bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
Acts 9
Acts 9
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
← Chapter 8
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 10 →
1
Yeroo sanitti Saa'ol barattoota Gooftaa ajjeesu'uuf dhaadata'aa, gara mana itti gaafatamaa qeesotaa ni dhaqe.
2
Karaa Goofta'aa'llee namoota horddofan dhiiraa fi dubarttoota'llee yoo arggatu, hidha'aa gara Yerusaalemii fidu'uuf xalayaan isa danddeessisu, bakka wolgayiiwwan Damaasqoo Kristosiitiif barreeffamanii akka kennamuuf, itti gaafatamoota qeesotaa ni gaafate.
3
Yoo deemu'llee gara Damaasqo'oo yeroo dhiyaatetti, naannaya isaa titti dimmaa sami'ii ifin ni calaqise
4
Yeroo sanitti lafa irratti ni kufe, «Saa'ol! Saa'ol! Maali'iif ana ariitaa?» qooniqqa jedhu'llee, ni dhagaye.
5
Saa'oli'llee, «Yaa Gooftaa! Ati eennuu?» jedhe, inni'llee. «Ani ka ati ariitu Yesus,
6
amma garuu ka'iitii gara magaala'aa aseen, wonitti raawwachuu qabddu achumatti sitti ni himama» jedheen.
7
Namoonni Saa'oliin woliin ni deeman turan'llee qooniqqa uduma dhagayan eennuun'llee arguu dhabuu isaaniitiin, waan dubbatan dhabanii caldhisanii ni dhaabatan.
8
Saa'oli'llee bakka itti kufee ni ka'e, ija isaa'llee yeroo banatetti garuu womaayyuu argu'uuf hin dandeenne, kanaaf namoonni harka isaa qabanii eemara'aa gara Damaasqoo ni fidaniin.
9
Guyyaa sadihi guutuu womaayyuu arguu uduu hin danda'in, uduu hin nyaatnii fi hin dhugin'llee ni ture.
10
Yeroo sanitti Damaasqoo Ananiiyaas ka jedhamu barataan tokko ni jira ture, Gooftaan'llee mulidhataan, «Ananiiyaas!» jedhee ni waameen, inni'llee, «Kunoo asi jira yaa Gooftaa!» jedhe.
11
Gooftaan'llee akkana jedheen, «Gara karaa Qajeelaa jedhamuu deemi, achi'llee nama Yihudaa titti Saa'ol ka jedhamu nama biyya Xersees barbaadi, inni amma kadhannaa irra jira.»
12
Saa'oli'llee ijji isaa deebi'ee arguuf akka danda'an, naminni Ananiiyaas jedhamu gara isaa aseenee harka isa irra yoo kaayu, mulidhataan ni arge.
13
Ananiiyaas garuu akkana jechu'uun ni deebise, «Yaa Gooftaa! Naminni kun amanttoota kee ka Yerusaalemiin jiraatan irratti waan hamaa baayi'ee raawwachuu isaa, baayi'eewwan irraa dhagayee jira.
14
Asitti'llee maqaa kee worra kaasan maraa hidhu'uuf, itti gaafatamoota qeesotaa irraa aangoo fudhatee jira.»
15
Gooftaan'llee Ananiiyaasiin akkana jedheen, «Inni maqaa kiyya Ummata Waaqa dhugaa titti hin amanneef, nugusotaatii fi namoota Israa'eeliitiif ka beekisisu, meeshaa kiyya filatamaa waan ta'eef, gara isaa dhaqi,
16
waayee kiyyaaf'llee rakkinna hagam gayu akka fudhatu, ni ibisaaf.»
17
Kanaaf Ananiiyaas garasi deemee gara manaa inni turee ni aseene, harka isaa'llee Saa'oliin irra kaayee, «Obboleessa kiyya yaa Saa'ol! Garana yoo dhufttu karaa irratti ka sitti muldhate Gooftaan Yesusiin deebitee argu'uuf akka dandeettuu fi Hafuura Qulqulluun'llee akka sitti guutuuf, gara kee ana ergee jira» jedheen.
18
Bakkumatti wonitti akka qonyanyaa fakkaatu ija isaa irraa bu'eeti arguuf ni dandda'e, ka'ee'llee ni cuuphame.
19
Nyaata'llee nyaateeti ni jabaate, barattoota Damaasqoo ni jiran turan woliin'llee, guyyoota muraasaaf ni ture.
20
Bakkumatti'llee Saa'ol Damaasqo'otti, «Yesus Ilma Waaqaati» jedha'aa, bakka woligayii isaanii titti barsiisuu jala ni qabe.
21
Worri dhageeffataniin marrinuu'llee, «Naminni kun Yerusaaelmitti worra maqaa kana waaman maraa ni balleessa ka turee mitii? Garana'llee ka dhufeef isaan hidha'aa, gara itti gaafatamoota qeesotaa fiduufii mitii?» jechu'uun, ni maalalan ture.
