bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
Acts 5
Acts 5
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 6 →
1
Anaaniyaa ka jedhamu naminni tokko haadha worraa isaa Sappiiraa woliin ta'ee lafa ni gurgure,
2
haati worraa isaa'llee uduma beekitu gurgurttaa lafaa irraa wolakkaa hanbiseeti, wolakkaa fidee ergamittootatti ni kenne,
3
Phexiros garuu akkana ni jedheen, «Yaa Anaaniyaas! Hafuura Qulqulluu akka sobdduu fi gurgurttaa lafaa irraa'llee wolakkaa akka hanbifattuuf Sheexanni si taasise, maali'iitiif gara onnee keetii aseene?
4
Uduu hin gurguriniin duranatti laftti keetuma hin turree? Eegaa gurgurtteen duubatti'llee qarshiin keetuma hin turre ree? eegaa, waan kana maali'iif onnee keetitti yaadde? ka sobdde Waaqa malee namaa miti.»
5
Anaaniyaan dubbii kana yeroo dhagayetti kufee ni du'e, waan kana namoonni dhagayan marrinuu haalaan ni sodaatan.
6
Gaayeeyyiin'llee ka'anii reeffa isaa kafananiiti, fidaanii ni awwaalaniin.
7
Saa'aatii sadiin duubatti haati worraa Anaaniyaasii waan abbaa worraa isi'ii irra gayee uduu hin beekin ni dhuftte.
8
Phexiros'llee, «Mee natti himi lafa keessan ka gurgurttan qarshima haganaa titti moo?» ni jedheen. Isiin'llee, «Ee! Qarshima haganaa titti gurgurre» jette.
9
Yeroo kana Phexiros, «Hafuura Waaqaa qormaatu'uuf attamitti wolii galttan? Kunoo! Abbaa worraa kee awwaalanii namoonni deebi'an balbala ni jiran, si'llee fidanii haa awaalan» jedheen.
10
Isiin'llee dimmaa miila isaa jalatti kuftteeti ni duute, gayeeyyiin'llee yoo galan duutee argataniiniiti, fidanii abbaa worraa isi'ii biratti ni awwaalaniin.
11
Mana Waaqeffanna'aa maraa fi namoota waan kana dhagayan mara irrattuu, sodaan ol aanaan ni ta'e.
12
Baasonni baayi'e'ee fi wonittoonni baasaa ummata jiddu'utti harka ergamittootaa titti ni raawwataman ture, marrinuu onnee tokkoon ta'anii xurree keessa dedeebi'iinssa Solomoonii titti, wol ni gayan turan.
13
Namoota isaaniin ala ta'an keessaa tokkochumaan'llee isa woliin ta'uuf, ka uggu hin turre, haa ta'u malee ummanni isaan ni kabaja ture.
14
Goofta'atti worri amanan dhiiraa fi dubbarttoonni'llee lakkofssi isaanii haalaan baayi'ata'aa ni deema ture.
15
Namoonni'llee dhukkubsattoota baayi'ee gara karaa baasa'aa, sire'ee fi wosaasaa irra'llee isaan ni ciibissan ture.
16
Namoonni maagaalota naannoo Yerusaalemii jiranii irraa dhukkubsatoota isaaniitii fi worra hafuura battiiwwaniin makkaraaran ni fidan turan, marrinuu ni fayyan ture.
17
Itti gaafatamaan qeesotaatii fi isa woliin'llee worri turan, Saduuqoonni marrinuu hinaaffa'aan guutamanii isa irratti ni ka'an,
18
ergamittoota qabaniiti gara mana hidhaa ummataa isaan ni galichan.
19
Maleyikkan Waaqaa garuu halkaniin balbala mana hidha'aa banee, isaan ni baase,
20
«Deemaa! Mana Waaqeffanna'aa keessa dhaabadhaatii, dubbii jireennaa kana maraa ummatatti himaa!» isaaniin jedhe.
21
Ergamittoonni'llee ajaja isaa fudhatanii ganama obboro'oon gara Mana Waaqeffanna'aa aseenaniiti, barsiisuu jala ni qaban. Yeroo sanitti itti Gaafatamaan qeesotaatii fi worri isa woliin turan dhufanii miseensota yaa'iitii fi jaarsotii Yihudotaa mara, bakka tokko wolitti ni qaban, ergamittoota'llee akka isaan fidaniif namoota gara mana hidhaa ni ergan.
22
Itti gaafatamoonni wordiyyootaa garuu gara mana hidhaa dhaqanii, ergamittoota achitti isaan hin arganne, deebi'anii dhufaniiti,
23
«Balbaltti mana hidhaa haalaan cufamee, eegiddonni'llee balbala durana dhaabatanii isaan arganne, balbala mana hidha'aa yeroo bannetti garuu, keessatti eennuun'llee hin arganne» jedhanii ni dubbatan.
