bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Acts 17
Acts 17
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 16
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 18 →
1
Phaawulosii fi Siilaasi eegii Amfiipholiisii fi Apholonyaa keessa dabranii, dira Tasaloniiqee, fulaa mana warrii Yihudii Waaqaa itti kadhatu dhufan,
2
Phaawulos akkuma amala isaa jiddu warraa seenee, guyyaa Sambataa sadii waan dubbii Waaqaa warra waliin haasa'e.
3
Innii diideessee, akka Kiristoon gaargalee du'a keessaa ka'uu malee, ammallee “Yesusiin kun ka anin waan isaa isanitti himu kun dhuguma Kiristoo” jedhee dhugaa warra garsiise.
4
Namii garii dhugeeffatee, Phaawulosii fi Siilaas waliin yaa'ee; jarii Griikii ka Waaqaa sodaatuu fi nadheen gurra qabdu hedduulleen dhugeeffatte.
5
Yihudiin ammoo waan kana inaaftee, nama hamaamaa, hujii hinqamne karaa irraa walitti yaamtee, dira cufaa goochee, akka Phaawulosii fi Siilaas qabdee gumii duraan dhuftu mana namicha Yaason jedhani dhihaate.
6
Warra achii dhamnaan ammoo Yaasonii fi obboleeyyan dhugeeffate ta garii qabanii, gara jara gugurdaa harkisanii, “Warrii lafa cufa gargalche kunin yaayyuu armaalleen ba'e;
7
Ammallee Yaasoniilleen warra mana ufii bulche. Warrii kun cuftii, ‘Hayyuu dhibiitti ka Yesus jedhan jira’ jedheetti, seera hayyuu warra Roomaa cabse” jedhanii iyyan.
8
Dubbii tanaan dira gargalchanii gumii fi jara gugurdaa cufa jarjarsan.
9
Jaarroleen Yaasonii fi jara kaan horii irraa fuunaan gadhiiche.
10
Halkanuma sun obboleeyyan dhugeeffate Phaawulosii fi Siilaas gara Beriyaa ergite; warrii dhumnaan mana waldeennaa ka Yihudii dhaqe.
11
Warrii lafa sunii warra Tasaloniiqee irra dansaa. Dubbii Waaqaa qalbii dansaan fudhateetti, guyyaa cufa kitaaba qulqulloo keessa akka wantii kun dhugaa laala.
12
Warra keessaa namii hedduun, nadheen gurra dansaa qabdu ta gosa Griikiitii fi namii dhiiraalleen, hedduun dhugeeffate.
13
Yihudiin Tasaloniiqee ammoo, akka Phaawulos dubbii Waaqaa Beriyaa keessatti haasa'e dhageennaan, achi dhuftee biyya itti kaafte.
14
Jennaan yoma sun obbooleeyyan dhugeeffate Phaawulos gara galaanaa ergitee, Siilaasii fi Ximotewos ammoo achumaatti hafan.
15
Warrii Phaawulos geegesse dira Ateenaatiin ga'ee Beriyaatti dacha'uu ka'ee jennaan, Phaawulos akka Silaasii fi Ximotewos hurree gara isaa dhufan warraatti dhaame.
16
Phaawulos adoo dira Ateenaa keessaa taa'ee Siilaasii fi Ximotewos eeguu, akka dirii sun waaqota sobaa ka harkaan bocaniin guutame argee guddoo laalefate.
17
Tanaaf mana waldeennaa keessatti Yihudii fi nama Waaqaa sodaatu waliin haasa'ee, dubbii mormeen, ammallee guyyaa cufa gabayaa keessatti namuma achiitti arge waliin haasa'e.
18
Jarii barsiisotaa ka beekumsa biyya lafaa qoru, ka Ephequriyos fi Istoyikos jedhan tokko, isaan dubbii morme. Namii garii, “Namichii daallichii kunin maan jechuu jira?” jedheen. Ka garii ammoo, waan innii waan Yesusiitii fi waan du'aa ka'iisa isaa warraatti haasa'eef, “Innii nama waan waaqoota gosa dhibii haasa'uu jiru fakkaata” jedheen.
19
Warrii isa fuudhee, gara Aariophaagos geessee, “Barsiisa haraa atin nama barsiiftu tana dhaga'u feena.
20
Atin dubbii mamaa nutti odeesitaa, tanaaf nu waan kana dhaga'u feena” jedhaniin.
21
Warrii Ateenaatii fi keessumaan fulaa sun dhufteelleen cuftii, waan haraa haasa'an yokaan caqasan malee, yo cufaa homaa hintolchitu.
22
Phaawulos kora Aariyophaagos taa'uu dura ejjee biyyaan, “Warra Ateenaa, akka isan guddoo waan Waaqaa herreddan yaayyu arge.
23
Anin adoo dira keessan keessa dedeemee waan kadhachaa teessanii laaluu, dubbii tokko ta fulaa isan sooriyoo itti qalattanii irratti barreessan, ta ‘Gara Waaqaa namii hinbeennee’ jettu arge. Tanaaf waan isan adoo hinbeennee kadhattan kana anin isaniitti hima.
24
Waaqii, ka lafaa fi waan keessa jiraa cufaa uume, innii waan Abbaa lafaa fi gubbaa ta'eef, mana harkii namaa jaare keessa hintaa'u.
25
Innii waan ufiiftuu nama cufaa, jireennaa fi hafuura, waan barbaachisaaf cufaa kennuufii, qarqaarsa homaatuu, harka nama tokkoollee irraa hinfedhu.
26
Innii nama tokko irraa gosa lafa cufaa keessa teettu uumee, lafa cufaa keessa qubsiise. Isumaatti qaraa bara gochitii sun teettuu fi daarii lafaallee tolche.
27
Wantii innii akkasi tolcheef, akka Waaqaa barbaadanii fi akka silaa isa arganii beekan. Ammallee innii nuu cufaa irraa fago hinjiru.
28
Nu isaan chochoonee, teteennee, jireenna arganna. Akkuma warrii keessan tokko sirba keessa jedhee, ‘Nu ijoollee isaati.’ ”
29
“Duuba nu waan ijoollee isaa taaneef, waan Waaqii akka warqii yokaan akka saldaqaa yokaan akka dhakaa namii harkaan bocuu jiru sehuu hinmalle.
30
Haga namii isa hinbeenne kaan cufaa Waaqii ya bira namaa dabre, amma ammoo akka namii cuftii cubbuu irraa deebi'u fedha.
31
Innii guyyaa nama foohate suniin, biyya lafaa cufaa dhugaan itti muru, ya tolfate. Innii ya nama foohate kana du'a keessaa kaassee, waan kana karaa kanaan nama cufaa dhugeesse” jedhe.
32
Waan du'a keessaa ka'iitii ka Phaawulos dubbate dhageennaan, namii garii gooyyeessee, ka garii, “Waan kana guyyaa dhibii itti deebinee sirraa dhageenna” jedhe.
33
Duuba Phaawulos ka'ee kora keessaa deeme.
34
Namii garii isaatti dhi'aatee dhugeeffate; namii isaatti dhi'aatee dhugeeffate tokko Diiyoniisiyos jedhan, ka miila (goli) Aariyophaagos, tokkoolleen niitii tokko ta Damaariis jedhan, ammallee namii dhibiilleen ka warra waliin jiru ya dhugeeffate.
← Chapter 16
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 18 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28