bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
Acts 19
Acts 19
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
← Chapter 18
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 20 →
1
Apholos Qorontoos yeroo turetti, Phaawulos biyya irraatiin dabrre gara Efesoonii ni gaye, achitti'llee amanttoota muraasa argateeti,
2
«Yeroo amantanitti Hafuura Qulqulluu fudhattanii jirttan ture moo?» jechu'uun, isaan ni gaafate. Isaan'llee, «Hin fudhanne, Hafuurri Qulqulluun jiraachuu isaatuu dhageennee hin beekinnu» jechuun, ni deebisaniif.
3
Phaawulos'llee, «Eegaa, cuuphama attamiiti ka cuuphamttan?» isaaniin ni jedhe. Isaan'llee, «Cuuphaa Yohaannisiiti» ni jedhaniin.
4
Phaawulos'llee akkana ni jedhe, «Cuuphaan Yohaannisii ka waayee dhiifama cubbuutiif ka raawwatame, ummatatti'llee ka himame, ‹ka ana duubaan dhufutti amanaa› ka jedhu ture, inni'llee Yesus» isaaniin ni jedhe.
5
Kana'llee yeroo dhagayanitti, maqaa Gooftaa Yesusiitiin ni cuuphaman.
6
Phaawulos yeroo harka isaan irra kaayetti'llee, Hafuurri Qulqulluun isaan irratti bu'eeti, afaan bira'aatiin ni dubbatan, raaga'llee dubbachuu jala ni qaban.
7
Namoonni'llee, woliigalaan haga kudha lamaa ni gayan ture.
8
Phaawulos'llee gara bakka wolgayii deemee haga ji'a sadihiitiif, waayee Mootummaa Waaqaatiif isaaniin wol mormmaa Kristosiitiif ummata'llee hubachiisa'aa, ugiinssaan ni barsiisa ture.
9
Tokko tokko garuu morkkattoota ta'uun, karaa Gooftaa ummata duratti arabssaa hin amannu yeroo jedhanitti, isaan irraa ni fagaate, worra amanttootaa'llee kophatti fudhatee, galmma Xiraanosii titti guyyamaan isaan ni barsiisa ture.
10
Phaawulos kana ka taasise haga woggaa lamaatiif, yeroo sanitti'llee Yihudonni Asiyaa jiraatanii fi Ummanni Waaqa dhugaa titti hin amannee marrinuu, dubbii Gooftaa dhagayuuf ni danda'an.
11
Waaqinni'llee baasota maalalchiisaa ta'an, harka Phaawulosii titti ni taasisa ture.
12
Sababa kanaan'llee qaama Phaawulosii uffanni tuqee fi subbee fudhata'aa dhukubbsattoota yoo tuqissiisan dhibee isaanii irraa ni fayyan ture, hafuurronni battiiwwan'llee isaan keessaa ni baya ture.
13
Jinniin namoota keessaa baasa'aa bakka mara Yihudonni naanayan tokko tokko, «Phaawulos ka lallabu Maqaa Gooftaa Yesusiitiin akka baataniif, isin ni ajajinna» jechu'uun, hafuurota jinni'ii namoota keessaa baasu'uuf, ni yaalan turan.
14
Itti gaafatamaa qeesotaa Yihudotaa ka ta'e, Ijoolleen Iskoyaasii torban'llee, akkuma kana ni raawwatan turan.
15
Garuu, hafuurri battichi, «Yesusiin ni beekaan! Phaawulosii'llee ni beeka! haa ta'u malee isin eennu fa'a?» isaaniin ni jedhe.
16
Nama hafuurri battiin irra bule tokko'llee utaalee hudhu'uun isaanitti ni jabaate, isaan'llee ni injifate, isaan'llee madaayaniitii fi qullaa isaanii ta'anii, manaa dheessanii ni bayan.
17
Wonitti kun'llee Yihudota Efesooniin jiraatanii fi Ummata Waaqa dugaa titti hin amanne biratti waan dhagayameef, marrinuu ni sodaatan, maqaan Gooftaa Yesusii'llee, ol aanaa ni ta'e.
18
Amantootaa keessa'llee baay'eewwan isaanii, hujii hamaa isaanii irraa ifatti himatanii deebi'aa, ni dhufan ture.
19
Worri asimmaa hojjatan baay'een'llee kitaabban isaanii ka asimmaaa ittiin hojjatan wolitti qabaniin, gatiin kitaabban'llee yoo tilmaamamu, kuma shantamaa qarshii laakkayamu ta'ee, ni argame.
20
Bifa kanaan dubbiin Gooftaa haalaan babaldhataa, injifataa, ni deema ture.
21
Kun marri eega ta'een duubatti Phaawulos Maqedooniyaan gara Akaayiyaa dabrre, gara Yerusaalemiin deemuuf, sammuu isaa titti ni yaada, «Eega achi gayeen duubatti'llee gara Roomaa deemuu qaba» jedhe.
22
Kanaaf namoota isa tajaajilan keessaa lamaan, Ximotewosii fi Erasxosiin gara Maqedooniyaa ergee, inni mataan isaa Asiyatti, guyyoota muraasaaf ni ture.
