bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Acts 27
Acts 27
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 26
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 28 →
1
Nu akka lafa Ixaaliyaa hoboloon yaanu buufannaan, warrii Phaawuloosii fi nama hidhaansa keessa jiru dhibiilee harka namicha guddaa warra waraanaa tokko ka Yulii'os jedhaniitti kenne; Yulii'os gumii warra waraana Roomaa ta “Waraana hayyuu” jedhan keessatti guddinna qaba.
2
Nu hoboloo dira Adraamiixosii gara lafa Asiyaa deemuu kurfeeffatte tokko duunnee itti dhaabanne. Namichii Arisxaarkos jedhan ka gosa Maqedooniyaa, ka lafa Tasaloniiqeetti dhufe tokkoleen nu waliin jira.
3
Boriyyaa Sidoonitti galle; Yulii'os Phaawulos qarqaaree, akka innii gara jaallaan isaa dhaqee waan fedhu barbaadatu “Ee'e” jedheen.
4
Lafa sunii kaanaan waan bubbeen nu dhoorteef lafa Qophroos ta jidduu bisaanii jala yaane.
5
Nu Eegii baariin dhaattuu Qiliiqiyaa fi Phamfiliyaa dabarree, dira Liiqiiyaa tokko ka Miiraa jedhan dhumne.
6
Achiitti guddaan warra waraanaa hoboloo tokko ta Iskindriiyaa, ta lafa Ixaaliyaa deemtu argee nu yaabachiise.
7
Haga guyyaa hedduu laanumaa yaanee gaargalaan Kiniidos diqqumaa hanqanne. Waan bubbeen nu dhoorteef Salmoone dhaattuu dabarree, fulaa bubbeen hinjirre jala banne.
8
Duuba adoo qota galaanaa irraa hinfagaatin, gaargala guddaan lafa sun dhaattuu yayaanee, fulaa tokko ta dira Lase'aa dhaattuu, “Boqota dansaa” jedhan dhumne.
9
Armaatti guddoo turree, yaasumii jajabaatee, guyyaan afaan hidhatan nu dabre. Jennaan Phaawulos warra gorsee,
10
“Dhiiro, anin himaltuu tana keessa akka nu gaargalaa fi dhiphuu guddoo argannu arga; hoboloo fi mi'a callaanitii, ammoo lubbuu teennaalee insodaadha” jedhe.
11
Ammoo guddaan warra waraanaa waan Phaawulos jedheen dideetti, waan guddaa hobolootii fi abbaan hoboloo jedheen gula deeme.
12
Mar. roo fulaan dansaan boqotan hinjirreef, namii hedduun achii yaa'u fedhe, akka yo dandaan Finiiqee dhaqabanii, haga caamsaa achi taan. Finiiiqeen lafa Qareexis keessa jirti, ta gama ila galchuu moggaa bitaatii fi moggaa mirgaalee laaltu. Waan bubbee hamtuu
13
Bubbeen laanumaa gama bitaa bubbiftee jennaan, waan yaa'u dandaan se'ani; duuba hoboloo isaanii hiikanii dhaattuu lafa Qareexisiin galaana irra yaan.
14
Ammoo adoo haguu hinturin bubbeen jabduun takka ta, “Bubee mirgaa ila boruuti bubbiftu” jedhan, moggaa lafa godduti bubbifte.
15
Bubbeen hoboloo dhooftee, fudhatee jennaan, waan hoboloo qabuu dadhamneef, nulleen itt gad lakkimne.
16
Lafa diqqoo Kaawudaa jedhan takka, ta jidduu galaanaa jirtuun rophannee, gaargala guddaan hoboloo teenna ta irra diqoo ta markabaa guddaatti hidhamte hirksaa baanee, achiitti diqqoo goomittaa arganne.
17
Hoboloo sun ol harkisanii hoboloo irra kaa'anii, akka bubbeen gargarii hinbaamne haada jala baasanii jabeessanii hoboloon walitti hidhan. Waan gara lafa Libiiyaa keessa lixan se'anii sodaatanii, wayaa hoboloon deemsisan hiikanii akkanumaatti lakkisan.
18
Mar. roo dhawaan qillensaa jabduun ittuma idaamaa dhuftee nu dhowiteef, boriyaa ulfinna hoboloo irraa jissanii sablisan.
19
Guyyaa sadeessoo harkuma ufitiin mi'a hoboloo cufa galaanaatti gadi gaggatan.
20
Adoo aduu fi urjii hinargin guyyaa hedduu turree, bubbeen akka hamaa nutti bubbiftee, abdii baanuun dhamne.
