bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Acts 2
Acts 2
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 3 →
1
Guyyaan phenxeeqostee (shantameessoo) geennaan, warrii dhugeeffate cuftii fulaa tokkootti walitti qabame.
2
Tasa wantii akka bubbee bubbisaa tokko gubbaa gadbuutee mana warrii keessa tataa'uu kaan guutte.
3
Wantii arraba ibidaa fakkaataa tokko warraatti mullattee warra cufa irra teette.
4
Warrii cuftii hafuura Qulqulloon guutamee, akka Hafuurii warra dubbachise gula afaan dhibii dubbachuu jalqabe.
5
Yerusaalem keessa warra Yihudii ka Waaqaa sodaatuutti, ka lafa cufaa dhufee jira.
6
Qoonqoo tana dhageennaan biyyitii walti baatee, namii cuftii ergamtoota afaan warraa dubbattu dhagayee guddoo mame.
7
Namii cuftii guddoo maadefatee, “Warrii dubbatu kun cuftii warra Galiilatiinii?
8
Nu cuftii akkam warra kana ka afaan keenna ka nu itti dhalanne dubbatu dhageenna ree?
9
Nu warra biyya phaartee, warra Meediyaa, warra Elaamii; ammallee ka lafa Mesophotaamiyaa, ka Yihudaa, ka Qaphadooqiyaa; warra phonxosii, ka Asiyaa,
10
nu warra Friigiyaa, ka Phamfiliyaa, ka lafa Gibxii, ka lafa Liibiyaa ta Qareena dhi'aattuu. Nu namii garii warra Roomaati.
11
Yihudii fi gosa dhibiillee ta aadaa Yihudiitti galte; ammallee nama lafa Qarxeesiif lafa Araabaatti; ammoo nuun cuftii warra hujii Waaqaa ta mamaa afaan keennaan dubbatu dhageenna!” jedhan.
12
Warrii cuftii guddoo mame, midhaafachuu dadhabee, “Wantii kun maan?” jedhee wali gaafate.
13
Namii garii ammoo, “Jarii kun faarsoo jajjabduu dhugee machaa'e” jedhee warra gooyyeesse.
14
Ammoo Phexros jara kudhanii tokkoo kaan waliin ejjee qoonqoo olfudhatee gumiin41, “Warra Yihudaatii fi ka Yerusaalem keessa taa'u, dubbii tiyya hubadhaa caqasaa!
15
Waan jarii kun machaa'e, hinse'inaa; wantii akkanaatiif ammitii saatii sadii ta diiramaati.
16
Tunin ammoo waan raagii Yo'elii dubbate.”
17
“Waaqii, ‘Guyyaa muummee anin akkana tolcha; anin hafuura kiyya nama cufa irra buusa; ilmaan teessan ta dhiiratii fi ta dubraalleen hinfaddi; ka'imii keessan daayya'aa arga, jaarrolleen teessaniilleen oobjuu oobjatti.
18
Anin hojjattoota tiyya ta dhiiratii fi ta dubraallee hafuura kiyya irra buusa, duuba infagani.
19
Anin waan mamaa Waaqaa gubbaatti garsiisee, lafa keessaalleetti akeeka garsiisee, Dhiigaa, ibidaa fi aara lafaatti buusa.
20
Adoo guyyaan guddaan jabaan Aabboo hinga'in, aduun indukkanoofti, ji'iilleen akka dhiigaa diimate.
21
Yoos namii maqaa Aabboo yaammatu cuftii inba'a’ ” jedhe.
22
“Warra Israa'el dubbii tana dhagayaa! Yesus Naazireetii, nama Waaqii isanii foohate; akkuma isanuu beettanii, waan mamaa, hujii jabduu fi akeeka gosa gosaa Waaqii karaa isaatiin jidduu teessan keessatti tolche.
23
Waaqii, fedhii fi beekkumsa ufii gula, akka Yesus harka keessaniitti kennan ya buufate; isan isa fanniftaniitti, harka nama dabaatiin ijeeftani.
24
Waaqii ammoo du'a keessaa isa kaasee, waan dooti dandeettee isa hindabsanneefii, gaargala du'a keessaa isa baase.
