bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
Acts 21
Acts 21
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
← Chapter 20
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 22 →
1
Isaan biraa eega fooyamineen duubatti doonii yaabannee, qajeeluma gara iddoolaa Qoos jedhamttuu ni deeminne, guyyaa itti aanutti'llee gara eddoolaa Roodoosii ni geenne, achii'llee gara magaalaa Phaaxiraa ni deemnne.
2
Achitti'llee doonii gara biyyaa Finiiqee deemttu arganeeti, isii yaabannee deemssa keenna itti ni fufinne.
3
Eddoolaa Qophrosii gara bitaa keennaa titti dhiifnnee, gara biyya Sooriyaa deeminneeti, gara iddoolaa Xiiroosii ni geenne, doonchi'llee achitti fe'aa isaa buufachuu ni qaba ture.
4
Achitti amantootaa barbaannee arganneeti, isaan woliin guyyaa torbaa ni ture. Isaan'llee Hafuura Qulqulluun qajeelffamanii Phaawulosiin, «Gara Yerusaalemii hin deeminni!» jedhanii itti ni himan.
5
Yeroon achitti turru yeroon yoo raawwatu isaan biraa fooyaminnee adeemissa keenna itti ni fufnne, marrinuu haadha worraa isaaniitiif ijoollee isaanii woliin ta'anii, haga baya magaalaa titti nu geegessan, garba ciisaa biratti jilbbiiffannee eega kadhanneen duubatti, nagaya wolitti dhaamnnee addaan ni deeminne.
6
Kanaan duubatti nu yoo doonii yaabbanu, isaan gara mana isaanii ni deebi'an.
7
Xiiroos kaanee gara Phexelemaayis ni geenne, achitti'llee amantootaan woligeenee eega nagaya wol gaafanneen duubatti, isaan woliin guyyaa tokko ni dabarssine.
8
Guyyaa itti aanutti'llee achii baanee, gara Qiisaariyaa ni deemnne, achitti'llee gargaarttota torbban woldaya keessaa gara tokko ka ta'ee, gara mana wongeelawicha Filiphosii aseenneeti, isa woliin ni teenne.
9
Inni'llee kennaa raaga dubbachuu worra qaban, ijoollee durba duudaa hin heerumin afur qaba ture.
10
Guyyoota baay'eef yeroo achi teennetti'llee, nabiyyichi Agaabos jedhamu tokko, biyya Yihudaatii ni dhufe.
11
Nabiyyichi kun gara keenna ni dhiyaate, woraanittillee Phaawulosii fudhatee harkaa isaatii fi miila isaa hidheeti, «Hafuurri Qulqulluun abbaa woraantti'llee kanaa Yihudonni Yerusaalemiin jiran akkanatti hidhaniinii, ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanneef dabarssanii ni kennaniin jedha» jedhe.
12
Kana yeroo dhageennutti nu fi namoonni achi jiran'llee, Phaawulos gara Yerusaalemii akka hin deeminneef, ni kadhanneen.
13
Phaawulos garuu, «Akkanatti booyaa, waayee maaliif, onnee kiyya gaddaan cabsstan? Ani waayee maqaa Gooftaa Yesusiitiif, Yerusaalemtti hidhamuu qofaaf uduu hin ta'in, du'uuf'llee qophaaya'a» jechuun ni deebise.
14
Gorssa keenna'llee hin fudhadhu yeroo jedhetti garuu, «Eegaa akka fedhii Waaqaa haa ta'u» jennee, ni dhiifinneen.
15
Achitti'llee guyyoota muraasaaf eega turreen duubatti, meeshaa keenna qopheesinee, gara Yerusaaleemii ni deemnne.
16
Amanttoonni Qiisaariyaa turan tokko tokko, nu woliin ni dhufan, isaan'llee mana Minaasonii titti akka boqannuuf, gara mana isaa nu ni eemaran, naminni kun'llee durssee ka amane, nama biyya Qophrosii ture.
17
Yerusaalemiin yeroo geennetti'llee amantoonni gammachuun, nu'u ni simatan.
18
Guyyaa itti aanutti'llee Phaawulos nu woliin, mana gara Yaaqoobii ni deeme, jaarsotiin woldayaa marri'llee achi jiran ture.
19
Phaawulos isaan maraa nagaya eega gaafateen duubatti karaa isaaniitiin, waan Waaqinni ummata Waaqa dhugaatitti hin amaninni jiddu'utti raawwate mara tokko tokkoon, isaaniif ni seenesse.
20
Kana yeroo dhagayanitti marrinuu, Gooftaa ni galateeffatan, Phaawulosiin'llee akkana ni jedhaniin, «Yaa obboleessa! Amantoonni kuma baay'etti laakkayaman, Yihudota jidduu akka jiranii fi marri isaaniituu, Seeraaf hinaafttota akka ta'an ni beekitta,
21
Ati Yihudota ummata Waaqa dhugaa titti hin amanne jidduu jiraatan maraanuu, ‹Ijoollee teessan hin gadoomisinaa yookiin seerota hin raawwatinaa› jedha'aa barsiisu'uun, seera Muse'ee akka diigan ni taasftta jedhama'aa ka odeeffamu, dhagayanii jiran.
22
Eegaa maal raawwachuu woyya? Dhufuu kee qajeelatti ni dhagayan,
23
kanaaf waan nu'u siin jennu raawwadhu, nu jidduu guduunffaa worri qaban, namoota afurittu jira.
