bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Acts 18
Acts 18
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 17
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 19 →
1
Eegii sunii Phaawulos Ateenaa ka'ee gara Qorontos dhufe.
2
Achiitti nama Yihudii tokko, ka Aqiilaa jedhan, ka lafa Phonxosiitti dhalate, ka dhi'oo niitii isaa Phrisqiilaa waliin lafa Ixaaliyaatii dhufe arge. Wantii innii achii dhufeef waan Kilaawudiiyos akka Yihudiin cuftii lafa Rooma keessaa godaantu mureef phaawulos warra arguu fedhe.
3
Ammallee waan hujiin warraa takka taateef warra waliin taa'e; hujiin warraa hujii waaroo midhaasan.
4
Sambataa cufaa innii mana waldeennaa Yihudii dhaqeetti, keessatti haasa'ee Yihudii fi Griikii karaa ufii deebise.
5
Siilaas fi Ximotewos Maqedooniyaa dhufanii jennaan, Phaawulos guyyaa cufa haasa'ee, akka Yesus Kiristoo ta'e Yihudiitti hime.
6
Yihudiin isaan mormitee arrabsinaan, innii wayaa hargufatee, “Dhiigii keessan mataa keessan gubbaa ha jiraatuu, anin qulqulloo, ardhaa achi anin gara gosa dhibii hindhugeeffatinii deema” jedheen.
7
Innii ka'ee achii deemee, mana namicha Tiitoos Yusxos jedhanii tokko, ka Waaqaatti dhugeeffatee dhaqe. Manii isaa dhaattuu mana waldeennaa jira.
8
Kiriisphosiilleen, guddaan mana waldeennaa, warra ufii cufa waliin Aabboo dhugeeffate. Namii Qorontos hedduun waan kana dhageennaan dhugeeffatee cuuphame.
9
Jennaan Aabboon halkan tokko daayyaan Phaawulosii dubbatee, “Hinsodaatin, hincalisinii dubbadhu!
10
Anin si waliin jiraa, namii tokkoolleen danda'ee homaa si hintolchuu, anin nama hedduu dira kana keessaa qabaa” jedheen.
11
Tanaaf Phaawulos dira sun keessa haga ganna tokkoo fi ji'a ja'aa taa'ee dubbii Waaqaa warra barsiise.
12
Gaafa Gaalii'on jaallaba biyya Akaayyaa, Yihudiin walii galtee Phaawulos qabde, fulaa qorsumaatti geesitee,
13
“Namichii kun, seera malee akka biyyitii Waaqaa kadhattu barsiisa!” jedhaniin.
14
Adoo Phaawulos dubbachuu fedhuu, Gaalii'on warra Yihudiitiin, “Yo silaa wantii kunin waan kijibaa yokaan waan cubbuu hamtuu taatee, anin isanii warra Yihudii, caqasuu male.
15
Ammoo yo waan dubbii, maqaa fi waan seera keessanii callaa taatee, isanumaan laaladhaa. Anin waan akkanaa kana hinqoruu” jedhe.
16
Duuba fulaa qorsumaatii warra gusse.
17
Namii achi jiru cuftii Sosteneesin, guddaa mana waldeennaa qabee, fulaa qorsumatti geesse dhaane. Gaalii'on ammoo waan kana tokkoollee hin yaalle.
18
Phaawulos eegii guyyaa hedduu obboleeyyaan dhugeeffate waliin achi Qorontos keessa taa'ee, nagayaa obboleyyaaniitti dhaamatee, Phrisqiilaa fi Aqiilaa waliin hoboloo seenee lafa Sooriyaa dhaquuf ka'e; adoo hindeemin, Kanchre'aa keessatti kakatee mataa haadate.
19
Efesoonon dhumnaan, Phaawulos Phrisqiilaa fi Aqiilaa achiitti lakkisee, ufii ammoo mana waldeennaa dhaqee warra Yihudiitiin haasa'e.
20
Yihudiin akka Phaawulos warra waliin achi taa'u kadhattee, innii ammoo dide.
21
Ammoo nagayaa dhaamatee, “Yo Waaqii jedhe anin indeebi'a” jedhee, hoboloo seenee ka'ee Efesoononii deeme.
22
Qiisaaryaa geennaan Yerusaalem dhaqee, gumii Waaqaa nagayaa fuudhee, achii Anxokiyaallee dabre.
23
Bultii diqqoo tokko achi keessa taa'ee jennaan, ka'ee lafa Galaatiyaatii fi Firiigiyaa keessa dedeemee gumii dhugeeffatte cufaa jajjabeesse.
24
Bara sun namichii Yihudii tokko ka dira Iskindriiyaatti dhalate, ka Apholos jedhan Efesoonon dhufe; innii nama arrabaan qaroo ka ammallee waan barreessii cufaa akka dansaa beeku.
25
Namichii kunin qara waan karaa Aabboo baratee, garaan isaa oowinaan waan Yesus qajeelchee dubbatee barsiise, ammoo cuuphaa Yoh. aannisii callaa beeka.
26
Sodaa malee mana waldeennaa keessatti barsiise. Phrisqiilaa fi Aqiilaan waan isaa dhageennaan fuudhanii, haga qaraallee irra qajeelchanii karaa Waaqaa barsiisan.
27
Apholos Akaayaa dhaqu feenaan, obboleeyyan dhugeeffatte akka jarii Yesus isa bulchu waraqata barreesitee itti kennite. Achiin baanaan innii warra karaa kenniisa eebba Waaqaa gulan dhugeeffate, guddoo qarqaare.
28
Wantii akkanaatiif innii kitaaba barreessii durii keessatti barreessaniin, akka Yesus Kiristoo ta'e nama cufa garsiisee, akkasiin moromaa Yihudii cufa dabsate.
← Chapter 17
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 19 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28