa'uutii’ naan jedhe.
33
Tanaaf anin marroo tokkoon si yaame, atiilleen ka dhufte waan dansaa tolchite. Ammaatana nu cuftii akka waan Aabboon sitti nuu hime cufaa dhageennu arma fuula Waaqaa dura, jira” jedheen.
34
Jennaan Phexros, “Dhugumaa anin akka Waaqii nama tokkoollee wali hindabarsine amma la hubadhe.
35
Ammoo gosa cufaa keessa nama isa dhugeeffatee waan dhugaa tolchu innii injaalata.
36
Akka Waaqii dubbii sun gara ijoollee Israa'elii erge, akka oduu nagayaa dansaa karaa Yesus Kiristootiin haasa'an, akka Yesus Kiristoon Abbaa nama cufaa, isan inbeetan.
37
Isan waan jabduu lafa Israa'elii, ardaa Galiilaa kana keessatti eegii Yoh. aannis, waan cuuphaa namaatti himee asi ta'e hinbeettani,
38
akka Waaqii Yesus Naazireet Hafuura Qulqulloo fi jabeennaan muude, akka innii fulaa cufa dedeemee waan dansaa tolchee, nama Sheexanii gaargalche cufaa fayyise, akka Waaqii isa waliin jiru isan inbeettan.
39
Nu waan innii lafa Yihudiitii fi Yerusaalem keessatti tolche cufaa dhugaa. Warrii muka irratti fanniseetti isa ijjeesse.
40
Guyyaa sadeessoo ammoo Waaqii isa kaaseetti, diideessee nama garsiise.
41
Namii cuftii isa hingarre, ammoo nu warrii akka dhugaa isaa taanu, Waaqii qaraa foohate eegii innii du'a keessa ka'e isa waliin nyaannee dhunnee, la isa agarre.
42
Innii akka dubbii Waaqaa nama barsiimnu, akka namii Waaqii foohate ka dubbii nama jiruutii fi ka du'eellee muru isumaa, akka dhugeessinu la nu ajaje.
43
Raagii cuftii, akka namii isaatti dhugeeffatu cuftii maqaa isaatiin araarama cubbuu argatu isaa dhugeessa” jedhe.
44
Adoo Phexros ammallee dubbii tana dubbachuu jiruu, Hafuurii Qulqulloon warra dubbii tana dhaga'e cufaa irratti bu'e.
45
Warrii Yihudii ka dhugeeffate ka Phexros waliin Yophee dhufe, waan Waaqii Hafuura ufii Qulqulloo gosa dhibii ta hindhugeeffatiinillee irratti buuseef guddoo mame.
46
Wantii akkanaatiif warra afaan durii hinbeenne dubbatee Waaqaa guddisu dhaga'an. Jennaan Phexros,
47
“Eentu dandaa'ee warra akkuma keenna Hafuura Qulqulloo argate kana, bisaaniin cuuphamuu dhowwa?” jedhe.
48
Tanaaf innii akka warra maqaa Yesus Kiristootiin cuuphan ajaje, jennaan warrii akka Phexros bultii diqqoo achi taa'u kadhate.
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 11 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28