24
Isaan fudhadhuutii, isaan woliin ta'ii, mataa kee qulqulleessi, riffeenissa isaanii'llee akka haadatan, qarshii Mana Waaqeffanna'aatiif kennamu qarshii kenna'aa isaaniif kafali, kana yoo raawwatte wonitti sirratti odeeffame marrinuu, tasa ta'uu isaatii fi ati'llee ajajamaa seeraa ta'uu kee, marrinuu siif ni beeka.
25
Gara ummata Waaqa dhugaa titti hin amanneetii ka amanan garuu, ‹waayee Waaqa harkaan hojjatameetii qalamu'uutiin nyaata battaaye hin nyaatnaa! dhiiga'llee hin nyaatnaa! foon horii hudhamee du'e'llee hin nyaatnaa, sagaagala irraa fagaadhaa!› murttee jedhu xalayaan qabate, barreessinee isiniif erginee jirra.»
26
Kanaan duubatti Phaawulos namoota fudhateeti, guyyaa itti aanutti isaan woliin mataa isaa ni qulqulleesse, isaan woliin qaama isaa'llee ni qulqulleesse, guyyoonni itti qulqulleesse yoom akka ta'aniif, waayee tokkoo tokkoo isaanii'llee qarshiin kennaa ka kafalamu, yeroon itti kafalamu yoom akka ta'u, beekisisuuf gara Mana Sagadaa ni aseene.
27
Guyyaan torbaa xumuramuuf yoo dhiyaatutti Yihudonni Asiyaa dhufan, Phaawulosiin Mana Waaqeffanna'aa titti isaan arguu isaaniitiin, ummata maraa kakaasanii ni qabaniin,
28
«Yaa namoota Israa'eelii! Nu gargaaraa! Ummanni keennaa fi seerri keenna, bakka kana'llee arrabsa'aa ummata biyya mara jiru mara ka barsiisu nama kana, kun'llee hin gayu jedhee Ummata Waaqa duga'aa titti hin amanne gara Mana Waaqeffanna'aa aseensisu'uun, bakka Qulqulluu kana batteessee jira!» jedha'aa ni iyyan.
29
Kana'llee waayeen jedhaniif, asiin durana dhalataan biyya Efesoonii Xirofimoosiin, isaan woliin magaalatti arganiinii waan jiraniif, Phaawulos isa qabatee gara Mana Sagadaa waan aseene, isaantti fakkaatee ture.
30
Magaalaan guutuun ni jeeqamtte, ummanni marri'llee bakka tokko fiigaa dhufaniiti, Phaawulosiin qabanii harkisaa, Mana Sagadaatii ni baasaniin, Balballan Mana Sagadaa'llee bakkumatti ni cufaman.
31
Namoonni Phaawulosiin ajjeesuu yeroo barbaadanitti, «Magaalaan Yerusaalemii guutuun jeeqamttee jirtti» ergaan jedhu, ajajaa woraana Roomaatii ni gaye.
32
Kanaaf inni lolttoota fi ajajoota dhibbaa isaa ufi biratti qabatee, dadafaan fiigaa gara namootaa ni dhaqe. Namoonni'llee ajaja'aa fi loltoota yeroo arganitti, Phaawulosiin dhaanuu ni dhiisan.
33
Ajajaan'llee dhiyaatee Phaawulosii qabeeti, birbiraata lamaan akka hidhamu ni ajaje, kanaan duubatti eennuun akka ta'ee fi maal akka raawwate'llee beekuuf barbaadee, ni gaafateen.
34
Ummanni'llee tokko tokko waan tokko yoo jedhan, kuunniin ammoo waan biraa ni jedhan ture, Ajajaan'llee iyyiinssa ummataa irraa ka ka'een, waan dhugaa ta'e beekuu waan dadhabeef, Phaawulosiin gara mooraa lolttoota, akka fudhataniin ni ajaje.
35
Phaawulos gara sadarkkaa yeroo gayetti, ummanni marrinuu dallansuu cimaan ka ka'ee, rakkinna geessuu waan barbaadeef, loltoonni isa baadhatanii ni deeman.
36
Ummanni'llee, «Haa ajjeefamu!» jedhanii iyyuun ni horddofaniin ture.
37
Lolttoonni gara mooraa isaanii ka woraanaa titti isa aseensisu'uuf yeroo dhiyaatanitti Phaawulos ajajaa woraanaatiin, «Waan tokko akka isi'itti himuuf naa ni eeyyamttaa?» jedheen. Ajajaan'llee «Afaan worra Giriikii beekitta ree?
38
Eegaa, amma yeroo dhiyoo jeeqama kaaseetii fi lubbuu ajjeefttota kuma afurii fudhatee gara gammoojji'ii ka dheesse namichi biyya Gibxii isi'ii mitii ree?» jedheen.
39
Phaawulos'llee, «Ani Kiliiqiya'atti ta argamttu beekkamittuu ka taate magaalaa Xerseesii titti ka dhaladhe Yihudicha, yabo'oo ummatatti akka dubadhuuf naa eeyyam» jedheen.
40
Akka dubbatuuf'llee yeroo eeyyameefitti, sadarkkaa irra dhaabatee ummanni akka caldhisuuf, harkaan itti ni akeekee, yeroo ummanni caldhisetti'llee afaan worra Ibirootaatiin, akkana jechuun dubbachuu jala ni qabe,
← Chapter 20
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 22 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28