bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Acts 24
Acts 24
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 23
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 25 →
1
Guyyaa shaniin duuba Ananiiyaas Qaallichii guddaan, jaarrolee fi nama seera beeku tokko ka Xerxilos jedhan walin Phaawulos himachuu gara Qiisaariyaa dhufe. Duuba waan Phaawulos himataniif jaallabdichaatti haasa'an.
2
Phaawulos yaamanii jennaan Xerxilos isa himachuu jalqabee, “Ee Feeliks guddaa, waan marroo tanteetiif nagaa guddaa dansaa keessa teennuuf, ammallee waan marroo qarqaarsa keetitiif hujii dansaa gosa tanaa tolchaniif,
3
nu guyyaa cufa fulaa cufaatti waan waan kana arganneef galata sii deebimna.
4
Dubbii dheertuun si gaargalchuu hinfedhuu, ammoo, si kadhadhaa, dubbii teenna diqqoo tana obsaan nuu dhagayi.
5
Nu nama kana ka nama gaargalchu argine; innii fulaa deemu cufaatti Yihudii yakka; innii guddaa warra Naazireet ka dharaan Yesusitti dhugeeffate.
6
Ammallee innii mana Waaqaallee xureesuu feenaan nu akkuma aadaa teennaa gula isaatti qoruu feennee qamne.
7
Guddaan keenna Liisiiyaas ammoo dhufee irree guddoon harkaa nu fuudhe.
8
Eegee ammoo warrii Phaaulos himatuu cuftii akka fuula kankee dura dhufu ajaje atuuyyuu ufuumaa qortee, waan nu namcha kana himanuu cufaa isa irraa dhaga'uu indandeetta” jedhe.
9
Warrii Yihudii cuftii walii galee, “Wantii kun akkuma innii amma dubbate kana” jedhe.
10
Jaallabdichii harka Phaawulosiitti qabee, “Dubbadhu” jedheen. Phaawulos ammoo, “Akka atin ganna hedduu dubbii lafa tanaa qorte inbeeka, tanaaf fuula kankee duraatti ufii dubbachuuf hingammada.
11
Haga anin Waaqaa kadhachuu Yerusaalem dhaqee, guyyaa kudhanii lammaa hincaalu, atuu yo biyya gaafatte hindhageeta.
12
Yihudiin anaa mana waldeennaa, Mana Waaqaatii fi dira keessaalleetti nama tokkoleen wa mormu yokaan anaa biyya walti baasuullee hingarre.
13
Waan na himatan kana tokkoollee dhugaa itti hinqaban.
14
Ammoo waan tokko si duraatti fudhadha; anin Waaqaa ababoota teennaa karaa warrii, ‘Dhara’ jedhuun sun gula kadhadha. Anin waan seera Muuseetii fi kitaaba raagootaa keessatti barreessan cufa indhugeeffadha.
15
Akka nama hamaa fi dansaallee cufa du'a keessa kaasan, akkuma warrii Waaqaa abdatuu, anilleen abdadha.
16
Tanaaf anin guyyaa cufa Waaqaa fi nama duraalleetti akka wallaala malee deemuu fi dhowwa.”
17
“Ganna hedduu Yerusaalem irraa taa'ee jennaan gosa tiyyaa horii kennuuf, sooriyoo Waaqaa baasuu dhufe.
18
Yihudiin lafa Asiyaa keessaa dhufte tokko anaa aadaa qulqullummaa hobbaafadhe Mana Waaqaa keessatti na argite malee, goohantiilleen hinjirtu.
19
Yo sun ammoo Yihudiin lafa Asiyaa tokko achi jirti, warrii yo waan na himatuuf qabaatee si dura ejjaajjee na himachuu male.
20
Yokaan gaafa gumii koraa dura ejjee dubbadhe, wallaalii narraatti argan yo jiraatee, warrii amma asi jiru kuniiyyuu ha himuutii.
21
Yokaan dubbiin tokkottin anin warra duraatti olka'ee qoonqoo olfudhadhee, ‘Wantii naqoraniif marroo anin ka'iisa nama du'ee dhugeeffadhuuf’ jedhe, sun wallaala natti taatii?” jedhe.
22
Jennaan Feelikos, ka waan Karaa kanaa akka dansaa beekuu, “Yo guddaan warra waraanaa ka Liisiiyaas jedhan dhufee, dubbii teessan kora baasee anin in laala” jedhe.
23
Jennaan nama guddaa waraanaa tokko ka Phaawulos eeguunii, “Akka dansaa eegii ammoo hinhidhin, akka jaallaan isaa waan innii fedhu kennituufiillee hindhowwin!” jedhe.
24
Bultii diqqoo tokkoon duubaatti Feeliks, niitii ufii Drusilaa ta gosa Yihudii waliin dhufee, Phaawulos yaamee, “Waan dhugeeffachaa Yesus Kiristootti dhugeeffatanii natti himi” jedhee, isa caqase.
25
Adoo Phaawulos taa'ee waan qajeelummaa, ka obsaatii fi ka murtii hegerii dhuftuu dubbatuu, Feeliks sodaatee, “Amma been, yo isiin naa fuute si yaamaa” jedheen.
26
Innii waan Phaawulos beessee isaa kennu sehee, tanaaf marroo hedduu isa yaamee haasa'een.
27
Ganna lamaan duubaatti Phorkii'os Fesxoos hujii Feeliks irraa fuudhe. Duuba Feeliks akka Yihudii gammachiisu Phaawulos hidhaansa keessatti lakkise.
← Chapter 23
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 25 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28