bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
Acts 27
Acts 27
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
← Chapter 26
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 28 →
1
Gara Ixaaliya'aa dooni'iin akka deemuuf yeroo murtteeffametti, Phaawulosii fi hidhamttoonni biraa'llee, kutaa hoomaa woraanaa Awugusxaa keessa ka turee, ajajaa dhibbaa Yuuliwoos jedhamutti isaan ni kennan.
2
Doonii Adiraamixoosii ka gara eddoolaawwan Adraamiixoosii maddii garba ciisaa jiranii deeman, yaabbanee ni deeminne, Arisxaarkosiin jedhamu naminni biyya Maqedooniyaa ka Tasoloonqee jiraatu'llee, nu woliin ni ture.
3
Guyyaa itti aanutti'llee gara Sidoonii ni geenne, Yuuliwoos Phaawulosiif nama mishaa waan tureef, gara waahellan isaa deemee gargaarssa barbaachisuun, akka raawwataniif ni eeyyameef.
4
Achii'llee kaanee bubbeen fuundura keennaan nutti bubbisa waan tureef, eddoolaa Qophrosii dawannaa taasfannee dooni'iin, adeemissa keenna itti ni fufinne.
5
Garba ciisaa Kiliiqiya'aa fi Phamfiliyaa jiru biraan dabrrinee eega ceeneen duubatti, gara magaalaa Mura'aa ka biyya Liiqiiyaa jirttu ni geenne.
6
Achitti'llee ajajaan dhibbaa gara Ixaaliya'aa ka deemu doonii Iskindriya'aa argateeti, isaan akka deeman ni taasfaman.
7
Guyyaa baay'ee suuta jennee deemnnee rakkinna baay'een, gara magaalaa Qeendoos bira ni geenne, bubbeen'llee ufi durana deemuu waan nu dhoogeef, qaccee lafa Salmoonaa bira dabarreeti, eddoolaa Qarxeesii dawannaa taasfnnee ni deemnne.
8
Rakkinna baay'een hunda lamaan eega dabrrneen duubatti, magaalaa Lasiyaa biratti ka argamtu gara «Eddoolaa mishaa» jedhamttuu ni geenne.
9
Deemssa keenna irratti yeroo baay'een baduu isaatii fi waayee yeroon soomaa'llee dabrruu isaatiin, yeroo kanatti garba ciisaa irra deemuun hammaataa waan tureef, Phaawulos akkana jechuun isaan ufi ni eeggachiise,
10
«Isin namoota nana! Adeemissi keenna ka asii achi jiru balaa akka qabu natti ni muldhata, fe'aa fi doonii irratti qofa uduu hin ta'in, lubbuu namaa irratti'llee miidhaan cimaa fi badiin ni gaya.»
11
Ajajaan dhibbaa garuu gorssa Phaawulosii irra ajajaan dooni'iitii fi abbaan dooni'iitii waan jedhan ni dhagaya ture.
12
Eddoolaa san ji'a gannaa irratti dabarsu'uuf mijaayaa waan hin turniif namoonni baay'een, «Adeemssa isaanii itti fufanii ka dandda'amu yoo ta'e, gara balbala dhiyaa fi kibba dhiyaa jiran, gara Finiqee jedhamu, eddoolaa qerxees geennee ji'a gannaa achitti ni dabarsina» jedhanii, yaada ni dhiyeessan.
13
Bubbeen diqqoon kibbaa yoo bubbifttu yeroo arganitti, akkuma yaadan waan isaaniif ta'e isaanitti fakkaatee, xiribbaa dooni'ii itti hidhatan fudhatanii adeemissa isaanii itti fufuuf ni ka'an, kibbaa'llee ka'anii Qarxeesiin bira bayanii hunda lamaaniin ni dabrran.
14
Yeroo muraasaan duubatti garuu, «Bubbee honbololattii kaaba bayaa» jabdduu ka jedhamu eddoolaa ka'ee, gara garba ciisaa isaanitti ni dhufe.
15
Dooniin'llee waan dhiibamee fi bubbee dura dhaabachuu waan dadhabeef, caldhifnnee bubbeen oofama'aa ni deemnne.
16
Eddoolaa Qeedaa jedhamttu dawannaa taasfnnee yeroo deemnnutti rakkinna ol aana'aan hoboloo dooni'ii qabnnee, toowanna jala oolffachu'uuf ni dandeenne.
17
Hojjattoonni doonii'llee hoboloo gara doonii harkisanii eega baasaniin duubatti, naanaya doonii titti haada maranii, dooniin gara bakka cirrachaa Suritiis ka jedhamttutti akka hin kufnneef, sodaatanii uffata sharaa buusaniiti, bubeen oofama'aa ni deeman.
18
Bubbeen honbololattiin nutti cima'aa waan deemeef, guyyaa itti aanutti meeshaa doonii irratti fe'aman keessaa, tokko tokko gara garba ciisa'aa titti darbbuu jala ni qabnne.
19
Guyyaa sadaffaa titti'llee, meeshaawwan dooni'iif tajaajilan harkuma isaaniitiin darba'aa ni gatan,
20
Guyyaa baay'eef aduu ta'ee urjjiin waan hin muldhatinii fi bubbeen'llee nutti jabaataa waan deemeef, ammaa achitti hafuuf hin dandeennu jennee abddii ni kutanne.
