bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
Acts 8
Acts 8
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 9 →
1
Saa'oli'llee ajjeefamuu Isxifaanosii titti wolii galee ture, Guyyaa Isxifaanos itti du'etti woldaya amanti'ii Yerusaalemtti argamittu titti ari'ataminni ol aanaan ni ka'e, ergamittoota malee amanttoonni marrinuu gara Yihuda'aa fi gara arddii Samaariya'aa ni bittinaayan.
2
Namoonni hafuurayyoonni Isxifaanosiin ni awwaalaniin, qoniqqa ol aanaan'llee iyya'aa ni booyaniif.
3
Saa'ol garuu woldaya amantii balleessuuf ni tataafata ture, manaa gara manaa titti'llee aseena'aa, amantoota dhiiraa fi dubarttootaa, harkisa'aa ni baasa ture, gara mana hidhaa'llee isaan ni galcha ture.
4
Amanttoonni bittinnaayan'llee bakka dhaqan marrattuu, dubbii Waaqaa ni barsiisan ture.
5
Filiphos'llee gara magaalaa Samaariyaa deemee, namoota waayee Masihichaa ni barsiise.
6
Namoonni'llee dubbii Filiphosii yeroo dhagayanii fi baasota inni taasisu'llee yeroo arganitti, yaada tokkoon ufi eeggannaan ni dhageeffataniin ture.
7
Hafuuronni battiin'llee qooniqqa ol aanaan iyya'aa, namoota baayi'ee keessaa ni bayan ture, naafonni baayi'ee fi hokkolttoonni baayi'een'llee ni fayyan ture.
8
Kanaaf magaalaa sanitti gammachuun ol aanaan ni ta'e.
9
Magaalaa san'llee Simoon nama jedhamu ture, naminni kun'llee magaalattii keessatti asimmaa hojjata'aa, ummata Samaariyaa maalalchiisaa ture jira, «Ani nama gudda'aa!» jedhaa'llee, ni dubbata ture.
10
Namoonni marrinuu diqqa'aa fi guddaan'llee, «Naminni kun ol aana'aa jedhamee ka waamamu Humnna Waaqaati!» jedha'aa, ufi eegganaan ni dhageeffataniin ture.
11
Ufi eegganna'aan ni dhageeffataniin ka ture'llee, yeroo baayi'e'ee jalaqabee asmma'aan isaan ni maalalchiisa waan tureef.
12
Filiphos garuu waayee Mootummaa Waaqaatii fi waayee maqaa Yesus Kristosii dubbii mishaa gammachu'uu yeroo dhagayanitti, dhiiraa fi dubarttoonni'llee amananii ni cuuphaman.
13
Simoon'llee uduu hin hafin amanee cuuphameeti Filiphosiin woliin hirmmaataa ni ta'e, ka taasisan wonittoonni dinqi'iitii fi baasonni ol aanota argu isaatiin'llee, ni maalalfata ture.
14
Ergamittoonni Yerusaalemiin ni jiran turan namoonni Samaariya'aa dubbii Waaqaa fudhachuu isaanii yeroo dhagayanitti, Phexirosii fi Yohaannisiin gara Samaariya'aa isaan ni ergan.
15
Kanaaf namoonni Samaariyaa Hafuura Qulqulluu akka fudhataniif, Phexirosii fi Yohaannis dhaqanii isaanii ni kadhatan.
16
Namoonni Samaariyaa maqaa Gooftaa Yesusiitiin cuuphamanii turan malee, Hafuurri Qulqulluun haga ammaa tokkoo isaanii irrattuu, hin buunee ture.
17
Kanaaf Phexirosii fi Yohaannis harka isaan irra kaayanii yeroo isaaniif kadhatanitti, Hafuura Qulqulluu ni fudhatan.
18
Ergamittoonni harka isaanii isaan irra yoo kaayan Hafuurri Qulqulluun namootaaf kennamuu isaa Simoon yeroo argetti, qarshii isaanii fideeti,
19
«Naminni ani harka kiyya irra kaayu Hafuura Qulqulluu akka fudhatu aangoo kana naa kennaa» jedhe.
20
Phexiros garuu akkana ni jedheen, «Kennaa Waaqaa qarshi'iin argachu'uuf yaaduu keetiin, qarshiin kee si woliin haa badu!
21
Onneen kee Waaqa duranatti qajeelaa waan hin ta'iniif, ati waan kanaa keessaa yookiin carraa hin qabddu.
