bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
Acts 6
Acts 6
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 7 →
1
Yeroo muraasaan duubatti lakkofssi amanttootaa baayi'ataa yoo deemu, afaan worra Giriiki'ii Yihudonni dubbatan namoota biyya Yihuda'aa ka ta'an ka ta'an irratti, guungumuu jala ni qaban, ka guungumaaniif'llee gargaarssa guyyaa guyyaan ni qoodama tureen, dubbarttoota abbootiin worraa isaanii irraa du'anitti shilla jedhan waan turaniif.
2
Kanaaf ergamittoonni kudha lamaan amanttoota maraa wolitti qabanii, akkana isaaniin jedhan, «Nyaata qoodu'uuf jennee hujii keenna ka dubbii Waaqaa barsiisu'uu, dhiisuun nuun hin malu.
3
Eegaa yaa obboleeyyan kiyya, amala mishaa isaaniitiin ka galateeffatan, Hafuura Qulqullu'uu fi ogumma'aan ka guuttaman namoota torbaa, jidduu keessan filadhaa, isaaniif'llee itti gaafatama kanaaf aangoo ni kenninaaf.
4
Nu garuu kadhanna'aa fi dubbii Waaqaa barsiisu'uun, ni jabaanna.»
5
Jechi kun maraa ni gammachiise, namoonni itti anaanii jiran'llee ni filataman, isaan'llee amantii fi Hafuura Qulqullu'uun ka guuttame Isxifaanos, Filiphos, Phirokoos, Niqaaronaa, Pharmenaa fi Phermenaa amantii Yihudotaa fudhatee ka ture, Niqolaawosii fi Anxookiyaa fa'a.
6
Kanniin ergamittoota durana isaan ni dhaabachiisan, ergamittoonni'llee eega kadhataniin duubatti harka isaanii isaan irra ni kaayan.
7
Haala kanaan dubbiin Waaqaa babaldhata'aa waan deemeef, laakkofssi amanttoota Yerusaalemii'llee haalaan baayi'ata'aa ni deeme, qeesota keessa'llee haalaan baayi'een ni amanan.
8
Isxifaanos kennaa bilisaatii fi humnnaan'llee guutamee, wonittoota maalale'eetii fi baasota ol aanota ummata jiddu'utti ni taasisa ture,
9
Yeroo sanitti, «Mana Waaqeffannaa worra bilisa bayanii» ka jedhame, mana waaqeffannaa namoota Yihudotaatii, Qareena'aa fi namoota Iskidriiyaa, Kiliqiyaa fi Asiya'aa namoonni tokko tokko ka'anii, Isxifaanosiin didu'uun ni mormman ture.
10
Garuu ogumma'aa fi hafuura Isxifaanos ittiin dubbata ture, dura dhaabachu'uuf hin dandeenne.
11
Yeroo sanitti, «Naminni kun Muse'ee fi Waaqa irratti'llee dubbii arrabaa yoo dubbatu dhageenneenii jirra» namoota jedhan, dhossa'aan itti ni kakaasan.
12
Bifa kanaan ummataa fi jaarsotii, barsiisota seeraa'llee, isa irratti ni kakaasan, gara Isxifaanosiin'llee dhaqaniiti, qabanii yaa'ii duratti ni dhiyeessaniin.
13
Isa irratti dharaan ragaa ka bayan namoota tokko tokko'llee ni fidan, ragoonni dharaa'llee akkana ni jedhan, «Naminni kun Mana Waaqeffanna'aa kanaa fi seera irratti'llee, dubbii arrabaa dubbachuu irraa ufi hin dhooggu.
14
Akkuma kana, ‹Yesusiin Naazireetii kun Mana Waaqaa Qulqulluu kana ni diiga, naamusa Museen nuuf dabarsse'llee ni jijjiira› jedhee yoo dubbatu, isa dhageennee jira.»
15
Yeroo kanatti bakka yaa'ii titti ka argaman marrinuu Isxifaanosiin guutatanii yoo laalaniin, fuulli isaa akka fuula maleeyikkaa ta'ee, isaanitti ni muldhate.
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 7 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28