bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Acts 11
Acts 11
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 10
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 12 →
1
Ergamtootaa fi obboleeyyan Yihudaa keessa jirtu, akka gochitii hindhugeeffatin dhibiilleen dubbii Waaqaa dhugeefatte dhageette.
2
Tanaaf Phexros Yerusaalemiitti dhi'aannaan warrii aadaa qabaanqabaa jabeessu isaan mormee,
3
“Atin ya warra qabaanqabaa hinqabatiin waliin nyaatte” jedheen.
4
Ammoo Phexros waan cufaa warraatti haasa'ee.
5
“Anin adoo dira Yophee keessatti Waaqaa kadhachuu jiruu, daayyaa keessa, waan akka wayaa guddoo, ta fiixee afraanuu hidhan natti gadi buussan arge.
6
Akka dansaa keessa ilaalaan, bineensa miila afurii, bineensa alaa, bineensa lafa irra loo'uu fi ka Waaqaa keessa babarisuullee arge.
7
Jennaan qoonqoo, ‘Phexros, ka'ii, qaladhuu nyaadhu!’ naan jettu dhagaye.
8
Anin ammoo deebisee, ‘Aabboo lakkii, wantii qulqulloo hinta'iin yokaan wantii hamtuun takka afaan kiyya seentee hinbeettuu’ jedheen.
9
Qoonqoon Waaqaa gubbaa ammoo deebitee, ‘Waan Waaqii qulqulleesseen, Qulqullooniti hinjedhin!’ jette.
10
Wantii kunin marroo sadii akkas taate, jennaan wannii kaan cuftii gubbaatti olidachaate.
11
Yoma sun namii sadii, ka Qiisaarii natti ergan, fulaa mana anin taa'uu dhufe.
12
Hafuurii Qulqulloon, adoo homaa hinsodaatin akk anin warra waliin deemu natti hime. Ammallee obboleeyyan ja'aan taaniin waliin yaanee, mana namichaa olduunne.
13
Qorneelewos ammoo akka ergamaa Waaqaa mana ufii keessatti arge nutti hime, ergamaan sun, ‘Nama gara Yophee ergii, nama tokko ka Simoon Phexros jedhan yaam;
14
innii akka sii fi Warrii keelleen baafamtan sitti hima’ jedheen nutti hime.
15
Akkuma anin dubbii tiyya itti keeyadheen, Hafuurii Qulqulloon, akkuma durii nurra bu'e warraallee irra bu'e.
16
Jennaan anin yoma sun dubbii Aabbo ta innii ‘Yoh. aannis bisaaniin cuuphe, isan ammoo Hafuura Qulqulloon cuuphamtan’ jedhe taan qaabadhe.
17
Yo Waaqii kennamsa akka gaafa nu Aabboo Yesusii Kiristootti dhugeeffanne nuu kenne warra kannaallee kennee, ‘Anin namii danda'ee Waaqaa dhowwu eennu ree?’ ” jedhe.
18
Waan kana dhageennaan dubbii isaa quufanii, “Waaqii gosa dhibiillee ta hindhugeeffatin ya cubbuu irraa deebisee jireenna kenneef” jedhanii Waaqaa faarsan.
19
Gaargala yo Isxifaannos du'e sun gumii dhugeeffatteetti dufe suniin warrii guddoo gargarii bittinaayee, haga finiiqee haga Qophrosittii fi Anxokiyaa yaa'ee dubbii Waaqaa Yihudii callaatti haasa'e.
20
Jarii garii ka Qophrosii fi Qareenee ammoo, Anxokiyaa dhumnaan gosa Giriikiilleetti haasa'anii, oduu dansaa Aabboo Yesus Kiristoo himan.
21
Irreen Aabboo warra waliin jirti, namii hedduun dhugeeffatee gara Aabboo deebi'e.
22
Oduun tunin gumii dhugeeffatte ta Yerusaalem dhaqabiddee, jennaan warrii Baarnaabaa Anxokiyaatti erge.
23
Innii dhumnaan eebba Waaqii akkanumaatti isaanii kenne arge, guddoo gammadee, akka garaa isanii cufaan Aabboo dhugeeffatan nama cufaat hime.
24
Waan Baarnaabaas nama dansaa Qafuura Qulqulloon guutamee, ammallee dhugeeffachaa jabduu qabu, ta'eefii namii hedduun Aabbootti darame.
25
Jennaan Baarnaabaas Saa'oli barbaaduuf gara Xarsee dhaqe.
26
Isa arginaan gara Anxokiyaatiin dhufe; haga ganna tokkoo cufa warrii gumii Waaqatiin walwalda'ee, nama hedduu barsiise. Ammallee Anxokiyaa keessatti qaraa jara Yesus “Kiristaana” jedhanii yaaman.
27
Bara sun raagooti garii Yerusaalemii yaatee gara Anxokiyaa dhufte.
28
Warra keessaa namichii tokko, ka Agaabos jedhan, ka'ee akka beeltii jabduun lafa cufaatti dhuftu irree Hafuura Qulqullootiin dubbatee fage. Beeltii tunin bara mooticha Roomaa ka Kilaawudiiyos jedhanii dhufte.
29
Jarii Yesus cuftii, akk haga danda'uu, obboleeyyan Yihudaa keessa jirtu qarqaaru walii gale.
30
Akkasi tolchanii, harka Baarnaabaasiitii fi ka Saa'oliitiin horii jaarroleetti ergan.
← Chapter 10
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 12 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28