22
Eegaa hammeenna kee kana irraa gaabbiitii gara Waaqaa deebi'i, yookiin yaanni hamaan onnee keetii dhiifama siif ni taasisa yoo ta'e, Waaqa kadhadhu.
23
Ati hinaaffaa hadhaaya'aan akka guuttamttee fi hidhamaa cubbu'uu akka taate ni arga.»
24
Simoon'llee, «Waan amma dubbattan keessaa tokkommaanuu akka narra hin geenneef, isinummaan mataan keessan gara Waaqaa naaf kadhadhaa» isaaniin jedhe.
25
Phexirosii fi Yohaannis eega ragaa bayanii fi dubbii Gooftaan'llee eega dubbataniin duubatti, gandoota Samaariyaa baayi'eetti, wongeela hima'aa, gara Yerusaalmii ni deebi'an.
26
Maleyikkaan Goofta'aa Filiphosiin, «Ka'iitii karaa Yerusaalemii gara Gaazaa fiduun gara kibbaa deemi» jedheen, karaan sun'llee karaa gammoojji'ii ni ture.
27
Inni'llee ka'ee ni deeme, kunoo naminni Itoophiya'aa yakkatamaan tokko Waaqaa sagadu'uuf gara Yerusaalemii deemee ture, naminni kun'llee Hidakkee ta jedhamtte mootittii Itoophiya'aatiif tajaajila'aa fi itti gaafatamaa qabeenna isi'ii mara ni ture.
28
Inni'llee gara biyya isaa yeroo deebi'utti guurttoo farddaa yaabbatee, kitaaba nabiyyicha lsaayasii ni dubbisa ture.
29
Yeroo kanatti Hafuurri Qulqulluun Filiphosiin, «Deemi gara guurttoo farddaa san dhiyaadhuutii dubbisiin» jedhe.
30
Kanaaf Filiphos garasi fiigee deemeeti, naminni Itoophiya'aa kitaaba nabiyyicha Isaayaasii yoo dubbisu dhagayee, «Hiikkaan waan dubbifttuu siif ni galaa ree?» jedheen.
31
Namichi Itoophiyichaa'llee, «Naminni ana gargaaru uduu hin jiraatin attamitti naaf galuu dandda'a ree?» jedheeti Filiiphosiin, «Guurttoo farddaa irraa bayiitii, anaan woliin taa'i» jedheen.
32
Inni'llee ni dubbisa ka ture kutaan kitaaba Qulqullu'uu ka itti aanee jiru ture, «Inni akka hoolaa qalamu'uuf ooffamuu ni ture, riffeenissa haaddota worri ta'an'llee yoo irraa haadan'llee akkuma ilmmayyoo caldhisuu titti, inni'llee dubbachu'uuf afaan isaa hin bannanne.
33
Inni ni salphate, murtiin qajeelaan'llee hin kenamnneef. Lubbuun isaa'llee arddii irraa dhabamisiifamee jiraatii, waayee dhalootaatiif eennutu dubbachu'uuf dandda'a?»
34
Yakkatamchi'llee Filiiphosiin, «Nabiyyichi kana ka dubbate waayee eennuutiif? Waayee mataa isaatiif moo yookiin waayee nama bira'aatiif? Yabo'oo natti himi» ni jedheen.
35
Filiiphos'llee kutaa kitaaba Qulqulluu kanaa irraa jalaqabee, waayee Yesusii Oduu Gammachuu misha'aa, itti ni hime.
36
Yoo deemaan'llee gara bakka bishaan jiru ni gayan, yakkataman'llee, «Kunoo akka hin cuuphamnneef wonitti ana dhoogu maali'i?» jedhe. [
37
Filiphos'llee, «Onnee kee guutu'uun yoo amantte cuuphamu'uuf ni danddeetta» jedheen. Yakkatamchi'llee, «Yesus Kristos Ilma Waaqaa ta'uu isaa ni amana» jedhe.]
38
Yakkatamchi'llee guurttoon farddaa akka dhaabatu ni ajaje, lamaanuu gara bishaanii bu'aniiti, Filiphos yakkatamcha ni cuupheen.
39
Bishaan keessaa eega bayaniin duubatti Hafuurri Goofta'aa Filiphosiin ni fudhateen. Yakkatamchi'llee deebi'ee hin argineen, haa ta'u malee gammada'aa adeemissa isaa itti ni fuufe.
40
Filiphos garuu Azaaxoon keessatti ni argame, haga yeroo gara Qiisaariyaa dhufetti'llee, gara magaalota maraa deema'aa wongeela ni lallaba ture.
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 9 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28