23
Yeroo sanitti'llee waayee karaa Gofta'atiin Efesoonitti, jeeqamnni ol aanaan ni ka'e.
24
Dmeexros ka jedhamu meeta tumttuun tokko ulfinna fakkeenna mana sagadaa ka Arxemiisiitiin meeta irraa hojjata'aa, worra meeta tumttoota ta'aniif bu'aa baay'ee ni argamisiisa ture.
25
Kanaaf naminni kun tumttootaa fi worra hujii bifa isaa qaban namoota kaanniin'llee wolitti qabee, akkana isaaniin jedhe, «Namoota nana! Nu'u qabeenna ka argannu hujii kanaan akka ta'e ni beekittan,
26
Phaawulosiin kun, ‹fakkeennonni harka namaatiin ka hojjataman waaqole'ee miti› jedha'aa Efesoonitti qofa uduu hin ta'in biyyoota muraasaan ala biyya Asiya'aa maratti, ummata hagam baayi'e'ee akka woliigalchee fi akka amanisiise, isin mataa keessanuu ka argitanii fi ka dhageettan.
27
Bifa kanaan hujiin keenna kun tuffatamuu isaati, kana qofa'llee uduu hin ta'in Asiya'aa fi biyya lafaa maratti naminni marri ta sagaduuf manni waaqeffanna'aa ta Waaqa ol aanttuu Arxemiisii tasa ta'ee hafuu isaati, ol aanttummaan isii'llee hafuu isaati» jedhe.
28
Namoonni'llee kana yeroo dhagayanitti baanatanii, «Arxemiisiin Efesooniin ol aanttu'u!» jedhaa ni iyyan.
29
Magaalaan guutuun ni jeeqamtte, ummanni'llee namoota lamaan biyya Maqedooniyaa ta'an lamaan Phaawulosii fi waahellan deemissa isaanii, Gaayosii fi Arisxaarkosiin qabanii, harkisaa gara bakka ummanni wol itti gayutti ni fiigan.
30
Phaawulos gara ummataa dhaquuf barbaadee ture, barattoonni isaa garuu, akka hin deemnneef ni dhooganiin.
31
Namoota biyya Isiya'aa ka aangoo qaban keessaa waahellan ka ta'an, tokko tokkoon isaanii, gara Phaawulosii nama erganii, «Gara bakka woligayii ummataa dhaqixxee akka hin muldhanne» jechuun ni kadhataniin.
32
Ummata jidduu'llee jeeqamnni ol aanaan waan jiruuf, baay'eewwan isaanii maaliifuu akka wolitti gayu hin beekan ture, waayee kanaan tokko waan tokko jedhee yoo iyyu, kuun ammoo waan biraa jedhaa ni iyya ture.
33
Namoonni gara Yihudotaatii ta'an tokko tokko, namicha Iskindir jedhamuu ummata keessaa dhidhiibaa gara fuun duraa ni dhiyeessaniin, ummata jidduu'llee tokko tokko haalaan akka isaaniif mormmuuf ni gorssaniin, Iskindir'llee ummanni akka caldhisu harkaan itti akeekeeti, haasaya ittisaa taasisuuf ni qophaaye.
34
Garuu Iskindir Yihudicha ta'uu isaa namoonni marrinuu yeroo beekanitti, «Arxemiisiin Efesoonii ol aanttuu!» jedhaa, saa'aa lamaaf marrinuu qoonqqa tokkoon, ni iyyan.
35
Muummee irratti barreessaan magaala'aa ijoon, ummata caldhisiiseeti akkana ni jedhe, «Yaa namoonni Efesoonii! Jiraattota magaalaa Efesoonii, manni waaqeffannaa Arxemiisii ol aanttu'uutii fi suuraa isi'ii ka sami'ii bu'ee, akka eegan mara birattuu waan beekkame.
36
Kana'llee ka waakkatu eennu'llee waan hin jirreef, akka caldhifttanii fi muddamssu'un waan hamaa raawwachuu irraa, akka ufi eeggatan ni mala.
37
Mana Waaqeffanna'aa worra hin saaminii fi Waaqa keenna irratti'llee dubbii arrabaa namoota hin dubbatin, garana qabddanii dhufttanii jirttan.
38
Demeexrosii fi meeta tumttoonni isa woliin jiran'llee naminni isaan himatan yoo jiraate, guyyoonni murtiin itti kennamu ni jiran, worri aangoo qaban'llee ni jiran, achitti wol haa falmatan.
39
Wonitti biraa ka barbaaddan yoo jiraate garuu, yaa'ii seera qabeessa ta'etti, ni laalama.
40
Kanaan alatti waan adha raawwatameen, ‹jeeqama kaasanii jiran› jedhamnnee, akka hin himataminneef ni sodaachisa, ‹wolitti bu'iinssi kun waayee maaliin ka'e› jennee yoo gaafanne, deebiin kenninu hin jiru.»
41
Kana'llee jedhee namoota wolitti qabaman, akka bittinaayan ni taasise.
← Chapter 18
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 20 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28