bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Acts 15
Acts 15
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 14
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 16 →
1
Jarii tokko Yihudaa gara Anxokiyaa dhufee, “Isan yo akka aadaa Muusee gula qabaanqabaa qabattan malee, baafamu hindandeetan” jedhee obboleeyyan dhugeeffatte barsiise.
2
Tana irratti Phaawulosii fi Baarnaabaas warraan waldhaquu dadhamnaan, warrii akka Phaawulosii fi Baarnaabaa namii dhibiillee waliin Yerusaalem dhaxee, ergamtootaa fi jaarrollee waan kana gaafattu buufate.
3
Duuba gumiin Waaqaa imaltuu warra ergitee; warrii akka namii hindhugeeffatin ka gosa dhibii gara Waaqaa dacha'e odeessaa, Finiiqeedhaa fi Samaariyaa keessa dabree, oduun tun obboleeyaan dhugeeffatte ta achii jirtu cufaa guddoo gammachiifte.
4
Yerusaalem geennaan, gumiin mana Waaqaa, ergamtootaa fi jaarroleelleen warra keesoomistee, warrii waan Waaqii harka warraatiin tolche cufaa haasa'e.
5
Fariisotii garii ta dhugeeffatte ammoo kaatee, “Warrii dhugeeffate ka gosa dhibiilleen ha dhaqaanqabaa qabatee seera Muusee guutuu” jette.
6
Duuba ergamtootaa fi jaarroleen waan kana laaluuf walti qabamte.
7
Eegii dubbii guddoo walmormaan, Phexros olka'ee, “Dhiiroo, obboleyyaan tiyya, isan akka Waaqii gaafa qaraa akka afaan kiyya irraa namii hindhugeeffatin ka gosa dhibii dubbii oduu dansaa dhaga'ee dhugeeffatu, isan keessaa na foohatee inbeettan.
8
Ammallee Waaqii ka garaa namaa beeku, dhugeeffachaa warraa arginaan akkuma Hafuura Qulqulloo nuu kenne, warraallee kenne.
9
Ammallee innii nuu fi warra gargarii hinherrennee, ammoo marroo dhugeeffachaa warraatiif garaa warraa qulqulleesse.
10
Duuba maaf qambaraa abaaboota teennaa fi nulleen baachuu hindandeenne, jaraa Yesus irra keettanii Waaqaa laallattanii?
11
Nulleen akkuma warraa akka eebba Aabboo Yesusiitiin baafamnu dhugeeffannaa” jedheen.
12
Gumiin cuftii calliftee Baarnaabaasii fi Phaawulos ka akka Waaqii akeekaa fi waan mamaa harka warraatiin jidduu gosa dhibiitti tolche haasoftu caqafte.
13
Warrii dubbii afaanii buufatee jennaan Yaaqoob ka'ee, “Dhiiroo obboleeyyan tiyya, na caqasaa!
14
Simoon, akka Waaqii qaraa herregee gosa dhibii hindhugeeffatin keessaa gumii maqaa ufitiin foohatu ya hime.
15
Akkuma barruun jettuu, dubbiin raagotaa waan kanaan walfakkaatti.
16
‘Armaan duuba anin indeebi'a, Hayyuummaa Daawit ta jideellee hinjaara; hoosaallee deebiseetti jaara, oliqajeelchaalle.
17
Akka nama dhibii fi namii gosa lafa irra jirtuu cuftii, ka maqaa kiyyaan yaaman, Aabboo barbaadu.
18
Aabboon, ka durii waan kana cufaa nama beesise’ akkana jedha.
19
Tanaaf wantii anin herregu tana; nu warra gosa dhibii ka Waaqaatti deebi'e gaargalchuu hinmalle.
20
Ammoo nu akka warrii sagalee waaqaa sobaa ka harkaan bocanii baasan didee, algalooma irraa ufi dhowwee, horii hudhamee du'ee foon hin nyaanne, yokaan dhiigaalle hindhunne, nu erga dhaamsa nagayaa warraa barreessina.
21
Wantii akkanaatiif Muuseen haga duriitii, dira cufa keessaa nama dubbii isaa haasa'u qaba; ammallee guyyaa Sambataa cufaa manneen waldeennaa keessatti dubbiisan” jedhe.
