bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
Acts 12
Acts 12
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
← Chapter 11
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 13 →
1
Bara sanitti nugufnni Heerodis namoota woldayaa amanti'ii tokko tokko ari'uu jala ni qabe,
2
obboleessa Yohaannisii Yaaqoobiin billayaan ni ajjeesiseen.
3
Wonitti kun Yihudotaa akka gammachiiseen yeroo argetti Phexirosiin'llee dabalee ni qabssiiseen, kun'llee ka ta'e guyyoota worri Yihudotaa ayyaana qixxa'aa itti kabajattutti itti ture.
4
Phexirosiin eega qabssiiseen duubatti gara mana hidha'aa ni galcheen, ayyaana Yihudotaa ka Faasika'aatiin duubatti haga ummataaf isa dhiyeessuuntti, afur afur ta'anii akka isa eeganiiniif lolttoota afuriitti ni kenneen.
5
Kanaaf Phexiros mana hidha'aa titti qabamee ni eeggama ture, garuu woldeenni amantii waayee isaatiif gara Waaqaa, ciminnaan ni kadhatti ture.
6
Heerodis guyyaa itti aanutti Phexirosiin ummatatti dhiyeessuuf yaadee ture, Phexiros'llee halkan sanitti birbiraata lamaan hidhamee, loltoota lamaan jidduu rafee jira ture, loltoonni kuunniin'llee balbala mana hidha'aa ni eegan ture.
7
Yeroo sanitti maleyikkaan Goofta'aa ifatti ni muldhate, mana hidha'aa keessatti'llee ifin ni ife, maleyikkichi'llee Phexirosiin cinaacha dhayee dammaqiseeniiti, «Dadafaan ka'i!» jedheen, birbiraatonni'llee harkiin isaa irraa ni kufan.
8
Maleyikkichi'llee, «Uffata kee uffadhu! Kophee kee'llee godhadhu!» ni jedheen. Phexiros'llee akkuma ajajame ni raawwate, maleyikkichi'llee, «Qoola kee uffadhuutii ana horddofi!» ni jedheen.
9
Phexiros'llee bayeeti ni horddofeen, muldhata waan argu itti fakkaate malee wonitti maleyikkichi raawwate marrinuu, dhugaa itti hin fakkaanne.
10
Wordiyyaa tokkoffa'aatii fi lammaffaa bira dabrranii gara magaala'aa gara ka nama fidhuu gara cufantaa sibiilaa ni gayan. Cufantaan'llee uduma naminni hin tuqiniin akkanumaan isaanii banameeti, bayanii karaa dagale'ee tokkoon dabrranii ni deeman, dimmaa'llee maleyikkichi Phexirosiin biraa fooyamee ni deeme.
11
Phexiros'llee gara qalbbii isaa titti deebi'ee, «Gooftaan maleyikkaa isaa ergee harka Heerodisiitii fi ummanni Yihudotaa ni eegan waan turan mara irraa ka ana fayyise ta'uu isaa, amma dhugamaanuu beekee jira» jedhe.
12
Kana eega mirkaneeffateen duubatti namoonni baayi'een bakka tokkotti wolitti qabamanii gara bakka itti kadhatanii, gara mana Maariyaamii ni deeme, Maariyaamiin tun'llee haadha Marqoos jedhamuu haadha Yohaannisii turtte.
13
Phexiros achi gayee balbala alaa yeroo dhadhayetti, Roodaa ta jedhamtte hojjattuun manaa takka eennuun akka ta'e beeku'uuf jecha, gara balbaalaa ni dhuftte.
14
Qooniqqa Phexirosii ta'uu yeroo beekitetti, baay'inna gammachuu isi'ii irra ka ka'een balbala uduu hin banin, fiigiddee gara keessaa aseenitteeti, «Phexiros balbala dhaabatee jira!» jechu'uun ni dubbatte.
15
Isaan'llee, «Maraattee jirta!» jedhaniin. Isiin garuu, «Dhugamaanuu isa!» yoo jettu ni mirkaneessite, isaan'llee eegasuu, «Wordiyyicha isaa maleyikkicha ta'a» jedhan.
16
Phexiros garuu balbala dhadhayuu itti fufe, isaan'llee balbala bananii yeroo isa arganitti, ni maalalan.
17
Inni garuu akka caldhisaniif harka isaatiin akeekee, Gooftaan mana hidha'aatii attamitti akka isa baaseen isaanitti odeesseeti, «Waan kana Yaaqoobii fi amantoota hafanitti'llee himaa» isaaniin ni jedhe. Isaan irraa fooyamee'llee gara bakka bira'aa ni deeme.
18
Yeroo bari'etti'llee lolttoonni, «Phexirosiin maalttu irra gayee jira laata?» jechu'uun, haalaan ni jeeqaman.
19
Heerodis'llee gara isaatiin Phexirosiin barbaachisee yeroo dhabeenitti, worra wordiyyaa eegan eega qorateen duubatti, akka ajjeeffaman ni ajaje, Saniin duubatti'llee Heerodis Yihuda'aa gara Qisariyaa deemee, achi ni taa'e.
20
Heerodis namoota Xiiroosii fi Sidoona'aa irratti haalaan dallanee ni ture isaan'llee tokkumma'aan dhufaniiti, gorssaan nugusaa Bilaasxosii akka isaan gargaaruuf isa kadhatanii, tole eega jecchisiisaniin duubatti'llee nugusicha araara ni gaafatan, Kana'llee ka raawwatan biyyiti isaanii nyaata ka argattu bulchiinsa nugusichaatii waan turef.
21
Guyyaa beelamametti Heerodis uffata isaa ka nugusaa uffatee teessoo irra taa'ee, ummataaf haasaya ni taasise.
22
Ummanni'llee, «Kun qooniqqa Waaqaati malee, qooniqqa namaatii miti!» jedha'aa ni iyyan.
23
Heerodis Waaqaaf ulfinna uduu hin kenniin hafuu isaatiin, bakkumatti maleyikkaan Goofta'aa dhayeeniiti raammayee ni du'e.
24
Dubbiin Waaqaa garuu yeroo maraa deebi'ee, babaldhata'aa ni deema ture.
25
Baarnaabaasii fi Saa'ol tajaajila isaanii xumuranii, Yerusaalemii gara Anixokiya'aa ni deebi'an, Marqoos ka jedhamu Yohaannisiin'llee, isaan woliin fudhataniinii ni dhufan.
← Chapter 11
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 13 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28