21
Namoonni'llee nyaata woyiituu uduu hin nyaatin, guyyaa baay'ee ni turan, kanaaf Phaawulos jidduu isaanii dhaabatee, akkana ni jedhe, «Namoota nana! Waan ani isiiniin jedhe dhageettanii Qarxeesii ka'uu uduu dhabaattanii, miidhaan kun marri isin irra hin gayu ture.
22
Amma'llee doonii qofatu miidhama malee, isin keessaa eennuun irra'llee badiin hin gayu, kanaaf jabaadhaa, hin sodaatinaa, jedhee isin ni gorssa.
23
Halkan dabrre ka isaa ka ta'e Waaqinni ani sagaduuf, maleyikkaan erge ana bira dhaabatee,
24
‹Yaa Phaawulos! Nugusa Roomaa durana dhaabachuu si barbaachisa! Kunoo, worra si woliin deeman mara'llee, Waaqinni siif jedhee du'aa isaan baasa› jedhee natti dubbatee jira.
25
Kanaaf isin yaa namoota jabaadhaa! Waaqinni kana ka natti hime guutumaa fi guututti, akka raawwatu ni amanaan.
26
Ta'u'llee bubbeen gara daangaa eddoolaa tokkoo fidee nu ni gata» jedhe.
27
Halkan kudha arfaffaa titti garba ciisaa Adriiyaatti bubeen akka malee taanee uduu deemnnu, halkan qixxee irratti, dooniin gara lafaa waan dhiyaanne isaanitti ni fakkaate.
28
Kanaaf haada gad fageenna garba ciisa'aa ittiin bikkaati'ii gad yoo buusan, gad fageenni garba ciisa'aa haga meetira 40 ta'ee ni argame, muraasa turanii meeshaa ittiin bikkiinssaa gad yoo buusan, gad fageenna haga meetira 30 ni argatan.
29
Dooniin keenna dhagaa garba ciisaa bira jiruun akka wolitti hin buuneef sodaatanii, doonii gara duubaatiin xiribboota afur gara garba ciisaa ni buusan, kanaan duubatti halkan dabrre guyyaan akka isaanii dhufuuf, ni kadhatan ture.
30
Hojjattoonni doonii'llee doonii bayanii dheessuuf barbaadanii waan turaniif, doonii gara duraatiin xirbboota waan gad buusan fakkaatanii, hoboloo doonii irra turtte gara garba ciisaa ni gatan.
31
Yeroo kanatti Phaawulos ajajaa dhibbaatii fi lolttootaan'llee, «Hojjattoonni dooni'ii kunniin doonii irratti caldhisanii yoo hin taa'in, isin hafu'uuf hin dandeettan» isaaniin jedhe.
32
Kanaaf lolttoonni haada hoboloo lolttootaa qabe muraniiti, bishaan irra akka deemuuf gad dhiisanii.
33
Halkan bari'uuf yoo jedhu marrinuu waan nyaataa akka nyaataniif Phaawulos isaan ni kadhate, akkana'llee isaaniin ni jedhe, «Waan nyaataa woyiituu uduu afaaniin hin qabin, eeggata qofaan haga turttan adha guyyaa kudha arfaffaa keessan.
34
Kanaaf midhaan afaaniin akka qabddaniif isin ni kadhadha. Kun'llee jajabeenna isiniif ni kenna, gonkumaa miidhaan woyiituu isin irra hin gayu.»
35
Kana'llee eega jedheen duubatti buddeena ol fuudhee mara duratti Waaqa ni galateeffate, kutee'llee nyaachuu jala ni qabe.
36
Yeroo kanatti'llee marrinuu jajabaataniiti, nyaata ni nyaatan.
37
Doonii keessa ka jirru woliigalaan, namoota dhibba lamaa fi torbaatamii jaha turre.
38
Marrinuu nyaatanii eega quufaniin duubatti, qamadii fe'ame gara garba ciisaa titti gatu'uun, ulffaatinna dooni'ii irraa ni salphisan.
39
Yeroo bari'utti'llee bakka gayan hin beekinne ture, garuu lafa daangaa cirrachaa qabu ka garaa garba ciisaa keessa aseenu ni argan, waan danda'amu yoo ta'e doonii garas dhiibuun, gara daangaa baasuuf ni yaadan.
40
Xirbboota hiikanii garba ciisaa keessatti gad ni dhiisan, yeroma sanitti haada dhawataa'llee ni hiikan, kanaan duubatti uffata sharaa ka jiru gara bubbee ol fageessanii, gara bira garba ciisaa bayuuf ni deeman.
41
Dooniin garuu tuulaa cirrachaa tiin wolitti bu'uu isaatiin, ufii gad ni gonbbifaman, gara duranaatiin'llee gad dhaabatee, ka hin sochoone ni ta'e, gara duubaatiin garuu dhiibiinssa danbaliitiin ka ka'een, cacabuu jala ni qabe.
42
Hidhamttoota keessa tokkomaan'llee daakee akka jalaa hin baaneef, lolttoonni isaan ajjeesuuf ni yaadan.
43
Ajajaan dhibbaa garuu Phaawulosiin jalaa baasu'uuniif waan barbaadeef, yaada isaanii hin fudhanne, kana irra bishaan daakuu worri danda'an, durssanii doonii irraa gara garba ciisa'aa utaala'aa, gara lafaa titti akka bayaniif ni ajaje.
44
Ka hafan ammoo cufanttootaa fi qaama cacabaa doonii irra ta'anii, akka bayan ni ajaje, haala kanaan marrinuu nagayaan gara lafaa ni gayan.
← Chapter 26
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 28 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28