24
Ajajaan wordiyyaa Mana Waaqeffanna'aatii fi itti gaafatamoonni qeesotaa kana yeroo dhagayanitti, «Wonitti kun maal ta'inna?» jechuun, dubbiin isaanii isaanitti bitaa ni ta'e.
25
Yeroo kanatti naminni tokko dhufeeti, «Isaan mana hidha'aa titti galichitan kunoo! Mana Waaqeffanna'aa keessa dhaabatanii ummata ni barsiisan» jedhee isaantti hime.
26
Bakkumatti itti gaafatamaan wordiyyoota Mana Waaqeffanna'aatii fi tajaajilttoonni isaa'llee dhaqanii isaan ni fidan, ka isaan fidan'llee huminnaan uduu hin ta'in, wolii galu'uun ture, kana'llee ka raawwatan ummanni dhaga'aan akka isaan hin woqarreef sodaachu'uun ture.
27
Fidaniinii'llee yaa'ii durana ni dhaabachiisan, itti gaafatamaan qeesotaa'llee akkana jechuun isaan ni gaafate,
28
«Maqaa Yesusii waamu'uun akka hin barsiifnneef ciminnaan isin ajajinee turre, garuu kunoo, Yerusaalemiin barsiisa keessaniin guuttaniinii jirttan, isin du'a nama saniitiif itti gaafatamoota nu taasisu'uuf barbaaddan.»
29
Phexirosii fi ergamittoonni bira'aa garuu akkana jechu'uun ni deebisan, «Namaa ajajamuu irra Waaqaaf ajajamu'utu nuuf mala,
30
Waaqa abbootii keennaa isin muka irratti fannifttanii ka ajjeefttan, Yesusiin du'aa ni kaaseen,
31
Waaqinni ummata Israa'eeliitiif gara Waaqaa titti deebi'uu fi dhiifama cubbu'uu akka kennuuf, Yesusiin durssa'aa fi Fayyisaa taasisee, mirga isaatiin ulfinnaan akka taa'u isa taasisee jira,
32
waan kanaaf nu ragootaa, Hafuurri Qulqulluun Waaqinni worra ajajamu maraaf kenne'llee, raga'a.»
33
Miseensonni yaa'ii kana yeroo dhagayanitti haalaan dallananii, ergamittoota ajjeesuuf ni barbaadan.
34
Garuu ummata biratti ka kabajamee fi barsiisaa seera ka ta'e, Gamaalyaa ka jedhame Fariisichi miseensa yaa'ii tokko ka'eeti, yeroo muraasaaf ergamittoota akka dabal isaan taasisan ni ajaje.
35
Kanaan duubatti miseensota yaa'ii'iitiin akkana ni jedheen, «Yaa namoota Israa'eelii! Namoota kanniin irratti waan raawwattaniif ufi eeggadhaa.
36
Kanaan durana Toyidaas naminni jedhamu, ‹ani nama gudda'a› jedhee ka'ee ture, namoonni dhibba afurii ta'an'llee isaan woliin hirmmaatanii turan. Garuu inni ni ajjeefame, horddofttoonni isaa ni bittinaayan, kaayyoon isaa'llee akka waan hin turree ni ta'e.
37
Saniin duubatti'llee lakkoofssi ummataa bara taasfametti Yihudichi nama biyya Galiila'aa ka'ee, namoonni baayi'een akka isa horddofan taasisee ture, inni'llee ni ajjeefame, worri isa horddofan marri'llee ni bittinaayan.
38
Kanaaf amma'llee ani ka isiniin jedhu, namoota kanniin irraa akka ufi eeggatanii fi akka isaan dhiifttaniif, yaadinni kun yookiin hujiin kun nama biraa ka dhufe yoo ta'e ni bada.
39
Waaqa biraa ka dhufe yoo ta'e garuu isaan balleessu'uuf hin danddeettan, gonkumaa Waaqa woliin wol dhabuu isinitti ta'a.» Isaan'llee gorssa Gamaalya'aa ni fudhatan.
40
Kanaan duubatti ergamittoota gara isaanii waamanii isaan ni dhaansisan, maqaa Yesusii'llee waama'uun akka hin dubbanneef ajajaniiti, isaan gad ni dhiisan.
41
Ergamittoonni garuu waayee maqaa Yesusiitiif salphinna fudhachuuf ka malan ta'uu isaaniitiin, gammada'aa bakka yaa'ii isaaniitii bayanii ni deeman,
42
guyyama guyya'aan'llee Mana Waaqeffanna'aatii fi mana maratti'llee waayee Masihichaa waayee Yesusii, barsiisu'uu fi gammachuu isaa'llee dubbachuu, addaan hin kunne turan.
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 6 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28