bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
Acts 3
Acts 3
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 4 →
1
Guyyaa tokkoo Phexirosii fi Yohaannis yeroo kadhanna'aa guyyaa keessaa saa'aa sagalii titti, gara Mana Waaqeffanna'aa ni bayan,
2
Achi'llee balbala, «Bareeda» jedhama'aa waamamutu jira ture, yeroo dhalatee jala qabee namichi naafa ta'e tokko namoonni guyyama guyyaan fidanii achi ni kaayaniin ture, inni'llee achi taa'ee, namoota gara Mana Waaqeffanna'aa aseenan irraa arjooma ni kadhata ture.
3
Naminni kun'llee Phexirosii fi Yohaannis gara Mana Waaqeffanna'aa yoo aseenan argee, arjooma isaan ni kadhate.
4
Isaan'llee namicha guttatanii laalaniiti Phexirosi, «Gara keenna laali!» ni jedheen.
5
Inni'llee arjooma waan kennaniif itti fakkaatee, guutatatee isaan ni laale.
6
Phexiros garuu, «Qarshi'ii fi worqqii hin qabu, waan qabu garuu siif ni kenna, maqaa Yesus Kristosii Naazireetiitiin ka'iitii tarkaanffadhu!» jedheen.
7
Harka isaa ka mirgaa'llee qabee ol ni kaaseen, bakkumatti miilli isaatii fi koroonccoon isaa'llee ni jabaate.
8
Ol ka'ee'llee ni dhaabate, tarkaanffataa'llee isaan woliin gara Mana Waaqeffanna'aa ni aseene, tarkaanffata''aatii fi utaala'aa'llee, Waaqa ni galateeffata ture.
9
Namoonni marri'llee yoo tarkaanfatuu fi Waaqa yoo galateeffatu'llee ni arganiin.
10
«Balbala bareeda» jedhama'aa ka waamamu, Mana Waaqeffanna'aa bira'llee taa'ee, arjooma ni kadhata ka ture isaa ta'uu isaa ni beekan, isa irratti'llee waan raawwatameen, malalffachu'uu fi dinqisiiffachuu'llee jala ni qaban.
11
Namichi fayye Phexirosii fi Yohaannisiin irraa hin fooyamu jechu'uun isaan qabee uduu jiru, namoonni maalalffatanii, gara xurree «Keessa dedeebi'ii Solomoon» jedhamuu fiiga'aa ni dhaqan,
12
Phexiros'llee namoota yeroo argetti akkana isaaniin ni jedhe, «Yaa namoota Israa'eelii! waan kanaan waayee maali'iitiif maalalffattan? Maali'iif'llee guutattanii nu laalttan? Nu huminna keennaan yookiin hujii keenna misha'aan kana ka naminni akka tarkaanffatu taasise, waan taasfinne isinitti ni fakkaataa ree?
13
Waaqinni abbootii keennaa ka Abrahaamii, ka Yisihaaqiitii fi Waaqinni Yaaqoobii Ilma isaa Yesusiin ni kabajeen, isin garuu isa Pilaaxosiin duratti dabarssitanii ni kennitaniin, Pilaaxos'llee gad dhiisuunii yoma barbaade'llee isin garuu, ‹hin barbaannu!› jettan.
14
Ati Qulqullu'uu fi qulqullaawomaa ka ta'e, ‹hin barbaannuun› jettanii, lubbuu ajjeesaan tokko akka isiniif hiikkamu ni kadhattan.
15
Jireenna kennaa ka ta'e ni ajjeefttaniin, Waaqinni garuu du'aa ni kaaseen, waayee kanaaf nu'u ragoota.
16
Kun ka argitanii fi naminni beekittan kun fayyee ka jabaate, amantii maqaa Yesusiitiin argameen, Maqaa Yesusii titti amanuu isaatiin'llee isin mara duratti fayyaa isaa guutuu argatee jira.»
17
«Amma'llee yaa obboleeyyan! Yesusiin irratti waan raawwattan isin'llee akkuma itti gaafatamoota keessan titti beekkomissa dhabuu keessaniin, akka raawwattan ni beeka.
18
Waaqinni garuu durssee afaan nabiyyoota maraatiin, ‹Masihichi rakkinna fudhachuu ni qaba› dubbiin jedhe, bifa kanaan akka raawwatuuf ni taasise.
19
Eegaa cubbuu keessan akka isinii dhabamisiifamuuf, cubbuu keessan irraa gara Gooftaa deebi'aa.
20
Waaqa biraa'llee barri itti haareffamttan isiniif ni dhufa, Waaqinni durssee ka isiniif file, Masihicha Yesusiin isiniif ni erga.
21
Inni'llee sami'itti ka turu Waaqinni durssee afaan nabiyyoota isaa Qulqulluuwwantiin akkuma dubbatetti, biyyi lafaa marri haga haareffamutti.
22
Museen'llee akkana jedhee jira, ‹Gooftaan Waaqinni akkuma ana kaase akkuma kana obboleeyyan kiyya jiddu'uu'llee nabiyyii isiniif ni kaasa, inni waan isinitti himu maraa dhageeffadhaa,
23
nabiyyicha san ka hin dhageenne marrinuu ummata irraa fooyamee gonkumaa ni bada.›
24
Itti aanssee'llee Saamu'eeliin irraa jalqabee nabiyyoonni jiran marrinuu, waayee bara kanaa kana jedhanii dubbatanii jiran.
25
Isin dhaalitota nabiyyootaati, akkuma kana Waaqinni Abrahaamiif, ‹arddii irra ummatoonni jiran marrinuu fiixaa keetiin ni eebbifaman› jedhee, abbootii keennaan woliin waadaa aseene, isin dhaalitota.
26
Kanaaf Waaqinni Ilma isaa ka erge jalqaba isiniif ture, kana'llee ka raawwate tokkoon tokkoon keessan karaa keessan hamaa irraa deebi'uun, akka isin eebbisuuf.»
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 4 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28