22
Jennaan ergamtootaa fi jaarroleen, gumii Kiristaanaa cufaa waliin, gumii Waaqaa keessaa nama foohanii, Phaawulosii fi Baarnaabaas waliin Anxokiyaatti, erguuf, walii galanii, Yihudaa ka “Barsaabbaas” jedhanii fi Siilaas foohanii Phaawulosii fi Baarnaabaas waliin ergan.
23
Ergaa tana barreessanii harka warraatti kennanii, “Nu ergamtootaa fi jaarroleen, obboleeyyan teessan, nagayaa obboleeyyan hindhugeeffatin ta gosa dhibii, ta Anxokiyaa ardaa Sooriyaatii fi ta Qiliqiyaatti erginaa.
24
Nu akka jarii armaa yaa'e tokko dubbiin isan gaargalchee hafuura keessan yakkuu fedhe ya dhageenne; ammoo nu seera akkanaa kana warraa hinkennine.
25
Nu garaa tokkoon walit dhumnee, akka nama foohannee, jaallowwan teenna dadansaa Baarnaabaasii fi Phaawulos waliin isanitti erginu walii gallee buufanne.
26
Baarnaabaasii fi Phaawulos warra marroo maqaa Aabboo keenna Yesus Kiristootiif jedhee waan jireenna ufii hinherrenne.
27
Tanaaf nu akka ergaa isanii barreessan afaan ufitiin isanitti himan, Yihudaa fi Siilaas isaniitti ergine.
28
Hafuura Qulqulloo fi nulleen waan tolchuu malan malee, ba'aa dhibii isan irra kaa'uu hinfeenu.
29
Sagalee waaqoota sobaa ka harkaan bocanii baasan hin nyaatinaa; dhiigaa horii tokkoollee hindhuginaa, foon horii hudhamee du'ee hin nyaatinaa; algalooma lagadhaa; isan yo waan kana cufaa lagattan waan dansaa tolchitan. Nagayaatti taa'aa!”
30
Warrii ergan ka'anii ka'ee yaa'ee Anxokiyaa dhufee, gumii Kiristaanaa walti qabee waraqata ergan kaan itti kenne.
31
Waraqata ergan kaan dubbimnaan, namii cuftii marroo dubbii nama jabeesituu suniif gammade.
32
Yihudaa fi Siilaas, waan raagoota tahaniif, dubbii hedduun obbooleeyyaan Kiristaanaa ta Waaqaatti dhugeeffatte jabeessanii gorsan.
33
Eegii warrii diqqoo fulaa sun taa'e, obboleeyyan Kiristaanaa ta Waaqaatti dhugeeffatte akka gara dhufaniifiiti dacha'an, nagaan warra gadi dhiifte.
34
Siilaas ammoo achii taa'uu fedhe.
35
Phaawulosii fi Baarnaabaas Anxokiyaa keessa taanii, nama dhibiilee waliin dubbii Aabboo barsiisanii ammalee haasa'an.
36
Eegii diqqoo achii bubbulanii Phaawulos Baarnaabaasiin, “Kootti dachaaneetti, dira dubbii Waaqaa itti haasoomne cufaa dhandhee, waan obbooleeyyan teenna ta dhugeeffatte keessa jirtuu laalaa!” jedhe.
37
Baarnaabaas ammoo Yoh. aannis, ka Maarqos jedhaniillee, akka ufi gula fuudhanii deemaniin fedhe.
38
Phaawulos ammoo waan innii Phamfiliyaatti warra lakkisee walin hujii hojjachuu dideef, akka isa fuudhan hinfeene.
39
Warrii guddoo walmormee gargarii ba'e; jennaan Baarnaabaas Maarqos ufi gula fudhatee, hoboloon Qophros dhaqe.
40
Phaawulos ammoo Siilaaa fudhatee eegii obboleeyyan dhugeeffatte akka warrii eebba Aabboo argatu Waaqaa kadhateef ka'ee deeme.
41
Phaawulos gumii Kiristaanaa jabeessaa, Sooryaa fi Qiliiqiyaa keessa dabre.
← Chapter 14
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 16 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28