bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
Acts 20
Acts 20
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
← Chapter 19
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 21 →
1
Jeeqamnni eega chaldhiseen duubatti, Phaawulos amantoota bakka tokkotti waamsisee, dubbii gorissaatiin isaan ni jajabeesse, nagaya'llee isaanitti dhaamee, gara Maqedoonyaa ni deeme.
2
Bakkeewwan keessa dabrre sanniin irratti'llee, amantoota gorssa baay'een jajabeessaa, gara biyya Giriikii ni deeme.
3
Achitti'llee ji'a sadihi ni ture, kanaan duubatti'llee dooniin gara biyya Sooriyaa deemuuf ni yaade, garuu Yihudonni isaa irratti marri taasisuu isaanii yeroo beeketti, gara Maqedooniyaatiin deemuuf, ni murtteesse.
4
Ilmi Sophaaxrosii Phiiros biyya Beeriyaatii, Arisxaarkosii fi Sekundos Tasaloonqee, Gaayos ammoo Derbee, Xikiqoosii, Tikiqoosii fi Xiromifoos Asiyaa, woliin ni deeman.
5
Isaan'llee nu durssanii deemuun, Xro'aasitti nu eegan.
6
Nu'u garuu ayyaana Qixxa'aatiin duubatti Filiphisiiyusii doonii yaabannee, guyyaa shanitti gara bakka isaan jiranii gara Xro'aasii geenneeti, achitti'llee guyyaa torbaa ni dabarssine.
7
Torbaan keessaa guyyaa jalqabaa titti, buddeena bakka tokkotti nyaachu'uuf wolitti ni qabamnne, Phaawulos'llee guyyaa itti aanee jirutti deemuu qaba waan tureef, namoota wol gayanitti ni dubbata ture, haasaya isaa'llee haga halkan qixxe'ee, ni dheeresse.
8
Mana wol irroo nu itti woligeennetti, ibissaa baayi'etu jira ture.
9
Oyxikoos dargaggeessi jedhame tokko fooddaa irra taa'aa jira ture, Phaawulos haasaya dheeressuu isaatiin hirribnni ulffaataan isa ni qabeen, hirribnni'llee waan isa injifateef mana wol irroo sadaffaa irraa, gara gadii ni kufe, namoonni'llee yeroo kaasaniinitti, du'ee ni argame.
10
Garuu Phaawulos bu'ee mucaa irratti gad jechuun yoo ammatuun, «Amma'llee lubbuun ni jira, hin nayinaa!» jedhe.
11
Phaawulos gara mana wol irroo deebi'ee bayeeti, buddeena kutee amantootaan woliin ni nyaate, haga bari'utti'llee namootaan woliin, haasaya'aa eega tureen duubatti, ni deeme.
12
Namoonni'llee dargaggeessa fayye gara manaa ni fudhataniin, kanaan'llee haalaan ni jajabaatan.
13
Phaawulosiin saalfachiisuuf waan yaanneef nu durssinee, dooniin gara Asoosii ni deeminne, kana'llee wonitti raawwanneef, Phaawulos haga Asoosii miilaan deemuuf waan muritteessee fi kana'llee akka raawwanneef, waan nu ajajeef.
14
Isaan woliin'llee Asoostti yeroo wol geennetti, doonii nu yaabachiisanii gara Mixileenee, woliin ni deeminne.
15
Guyyaa itti aanutti'llee achii kaanee, gara bakka Kiiyosiin fuunidura jiruu, dooniin ni geenne, guyyaa itti aanutti'llee gara biyya Saamosii ceeneeti, guyyaa itti aanutti'llee, gara Milixii ni geenne.
16
Phaawulos Asiya'atti yeroo isaa akka hin balleesineef jedhee Efesooniin bira dabrre deemu'uuf ni barbaade, kana'llee ka raawwateef ayyaanna Phenxeqosxe'eetiif Yerusaalemtti argamuuf, yaadee waan tureef.
