bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
Acts 11
Acts 11
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
← Chapter 10
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 12 →
1
Arddii Yihuda'aa titti ka argaman ergamittootaa fi obboleeyyan, ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amannee dubbii Waaqaa fudhachuu isaan ni dhagayan.
2
Phexiros gara Yerusaalemii deebi'ee yeroo deemetti, kristaanonni Yihudotaa worri naamusa gadoomaa titti amanan,
3
«Waayee maaliitiif gara mana worra hin gadoominii aseentee isaan woliin nyaate?» jechu'uun ni gilndisaniin.
4
Phexiros garuu akkana jechu'uun waan maraa tartiibaan ibisuu jala ni qabe,
5
«Ani magaalaa Yophee titti kadhannaa irra uduu jiru yaada hafuuraatiin muldhata ni arge, muldhanni arge'llee wonitti golgata guddaa uffataa fakkaatu, kallattii arffaniin qabamee, sami'ii yoo bu'uu fi gara kiyya yoo dhufu,
6
Isa guutadhee yoo laalu, golgata uffataa irratti beeyiladoota, bineensota bosonaa, uumamittoota garaa isaaniitiin lafa irra harkifatanii fi sinbirroota samii irra bararan'llee ni arge,
7
‹yaa Phexiros! Ka'iitii qala'aa nyaadhu!› qooniqqa naan jedhu'llee naan jedhu'llee» ni dhagaye.
8
Ani garuu, hin ta'u yaa Gooftaa! qulqulluu ka hin ta'in yookiin wonitti battiin afaan kiyya aseenee hin beeku jedhe.
9
Garuu yeroo lammaffaa'llee, Waaqinni qulqulluu ka taasise ati batti'i jechuun sirraa hin malu! deebii jedhu, sami'ii ni dhagaye.
10
Kun'llee yeroo sadihi eega ta'een duubatti wonitti uffata fakkaatu sun, marrinuu gara sami'ii ni fudhatame.
11
Kunoo yeroo sanitti Qiisaariyaa gara kiyya ka ergaman namoonni sadihii gara mana ani keessa turee ni gayan.
12
Shakkii tokko malee isaan woliin akka deemuuf'llee, Hafuurri Qulqulluun natti ni hime, obboleeyyan jahaan kunniin'llee ana woliin turan, isaaniin woliin'llee gara mana Qorneelewos jedhamuu ni aseenne.
13
Inni'llee maleyikkicha mana isaa keessa dhabatee akka argee fi gara Yophe'ee nama ergitee Phexiros ka dhame Simooniin waamsis,
14
inni'llee atii fi maatiin kee marri ka ittiin fayyitan dubbii Waaqaa isinitti ni hima akka isaan jedhe nutti ni hime.
15
Ani'llee dubbachuu yeroo jala qabetti, Hafuurri Qulqulluun bifa yeroo jalqaba nuratti bu'eetiin, isaan irratti'llee ni bu'e.
16
Yeroo sanitti, Yohaannis bishaaniin ni cuuphe, isin garuu Hafuura Qulqullu'uun ni cuuphamttan jechu'uun dubbii Gooftaan dubbate ni yaadadhe.
17
«Nu'u Gooftaa Yesus Kristostti yeroo amannetti Waaqinni kennaa nuuf kenne isaaniif'llee eega kennee duubatti, Waaqa dhoogu'uuf ka danda'u ani eennu!»
18
Isaan'llee kana yeroo dhagayanitti waan deebisan dhabanii ni caldhisan, «Eegaa Waaqinni ummata Waaqa dhugaa titti hin amanne'llee, jireenna haarawaan ka isaan gayu dhiifama isaaniif kennee jira» jechu'uun Waaqa ni galateeffatan.
19
Isxifaanos woqaramee yeroo du'etti waayee ari'atama ka'eetiin amanttoonni bittinaayan, haga Finiqee fi Qophiroos, haga Anxokiyaa'llee ni deeman, dubbii Waaqaa'llee Yihudota qofa malee, kaanniintti hin dubbataniiyyu ture.
20
Haa ta'u malee Qophrosii fi Qareena'aa ka dhufan amanttoonni tokko tokko gara Anxokiyaa yeroo deemanitti, Giriikota dabalatee waayee oduu mishaa Gooftaa Yesusii, ni lallaban.
21
Gooftaan'llee humnnaan isaan ni gargaara ture, namoonni baay'een'llee amananii gara Gooftaa ni deebi'an.
22
Woldaya amanti'ii ta Yerusaalemiin turtte'llee kana waan dhageetteef, Baarnaabaasiin gara Anxokiyaa ni ergiteen.
23
Inni'llee deemee Waaqinni kennaa isaa ka bilisaa ummataaf attamitti akka kenne yeroo argetti ni gammade, marrinuu onnee guutu'uun jabaatanii Goofta'aaf amanamoota ta'anii, akka jiraataniif isaan ni gorsse.
24
Inni'llee Hafuurri Qulqullu'uu fi amantiin ka itti guuttamtte nama mishaa waan tureef, namoonni laakkofssi isaanii baayi'ee ta'an, gara Gooftaa ni deebi'an.
25
Kanaan duubatti Baarnaabaas Saa'oliin barbaaduuf, gara Xerseesii ni deeme.
26
Yeroo argateenitti'llee gara Anxokiyaa ni fideen, lamaanuu woggaa tokko guutuu woldayoota woliin tokkummaan ta'anii, namoota baayi'ee ni barsiisan, barattoonni isaa'llee yeroo jalqabaatiif Anxokiya'atti, «Kristaana» jedhamanii ni waamaman.
27
Yeroo sanitti barsiisonni nabiyyoota jedhamanii waamaman, Yerusaalemii gara Anxokiyaa ni deeman,
28
Isaan keessaa'llee tokko Agaabos ka jedhamu ka'ee, biyya lafaa mara irratti beelli ol aanaan akka ta'u kakaasnssa Hafuura Qulqulluutiin raaga ni dubbate, kun'llee ka ta'e bara nugusa Rooma'aa Klaawudiiyosii titti ture.
29
Kanaaf amanttoonni Anxookiyaa jiraatan obboleeyyan Yihudaa jiraataniif, tokkoon tokkoon isaanii akka danddeettii isaaniitiin buusii wolitti baasu'uun, gargaarssi akka ergamuuf ni murteessan.
30
Buusii'llee raawwatanii harka Barnaabaasii fi Sa'oliitiin, durssitoota woldayaatiif ni ergan.
← Chapter 10
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 12 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28