22
Saa'ol garuu caalatti jabaata'aa ni deeme, Yesus Masihii ta'uu hubachiisu'uun Yihudota Damaasqoo ni jiraatan turan, deebii ni dhabisiisa ture.
23
Guyyaa baayi'een duubatti Yihudonni Saa'oliin ajeesuuf ni mari'atan,
24
Inni garuu marri isaanii ka dabaa ni beeke, isaan'llee isa ajjeesuuf halkanii fi guyyaa karaawwan inni bayu ni eegan ture.
25
Garuu halkaniin barataa isaa Saa'oliin ginboolaa keessa kaayanii, fooddaa kaloo kaabaa dhaga'aa keessaan gara gadii ni buusaniin.
26
Saa'ol gara Yerusaalemii yeroo deemetti barattoota achi jiraniiin woliin, wolitti dabalamuuf ni yaale, isaan garuu Kristostti amanuun isaa dhugaa waan isaanitti hin fakkaatiniif, marrinuu ni sodaataniin.
27
Barnaabaas garuu Saa'oliin gara ergamittootaa dhiyeesseeniiti, karaa irraa yeroo jirutti Gooftaan attamitti akka isatti mulidhatee fi akka isaa dubbise, Damaasqotti'llee maqaa Yesusiitiin attamitti uggiinssaan akka barsiisee, isaanitti ni hime.
28
Kanaaf Saa'ol isaan woliin ta'ee Yerusaalemiin keessa ni dedeebi'a ture. Maqaa Goofta'aatiin'llee uggiinssaan ni barsiisa ture,
29
Yihudota dubbattoota afaan Giriikii ta'an woliin dubbata'aa, ni morma ture, isaan garuu isa ajjeesuuf karoorffatanii ture.
30
Obboleeyyan kana yeroo beekanitti gara Qiisaariyaa ni fudhataniin, achii'llee gara Xerseesii akka deemu ni taasisan.
31
Yihudaa, Galiila'aa fi Samaariyaa mara keessa woldeenni amanti'ii ta jirttu nagaya ni argatte, ni jabaatte'lle'e, Gooftaa ulfeeffata'aatii fi Hafuura Qulqulluun'llee jajabaata'aa laakkofssaan'llee ni guddatte.
32
Phexiros biyya maraa keessa dedeebi'aa uduma jiru, gara amanttoota Baldaa jiraatanii ni dhaqe.
33
Achitti'llee woggoota saddeetii guutuu siree irra ka ciise, Eneyaas ka jedhamu naafa ni argate.
34
Phexiros'llee, «Yaa Eneyaas! Yesus Kristos si fayyisa jira, ka'iitii siree kee afadhu!» jedheen, inni'llee bakkumatti ni ka'e.
35
Jiraattonni Liida'aatii fi Saaronii marri'llee isa arganii, gara Gooftaa ni deebi'an.
36
Iyyoophee'llee Xaabiitaa ta jedhamttu amanttuu takkatu jira ture, hiikkaan maqaa isi'ii'llee afaan Giriikiitiin Dorkaas hiikkaan isaa'llee kuruphee jechu'u, isiin'llee waan mishaa raawwachu'uu fi hiyyeesotaa arjjoomuu, hujii isi'ii ka yeroo maraa ta taasffatte ni turtte,
37
Yeroo sanitti isiin dhukkubssattee ni duute, dhiqaniinii'llee kutaa mana wol irroo gubaa jiru keessa, ni kaayaniin.
38
Liidaan Yophe'etti dhiyoo waan turtteef ergamoota Yophee jiran, Phexiros Liidaa akka jiru dhagayanii, «Yabo'oo uduu hin turin nu dhaqab» jedhanii, namoota lamaa itti ni ergan.
39
Kanaaf Phexiros ka'ee ergamootaan woliin ni dhufe, Yeroo achi gayetti'llee, gara kutaa mana wol irraa jiruu ni fidaniin, dubarttoonni abbaan worraa irraa du'an marrinuu naanaya isi'ii dhaabatanii booya'aa, Dorkaas yeroo isaan woliin lubbu'uun jirttutti shinshiniiwwan hojjattee fi uffatoota ni mulidhisan ture,
40
Phexiros garuu maraayyuu gara alaa baaseeti jilbbiiffatee ni kadhate, gara reeffaa'llee garagaleeti, «Xaabiitaa! Ka'i!» jedhe, isiin'llee ija isi'ii ni banatte, Phexirosiin'llee ni argite, kaatee'llee ni teette.
41
Inni'llee harka isaa hiixatee qabee ol ni kaaseen, dubarttoonni abbootiin worraa isaanii irraa du'anii fi amanttoota kaanniin'llee waamee, mucattii lubbu'uun isaan duranatti ni dhiyeesseen.
42
Wonitti kun'llee Yophee mara keessatti ni beekkame, namoonni baayi'een'llee Goofta'atti ni amanan.
43
Phexiros'llee Simoon ka jedhamu mana namicha gogaa duugidihcaa tokkoo woliin, guyyoota baayi'eef Yophee ni taa'e.
← Chapter 8
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 10 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28