bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
Acts 24
Acts 24
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
← Chapter 23
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 25 →
1
Guyyaa shaniin duubatti itti gaafatamaan qeesotaa Ananiiyaas jaarsotii tokko tokkoo fi bakka bu'aa Xerxilos jedhamuun woliin gara Qiisaariyaa ni dhaqe, isaan'llee gara bulichaa biyyaa gara Feeliksii dhiyaatanii, Phaawulosiin ni himatan,
2
Phaawulos'llee waamamee yeroo dhufetti, Xerxilos akkana jechuun himannaa isaa jala ni qabe, «Yaa kabajamaa Feeliks! Karaa keetiin nagaya baay'ee argannee jirra, bulchliinssa kee mishaa'llee ummata keennaaf, fooyyayinna argannee jirra,
3
ka haalaan kabajamaa taate yaa Feeliks, gocha kee mishaa kana, bakka maraa fi yeroo bakka itti fudhannu marattuu, kabaja ol aanaa ta'een woliin.
4
Amma garuu yeroo kee uduu hin balleessin gabaaba'atti waan sitti himu, fedha keetiin akka naaf dhageettuuf si ni kadhadha,
5
naminni kun dhukkuba badaa nutti ta'ee jira, Yihudota biyya lafaa irra jiran mara irrattuu jeeqama ni kaasa, worri Naaziroota jedhamaniif'llee, durssaa isaaniiti.
6
Mana Sagadaa'llee batteessuuf uduu yaalu qabnneenii jirra. [Akka seera keennaa titti'llee, itti murtteesuuf yaannee turre,
7
garuu ajajaan woraanaa Lusiiyoos dhufee, humnna ol aana'aan harka keennaa butee fudhatee jira.
8
Himattoonni isaa'llee gara kee akka dhufaniif isaan ni ajaje,] himannaan isa irratti dhiyeesine kun marrinuu dhugaa ta'u isaa, ati mataan keetuu isa qorattee mirkaneesuu ni danddeetta.»
9
Yihudonni'llee, «Kun marrinuu dhuga'a» jedhaa himannaa isaa titti wolii ni gallan.
10
Bulichaan biyyaa Feeliks harkaan itti akkeekee Phaawulos akka dubbattu ni eeyyameef, Phaawulos'llee akkana jechuun ni deebise, «Woggoota baay'eef bulichaa biyya kanaa ta'uu kee waan beekuuf, himannaa narratti dhiyaateef ittisaa kiyya si duranatti yoo dhiyeeffadhu, haalaan gammachuun natti dhagayamaati,
11
sagaduuf gara Yerusaalemii eega deemee, guyyaa kudha lamaa akka hin caalle, ati mataan keetuu mirkaneessuuf ni danddeetta,
12
Mana Sagadaa titti ta'ee yookiin bakka wolgayii titti, yookiin magaalaa keessatti, eennuun woliin'llee yoo mormmu yookiin jeeqamaaf, yookiin ummata jeeqamaaf yoo kakaasu, isaan ana hin arganne.
13
Himannaa amma narratti dhiyeessan maraafuu, ragaa woyiituu siif dhiyessuu hin danda'an.
14
Garuu kana siif ibisuu ni jaaladha, isaan karaa haarawa ka jedhan kutaa amantiitiin, Waaqa abootii kiyyaa ni waaqeffadha, Seeraa fi kitaaba nabiyyootaa keessatti waan barreeffamee jiru maraa, ni amana.
15
Akkuma isaan'llee abddii isa taasisantti ani'llee Qulqullu'uu fi cubbamoonni du'aa akkuma ka'an, Waaqa abddii ni taasisaan.
16
Kanaaf Waaqaa fi nama duratti'llee sammuu qulqulluu akka qabaadhuuf, yeroo mara ni hisadha.»
17
«Yerusaalemii eega bayanii woggaan baay'een eega dabrreen duubatti, qarshii gargaarssa namoota keennaaf ta'uu fi kennaa Waaqaaf kennamu qabadhee ni dhufe.
18
Mana Sagadaa titti'llee ka ana argan kanuma uduu raawwadhu, yeroo sanitti'llee naamusa qulqullaayu'uu raawwadhee jira ture, ana woliin namoonni baay'een hin turre, jeeqama'llee hin muldhanne.
19
Yihudonni biyya Asiyatii dhufan garuu achi ni turan, isaan'llee ana irratti sababaa himannaa yoo qabaatan, si duranatti dhiyaatanii haa dubbatan.
20
Kanaan duubatti yeroo yaa'itti dhiyaadhetti balleessaan ani raawwadhe yoo jiraate, namoonni asitti dhiyaatan kunniin haa dubbatan.
21
Qajeelatti isaa jidduu dhaabadhee, ‹Du'aa ka'iinssi du'ootaa ni jira jechuu kiyyaan, murti'iif isin duranatti dhiyaadhee jira› jedhee qoonqqa guddoon dubbadhee jira, kana achitti, wonitti raawwadhe hin jiru.»
22
Feeliks garuu waayee amantii Kristaanaa haalaan ni beeka waan tureef, «Ajajaan woraanaa Luusiyoos yeroo dhufetti, waayee dhimma keessan murtii ni kenna» jedhee, isaan ni geegesse.
23
Ajajaa dhibbaa ka Phaawulosiin ni eega tureen'llee, «Uduu haalaan'llee mirga isaa isa hin dhooginiin ufi eeggannaan eegiin, waahellan isaa'llee waan isaa barbaachisu mara qabanii yoo dhufan, jala hin dhoogin» jedheen.
24
Guyyaa muraasaan duubatti Feeliks haadha worraa isaa Yihudittii Drusilaa jedhamttu woliin ni dhufe, Phaawulosiin'llee waamsisee, waayee Yesus Kristostti amanuu, yoo dubbatu ni dhagaye.
25
Phaawulos waayee qulqullaayomaatii fi waayee mataa ufii toowaachu'u, waayee murtii dhufu'uuf jiruu'llee yeroo dubbatetti, Feeliks sodaatee, «Amma deemi, yoo natti tole yeroo bira'aa si waamssisa» ni jedheen.
26
Feeliks'llee Phaawulosiin irraa matta'aa fudhachuuf abddii ni taasisa ture, kanaaf yeroo baay'ee Phaawulosiin waamssisaa, ni dubbisaan ture.
27
Woggaa lamaan duubatti Phorkii'os Fesxoos bakka Feeliksii ni bu'e, Feeliks'llee Yihudotaa gammachiisuuf barbaadee, Phaawulosiin akkuma hidhametti ni dhiiseen.
← Chapter 23
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 25 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28