25
Wantii akkanaatiif Daawiti waan isaa dubbatee, ‘Anin Guyyaa cufa Aabboo fuula kiyya duraatti arga, innii akka anin hinchochoone harka kiyya ka mirgaa jira;
26
tanaaf garaan kiyya maachee, arrabii kiyya guddoo gammadee, nafii kiyyaalleen abdiin taa'a.
27
Wantii akkanaatiif atin fulaa warra du'eetti na hinlakiftu. Yokaan atin akka hojjataan kankee qulqulloon shamu ee'ee hinjettu.
28
Atin karaa jireennaa ya na barsiifte; anin yo fulaa tantee jiru gammada qaba’ ” jedhe.
29
“Obbooleeyyan tiyya, anin waan Daawiti jaarsa abaaboo keennaa qulqulleesee isaniitti himuu male. Innii ya du'e awwaalan, awwaalii isaa haga ardhaatuu arma fulaa teenna tana jira.
30
Innii raaga, ammallee waan Waaqii isaatti kakate inbeeka; Waaqii akka sanyii isaa keessaa nama tokko akka isaa hayyuu tolchu isaatti kakate.
31
Daawiti, duraattuu waan du'aa ka'iisa Kiristoo argee, ‘Fulaa warra du'eetti isa hinlakimne, nafii isaa hinshamne’ ” jedhee fage.
32
Waaqii Yesus kana ya du'a keessaa kaasee, nu cuftii dhugaa waan kanaati.
33
Isa ya harka mirgicha abbaa isaa Waaqaatti olfuudhani, innii Hafuura Qulqulloo isa irraa arigate, akkuma Abbaan kakatee, wantii isan amma argitanii dhageettan kunin qarqaarsa innii nuu kenne.
34
“Daawiti ufii gara gubbaa hindhandhee, innii ammoo, ‘Aabboo Waaqii Abbaa kiyyaa Kiristoon, harka kiyya ka mirgaa taa'ii,
35
“Haga anin nyaapha kankee barcumaa miila keetii tolchuutti” ’ ” jedhe.
36
“Namii Israa'el cuftii, akka Waaqii Yesusii kana ka isan mukaatti fanniftan Aabboo fi Kiristoo tolchee ha hubatuutii!” jedhe.
37
Biyyitii waan kana dhageennaan guddoo rifattee sodaattee, Phexrosii fi ergamtoota taaniin, “Obbooleeyyan nu maan taanna?” jette.
38
Jennaan Phexros, “Cubbuu irraa deebi'aa, isaniin cuftii maqaa Yesus Kiristootiin cuuphamaa; akka cubbuu teessan isanii araaramanii; duuba Hafuura Qulqulloo argattan.
39
Akka kakuu Waaqaa isanii fi ilmaan teessan, ammallee warra fagoo jiruu ka Aabboo Waaqii keenna ufiitti yaamu cufa kakatan” jedhee deebiseef.
40
Phexros dubbii tanaa fi ta dhibiileen warra gorsee, “Gaargala dhaloota hamaa kanaatti dhufu duraa ufii baasaa!” jedhe.
41
Namii hedduun dubbii isaa dhugeeffatee cuuphamee, guyyaa sun namii haga kuma sadii gumiitti idaame.
42
Guyyaa cufaa ergamtoota irraa wa baratan, waldeennaa waliin tolfatan, qixxaa Waaqaa cabsan waliin nyaatan, Waaqaa waliin kadhatan.
43
Ergamtootii waan mamaatii fi akeeka hedduu tolchitee, tanaaf namii cuftii sodaate.
44
Warrii dhugeeffate cuftii waliin taa'ee, waan cufa waliin qoodate.
45
Horiii fi waan qaban gurguranii namii cufaa akkuma feedhii isaa gula waan innii fedhe qoodaniif.
46
Guyyaa cufa Mana Waaqaatti walwalda'aniitti, sagalee mana walii keessaatti nyaatanii, garaa gammadatii fi dhugaatiin waliin taa'ani.
47
Waaqaa faarsanii, biyyitii cuftii warra jaalatte. Guyyaa cufa Aabboon nama baafamu gumiiitti dare.
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 3 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28