17
Phaawulos Miilexoosii gara Efesoonii nama ergee, jaarsotii woldayaa ni waamsise,
18
Gara isaa'llee yeroo dhufanitti akkana isaaniin ni jedhe, «Gara Asiyaa guyyaa itti galee jalaqabee, yeroo maraa isin woliin attamitti akka jiraadhe isin ni beekittan,
19
waayee marri worra Yihudotaatiin rakkinni yoma narra gaye'llee obissa muda maleessa ta'ee fi imimmaaniin, Gooftaa ni tajaajila ture.
20
Bakka woligayi'ii titti ta'ee mana keessantti'llee yoo isin barsiisu, waan isin fayyadu maraa isinitti ni hime malee, woma tokkoo isin irraa hin hanbbfnne.
21
Yihudota ta'anii Ummanni Waaqa dhugaa titti hin amanne'llee, dhiifamaan gara Waaqaa titti akka deebi'anii fi Gooftaa keenna Yesus Kristostti akka amananiif, isaan ufi ni eeggachiisan.
22
Amma'llee yeroo achi gayu maalttu akka narra gayu uduu hin beekin, Hafuura Qulqulluun ajajamee, gara Yerusaalemii deemuu kiya.
23
Haa ta'u malee magaalaa marattuu hidhaa fi rakkinni akka ana qunnamu, Hafuurri Qulqulluun natti himee jira.
24
Wongeelaa kennaa Waaqaa ka bilisaa barsiisuuf Waaqa irraa ka fudhadhe, dirqama barsiisuu yoo raawwadhe, jireenna kiyyaaf gatii hin kennine, lubbuu kiyya'llee garaa ana hin nyaanne.»
25
«Haga ammaa titti isin mara jidduu dedeebi'aa, waayee Mootummaa Waaqaa lallabee ture, ammaa achitti garuu isin keessa eennu'llee, gonkumaa fuula kiyya akka hin argine ni beeka.
26
Kanaaf isin keessaa tokkoo uduu baddee, itti gaafatama akka hin qabnne guyyaa adhaa titti, ni hubachiisa.
27
Yaada Waaqaa mara isinitti ni hime malee, womaa wonitti hanbise woyiituu hin jiru.
28
Hafuurri Qulqulluun isin ephis qophoosota taasisee isin muudee jira, eegaa mataa keessan fi gobbu'uuf'llee ufi eeggadhaa, woldaya amanti'ii ta Waaqinni dhiiga ilma isaatiin fayyiseen eegaa.
29
Ani eega deemeen duubatti gobbu'uuf worri hin naane, namoonni gara jabeeyyiin akka yayyii ta'an, akka isinitti galan ni beeka.
30
Akkuma kana namoonni tokko tokko jidduu keessan ka'anii, barsiisa sobaa barsiisuun, amantoota baay'ee gara isaanii ni harkisan.
31
Kanaaf tokko tokkoo keessan, woggaa sadihi halkanii fi guyyaa, imimmaan kiyya jissaa akka isin gorsse yaadataa, ufi eeggadhaa.»
32
«Amma'llee isin ijaaru'uu fi qulqullaayomota jiddu'utti'llee qabiyyee isinii kennuu Waaqa dandda'uu fi dubbii kennaa bilisaa titti'llee, yaboo kennee jira.
33
Ani qarshii eennuu'llee, worqqii yookiin uffata hin hawwinne.
34
Harkuma kiyyaan hojjata'aa mataa kiyya ta'ee waahellan kiyya'llee ni gargaara akka ture, mataan keessanuu ni beekittan.
35
‹Ka fudhatu irra naminni keennu ka eebbifame› ka jettu, dubbii Gooftaa Yesusii yaadachu'uun, harkuma keennaan hojjata'aa dadhabddoota gargaaruun akka nurraa malu, karaa baay'een isinitti mulidhisee jira.»
36
Kanaan duubatti Phaawulos isaan mara woliinuu, jilibiiffatee ni kadhate.
37
Marrinuu booyaniiti Phaawulosiin ammatanii ni dhungataniin.
38
Gonkumaa worri haalaan gaddan, «Ammaa achitti fuula kiyya hin argitan» isaaniin jedhee waan tureef, haga donii titti ni geegessaniin.
← Chapter 19
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 21 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28