bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
Acts 14
Acts 14
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
← Chapter 13
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 15 →
1
Iqoniiyumtti Phaawulosii fi Barnaabaas woliin gara bakka woligayii Yihudotaa ni aseenan, achi'llee Yihudota baayi'ee fi ummata Waaqa dugaa titti hin amanne keessaa'llee, namoonni haalaan baayi'ee haga amananitti ni barsiisan.
2
Yihudonni hin amanan garuu ummata Waaqa dhugaa titti hin amanne kakaasanii, obboleeyyan irratti jibbiinssi akka uumamu ni taasisan.
3
Kanaaf Phaawulosii fi Barnaabaas waayee Goofta'aa uggiinssaan dubbata'aa yeroo baayi'eef achi ni turan, Gooftaan'llee baasaa fi maalalee harka isaanii titti akka taasisaniif aangoo isaanii kennu'uun, dubbiin isaa ka kennaa bilisaa dhugaalessa ta'uu, ni mirkaneessa ture.
4
Jiraattonni magaala'aa garuu, bakka lamatti qoodamanii wolakkaan Yihudotaan woliin, wolakkaan ammoo ergamittootaan woliin ni ta'an.
5
Ummanni Waaqa dhugaa titti hin amannee fi Yihudonni itti gaafatamoota isaanii woliin ta'anii Phaawulosii fi Barnaabaasiin, akka malee taasfamuu fi dhaga'aan isaa woqaru'uuf ni barbaadan,
6
Phaawulosii fi Barnaabaas yeroo kana beekanitti, Lisxiraa fi Darbee gara ta jedhamttuu gara magaalota Liqaaonya'aatii fi gara biyya naannoo isaanii jiranii dheessanii ni deeman.
7
Achitti'llee Wongeela ni lallaban.
8
Lisxira'atti nama miilli isaa laamshaye tokkotu ture, naminni kun yeroo dhalatee jala qabee laamshoo waan tureef miila isaatiin deemee hin beeku.
9
Naminni kun Phaawulos yoo dubbatutti taa'ee ni dhageeffata ture, Phaawulos'llee namicha guutatee laaleeti, amantii fayyu'uun isa gayu akka qabu yeroo argetti,
10
«Qajeelii miila keetiin dhaabadhu!» jechu'uun qooniqqa ol aana'aan ni dubbate, namichi'llee ol ka'eeti tarkaanffachuu jala ni qabe.
11
Namoonni'llee Phaawulos waan raawwate yeroo arganitti qooniqqa isaanii ol fudhatanii, «Waaqoleen harkaan hojjataman bifa namaatiin ta'anii, gara keenna bu'anii jiran!» jechu'uun, afaan worra Liqaaonya'aatiin ni dubbatan.
12
Barnaabaasiin'llee «Diyaa» ni jedhaniin, dubbataan ijoon Phaawulosiin waan tureef isaan, «Hermeen» jedhaniin.
13
Magaala'aan ala ka jiru qeesichi mana waaqeffannaa diya'aa, korommi'ii fi korbboo abaabootaa gara balbala magaala'aa fidee, ummataan woliin hirmmaachu'uun galmma Phaawulosii fi Barnaabaasii, kitimaa dhiyeessu'uufii ni barbaadde.
14
Ergamittoonni, Phaawulosii fi Barnaabaas garuu kana yeroo dhagayanitti, gaddan uffata isaanii ni tarssaasan, gara ummataa fiiganiiti iyya'aa akkana ni jedhan,
15
«Isin namoota nana maali'iif kana raawwattan? nu'llee akkuma keessan bee namootaa, nu'u asi ka dhufnneef isin waan tasa kana mara irraa fagaattanii, sami'ii fi arddii, garba ciisa'aa fi wonittoota isaan keessatti argaman mara gara ka uumee, gara Waaqa jiraata'aa akka deebitaniif, oduu Gammachu'uu isinitti himu'uuf,
16
baroota dabrrantti ummatoonni marrinuu karaa mataa isaaniitiin akka deemaniif, Waaqinni isaan dhiisee jira,
17
haa ta'u malee inni Waaqa arjjaa attamii jiru ta'uu isaa ragaa ka bayu hujii mishaa raawwachuu isaa addaan hin kunne, sami'ii rooba isinii ni roobsise, ji'oota calla'aa'llee isinii ni kenne, nyaataa fi gammachu'uun onnee keessan isaanii ni gammachiise.»
18
Ergamittoonni yoma haga kana dubbatan'llee ummanni isaaniif kitimaa akka hin dhiyeessineef ka dhiisisan, rakkinna baayi'een.
19
Yihudonni garuu Anxokiyaa fi Iqoniiyumii garas dhufanii ummata kakasaniiti, Phaawulosiin dhaga'aan akka woqaraniin ni raawwatan, waan du'e isaanitti fakkaatee'llee harkisanii magaala'aa ni baasaniin.
20
Garuu barattoonni dhufanii naannaya isaa yeroo dhaabatanitti, Phaawulos ka'ee gara magaala'aa ni gale, guyyaa itti aanutti'llee Barnaabaasiin woliin gara Darbe'ee ni deeme.
21
Phaawulosii fi Barnaabaas Darbee wongeela barsiisanii namoota baayi'ee amanttoota eega taasisaniin duubatti, Lisxiraa fi Iqoniiyumiin dabrranii, gara Anxokiyaa Phisidiyaa argamttuu ni deeman.
22
Biyyoota sanniin mara keessattuu amanttoonni amantii isaaniitiin akka jajabaatan jajabeessuu fi gorssaan, «Gara Mootummaa Waaqaa titti galu'uuf rakkinna baayi'ee fudhachuu qabnna» jedha'aa isaan ni barsiisan.
23
Woldaya amanti'ii titti'llee jaarssota isaaniif ni muudan, eega soomanii fi kadhataniin dubatti'llee, Gooftaa itti amananiiti yaboo isaan ni kennan.
24
Phisidiyaan'llee dabrranii gara Phamfiliyaa ni dhufan,
25
Phergeemtti'llee dubbii Waaqaa eega barsiisaniin duubatti, gara Ataaliyaa ni deeman,
26
achitti'llee waayee hujii raawwatanii gara kennaa Waaqaa ka bilisaa ka yaboo itti kennamanii, gara Anxokiya'aa dooni'iin ni deeman.
27
Achii'llee yeroo gayanitti worra amanttootaa bakka tokkotti wolitti qabanii, waan Waaqinni isaan woliin ta'ee raawwate maraa fi ummanni Waaqa dhugaa titti hin amanne'llee akka amananiif, attami taasisee balballi akka isaaniif bane isaanitti ni himan.
28
Achitti'llee amanttoota woliin yeroo baayi'eef ni turan.
← Chapter 13
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 15 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28