bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Acts 14
Acts 14
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 13
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 15 →
1
Akkuma sun Iqoniiyum keessatti Phaawulosii fi Baarnaabaas mana woldeennaa ka Yihudii olduudanii, marroo dubbii warraatiif gumiin guddoon ta Yihudiitii fi ta Griikiilleen dhugeeffatte.
2
Warrii Yihudii ka dhugeeffachuu didde, ammoo nama hindhugeeffatin ka gosa dhibii dallansiisee obboleeyyanii dhugeeffateetti kaase.
3
Ergamtootii guyyaa hedduu achi teettee, adoo hinsodaatin garaa jabeennaan waan Aabboo Yesus dubbatte; ammallee Aabboon dubbii eebba ufii dhugeesse, akeekaa fi waan mamaa harka warraatiin tolche.
4
Biyyitii dira sunii gargarii qoodamtee, ta garii Yihudiin waldhaxxee, ta garii ammoo ergamtootaan waldhaxxe.
5
Jennaan warra hindhugeeffatin ka gosa dhibitii fi Yihudiin, jara gugurdaa isaanii walin, waldhaxxee, ergamtoota gaargalchitee dhakaan hadhuu feete.
6
Ergamtootii waan kana dhageennaan, gara Lisxiraa fi Derbee, dira lamaan tokko, ka lafa Liqaa'oniyaa keessa jiruu fi lafa itti aantuulleetti baqatte.
7
Achiitti oduu dansaa haasofte.
8
Fulaa Lisxiraa sun namicha miila naafa ka haga dhalatee danda'ee olhinkaane, tokkotti jira.
9
Innii achii taa'eetti waan Phaawulos dubbatu caqasuu jira, jennaan Phaawulos ila itti qabee isa laalee, akka innii dhugeeffachaa fayyifamuun qabu argee,
10
qoonqoo olfudhatee, “Ka'ii Miila keetiin olejji!” jedheen; namichii kaan olcee asii fi achii miilaan deeme.
11
Biyyitii waan Phaawulos tolche arginaan qoonqoo olfudhattee, afaan Liqaa'oniyaatiin, “Waaqootii hedduun ya nama fakkaattee nutti gadi buute!” jettee dubbate.
12
Jennaan warrii Baarnaabaasin, “Zeos” jedhee, Phaawulos ammoo waan namii dubbate isa ta'eefii, akka ergamaa waaqoota isaaniitti, “Hermees” jedhanii moggaasan.
13
Jennaan qaalluun Zeos, ka manii isaa dhaattuu balbala diraan seenaanii sangaa fi daraaraa balbala diraatiin dhufee, biyya waliin sooriyoo qaluu fedhe.
14
Phaawulosii fi Baarnaabaas waan kana dhageennaan, wayaa ufii tatarsaasanii, ori'aanii jidduu biyyaa duudanii itti iyyani,
15
“Dhiiroo, isan maaf waan akkanaa kana tolchitani? Nu waaqootaanii namuma akka keessaniitii! Nu oduu dansaa isanitti haasoomna, akka waan kana ka homaa hinta'iin irraa deebitanii, gara Waaqaa jiraataa ka lafaa fi gubbaa, galaanaa fi waan keessa jira cufaa uumeetti deebitani.
16
Innii durii akka gochitii cuftii aadaa ufii gula yaatu itti lakkise.
17
Taatuullee innii waan isa dhugeessaa takka hindhamne, waan dansaa tolchee, bokkaa gubbaa gadi isanii roobee, midhaan isanii kennee garaa keessan sagalee fi gammadaan quufsa” jedhan.
18
Ergamtootaatti dide malee yo dubbii tana dubbataniiyyuu biyyitii diqumaa sooriyoo ergamtootaa hinqalin.
19
Yihudiin Anxokiyaatii fi ta Iqoniiyumii dhuftee biyya sossobdee, Phaawulos dhakaan haatee, waan innii du'e seetee dira keessaa hirkifte.
20
Ammoo adoo gumiin dhugeeffatte isa marsituu, innii olka'ee dira olseenee, boriyyaa Baarnaabaas waliin gara dira Derbee dhaqe.
21
Eegii Phaawulosii fi Baarnaabaas dubbii Waaqaa dira sun keessatti haasa'anii nama hedduu barsiisaan, warrii Lisxiraa, Iqoniiyumitii fi Axokiyaatti deebi'e,
22
Warrii herrega warra dhugeeffatee jajjabeessee akka warrii dhugeeffachaa keessa taa'uu gorsee, “Nu gaargala guddaan Mootummaa Waaqaa argachuu malle” jedhan.
23
Phaawulos fi Baarnaabaas mana kadhaa cufaa jaarrolee foo'anii, eegii ufi agabsanii Waaqaa kadhatanii duuba, warraa sun cufaa harka Aabboo ka warrii itti dhugeeffatuutti kennan.
24
Jennaan Phaawulos fi Baarnaabaas Phisiidiyaa keessa dabranii gara Phamfiliyaa dhufan.
25
Dubbii Waaqaa Phergee keesaatti haasa'anii, Ataalii'aatti gadbu'an.
26
Achii ka'anii hoboloo keessa duudanii Anxokiyaa, fulaa qara warra harka irra kaa'anii eebbisanii, “Beenaa hujii Waaqaa hojjadhaa” jedhaniin ergan taaniitti dacha'an. Warrii hujii sun hobaamnaan gale.
27
Warrii Anxokiyaa dhufee gumii walti yaamee, waan Waaqii harka warraatiin tolche cufaa haasa'ee, ammallee akka Waaqii karaa dhugeeffachaa gosa hindhugeeffatin dhiibiillee bane hime.
28
Duuba guyyaa hedduu jara dhugeeffate sun waliin taa'e.
← Chapter 13
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 15 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28