21
Eegii warrii adoo sagalee hin nyaatin guddoo turee, Phaawulos jidduu warraa keessa ejjee, “Dhiiroo, isan qaraa na caqasuu maltanii, Qareexiisee ba'uu hinmalle; akka gaargala kana argannee horii kana cufa hinballeessine.
22
Amma ammoo, garaa jabaadhaa! Hoboloo malee isan keessaa namii tokkoolleen hinbaduu” jedheen.
23
Eda ergamaan Waaqaa kiyyaa, ka anin kadhadhuu, na bira ejjee
24
“Phaawulos, hinsodaatin! Atin Qiisaar dura ejjachuu malte; ammallee laali, Waaqii warra si waliin yaa'u kana cufaa ya sii jedhee baassee” naan jedhe.
25
Tanaaf dhiiroo garaa jabaadhaa! Akka wantii natti himan kunin taatu, anin ya Waaqaa dhugeeffadhee.
26
Taatuulee lafa jidduu galaanaa keessa jirtu tokko keessatti nu harcaasuu malan.
27
Bultii kudhanii affireessoo, adoo nu galaana Adriiyaa keessa fuluma cufaa yayaanuu, saatti ja'a ta halkaanii, jarii hoboloo geessu waan lafa tokkotti dhi'aatan sehe.
28
Haada bisaan keessa buusanii, akka herregan, gad fageennii bisaan haga dhundhuma saddeetamaa ta'uu argan. Diqqoo deemanii, itti deebinaan ammallee haada keessa gad buusanii, akka gad fageennii dhundhumaan haga jaatamaa ta'uu argan.
29
Warrii waan nu dhakaa dhoomnu sehee, sibiila afurii gama dudda duubaatiin hoboloo keessaa galaanaatti gad dadarbatee, akka laftii bariitu kadhate.
30
Jarii hoboloo geessu hoboloo keessaa baqachuu fedhee, nama sobee hoboloo irra tataa'ee diqqoo galaana keessa buussee, waan sibiila lafaan qabatee buussuu fedhe ufi tolche.
31
Jennaan Phaawulos guddaa warra waraanaatii fi warra waraanaalleen, “Yo warrii kunin hoboloo keessa tataa'ee malee, isan ba'uu hindandeettan” jedhe.
32
Jennaan warrii waraanaa haada hoboloo irra diqqoo sun kutee, akka hoboloon galaana keessa buutu gad lakkise.
33
Adoo Laftii hinbarin akka warrii sagalee nyaatu Phaawulos warra sun cufaa gorsee, “Isan haga sagalee afaaniin hinqabinii ardha guyyaa kudhanii afureessoo.
34
Tanaaf anin isan kadhadhaa, sagalee nyaadhaa; wantii kunin irree isanii taati. Rifeensii mataa keessanii tokkoolleen hinbaduu” jedhe.
35
Phaawulos eegii akkaana jedhee, qixxaa fuudhee, warra cufaa duraatti galata Waaqaa galchee, qixxaallee cabsatee nyaate.
36
Jennaan warrii cuftii garaa jabaatee sagalee nyaate.
37
Nu namii hoboloo sun keessa jiru nama haga dhibba lamaa fi torbaatamii ja'aati.
38
Namii cuftii nyaatee quumnaan akka hoboloo sablisan dargaayyee gara galaanaatti gad jissan.
39
Laftii bariinaan warrii lafa beekuu dadhabee, ammoo fulaa takka ta silaa fulaa dansaa hoboloo dhaban fakkaattu argee, hoboloo arti dhaabuu fedhe.
40
Eegii sibiila hoboloo lafatiin dhaaban kutanii gatanii, baa riitti ufi gad lakkisanii, haada muka hoboloo oofuun qajeelchan hiikan. Jennaan wayaa hoboloon deemsisan ta fuula duraa olbaassan, akka lafa godduu dhaqaban itti gallakisan.
41
Mar. kabii ammoo maansa seenee mataan isaa maansa keessa lixee chocho'uu dadhabee, dudda duuba isaa dhawaan jabduun dhooftee gargarii caccabsite.
42
Warrii hindhaansa keessa jiru tokkoolleen bisaan daakee akka hinbaqanee, warrii waraanaa nama cufaa fixu fedhe.
43
Guddaan warra waraanaa ammoo marroo Phaawulos baassuu fedheefii warra dhowwe. Innii qaraa warra bisaan daakuu beekuun, “Hoboloo keessaa jigaa lafa goddutti ba'a” jedhe,
44
Warrii hinbeennee ammoo ha saanqaa fi cacaba hobolootti qancoorfatu, jedhe. Akkanaan namii cuftii nagayumaan lafa ga'e.
← Chapter 26
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 28 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28