bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
Acts 1
Acts 1
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 2 →
1
Yaa Tewofilos! Kitaaba kiyya ka jalqabaatiin waan Yesus hojjatee fi barsiise mara barreessee jira. Ka barreesse'llee yeroo Yesus hujii isaa jala qabee kaasee,
2
haga guyyaa gara sami'ii ol bayee titti ka hojjate, gara sami'ii ka ol baye'llee, ergamittoota filateef ajaja isaa karaa Hafuura Qulqullu'uutiin eega isaanii kenneen duubatti.
3
Rakkinna baayi'ee fudhatee eega du'een duubatti ragoota baayi'ee ifa ta'aniin jiraataa ta'ee isaanitti ni mulidhate, guyyoota afurtamaa guutuu isaanitti muldhata'aa, waayee Mootummaa Waaqaa isaan ni barsiise.
4
Yeroo isaan woliin turetti'llee akkana jechu'uun isaan ni ajaje, «Ka ani isinitti hime abddii Waaqa Abbaa irraa kenname eeggadhaa malee, Yerusaalemiin keessaa hin bayinaa,
5
Yohaannis bishaaniin ni cuuphe, isin garuu guyyaa muraasaan duubatti, Hafuura Qulqulluun ni cuuphamttan.»
6
Isaan'llee bakka tokkotti wol gayanii uduu jiran, «Yaa Gooftaa! Mootummaa Israa'eelii deebifttee yeroo itti kennitu, amma moo?» jechuun, ni gaafataniin.
7
Yesus'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Waaqinni Abbaan aangoo isaatiin yeroo fi bara murtteesse, isin beeku'uuf hin dandeettan.
8
Garuu Hafuurri Qulqulluun isin irra yeroo bu'etti huminna ni argattan, yeroo san Yerusaalemitti, arddii Yihuda'aa, Samaariyaa maratti, haga daangaa arddi'ii titti ragoota kiyya ni taatan.»
9
Kana eega jedheen duubatti uduma isaan isa arganiin, gara sami'ii olii ni baye, duumessi'llee ufitti simateenii ija isaanii jala ni dhosseen.
10
Inni ol deebi'aa uduma jiru, isaan guutatanii gara samii yoo laalan, uffata adaadii ka uffatan namoonni lamaa isaan bira dhaabatanii,
11
«Isin namoonni Galiila'aa, maali'iif gara samii ol laalaa dhaabattanii jirttan? Kun gara sami'ii ol yoo deebi'u Yesusiin argitan, bifuma gara samii ol yoo deebi'u argitaniin, deebi'ee ni dhufa» isaaniin jedhan.
12
Kanaan duubatti Gaara Ejerssaa ka jedhame gara Yerusaalemii ni deebi'an, Gaarri Ejerssaa Yerusaalemiin irraa ka fagaatu karaa torbaanii (haga kiilomeetira meetira tokkooti.)
13
Gara Yerusaalemii'llee dhufanii mana wol irroo keessa jiraatantti ol ni bayan, isaan'llee, «Phexiros, Yohaannis, Yaaqoob, Indriyaas, Filiphos, Toomaas, Bartolomewos, ilma Alfewosii Yaaqoobiin, Hinaaftticha Simoon ilma Yaaqoob Yihudaa» fa'a.
14
Kunniin marrinuu yeroo maraa kadhanna'aaf bakka tokkotti wol ni gayan turan, isaan woliin'llee dubarttoonni tokko tokkoo fi haati Yesusii Maariyam, akkuma kana obboleeyyan Yesusii'llee ni turan.
15
Yeroo sanitti Phexiros amanittootaa dhibba tokkoo fi diddamaa ta'an jidduu dhaabateeti akkana ni jedhe,
16
«Yaa obboleeyyan, waayee Yihudaa namoota Yesusiin qabaniif durssaa ta'ee, Hafuurri Qulqulluun durssee afaan Daawiitiitiin ka dubbate, dubbiin kitaaba Qulqullu'uu raawwatamuu qaba ture.
17
Yihudaan'llee nu keessaa tokko ta'e, qoodamaa tajaajila kanaa ni ture.»
18
Garuu naminni kun gatii hujii isaa hama'aatiin lafa ni bite, kallacha isaatiin'llee kufee wolakka'atti ni baqaqe, madhumaan isaa'llee ni jige.
19
«Wonitti kun'llee worra Yerusaalemiin jiraatan mara biratti ni beekame, kanaaf laftti sun afaan isaaniitiin, Akeldaamaa jedhamee ni waamame, hiikkaan isaa'llee, (Lafa dhiigaa) jechu'u.»
20
«Kun'llee wonitti ta'eef kitaaba Faarfanna'aatiin, ‹Manni inni keessa jiraatu duwwaa haa daawatu, eennu'llee keessa hin jiraatin, dabalee'llee muudama isaa naminni bira'aa irraa haa fudhatu› ka jedhu, barreeffamee waan tureef.»
21
Kanaaf Gooftaan Yesus jidduu keenna yeroo dedeebi'e marattuu, nu woliin worra turan keessaa,
22
akkuma kana cuuphaa Yohaannisiitii jala qabee, haga guyyaa Gooftaan Yesus gara samii ol deebi'ee titti, namoota woliin turan kanniin keessaa tokko, nu'u woliin ragaa du'aa ka'iinssaa isaa akka ta'u, ni barbaachisa.
23
Kanaan duubatti namoota lamaa ni dhiyeessan, isaan'llee Baarsaabaas yookiin Yosxosii ka jedhame, Yooseefii fi Maatiyaasiin ture.
24
Akkana jechuun'llee ni kadhatan, «Onnee namaa mara ka beekittu yaa Gooftaa, Isaan lamaan kanniin keessaa eennuun akka filatte nutti muldhis,
25
wonitti kadhanuuf'llee Yihudaan gara bakka ufii titti yoo deebi'u tajaajila gad dhiisee fi ergamitummaa fudhachu'uuf nama isa bakka bu'u akka nuuf ibssituuf.»
26
Carraa yeroo buusanitti'llee carraan Maatiyaasiif ni baye, kanaaf inni ergamittoota kudha tokkoo woliin ni lakkayame.
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 2 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28