bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
Acts 2
Acts 2
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 3 →
1
Ayyaanni Pheenxeqosxe'ee yeroo gayetti barattoonni isaa marrinuu bakka tokkotti tokkuma'aan woligayanii ni turan,
2
dimmaa qooniqqiti honbololattiin bubbee cimttu'uu fakkaatu samii ni dhufe, mana keessa turan'llee ni guute.
3
Wonittoonni arraba ibiddaa fakkaatan isaantti ni muldhatan, adda qoodamanii'llee tokkoo tokkoo isaanii irra ni taa'an.
4
Marrinuu Hafuura Qulqulluun ni guuttaman, Hafuura Qulqullu'uun akka dubbataniif haga dandeettii isaanii kenneetiin'llee, afaanota bira'aatiin dubbachuu jala ni qaban.
5
Biyyoota lafaa mara irraa'llee ka dhufa, Yihudonni kadhanna'aan jabaatan, Yerusaalemiin ni jiran turan.
6
Qooniqqa kana'llee yeroo dhagayanitti namoonni baayi'een wol ni gayan, afaan isaaniitiin'llee wolitti yoo dubbatan waan isaan dhagayaniif, ni dinqisiifatan.
7
Maalalffachu'uu fi dinqisiiffachuun'llee akkana ni jedhan, «Kunniin worri akkana dubbatan marrinuu, namoota Galiilaatii mitii?
8
Eegaa nu afaan biyya isaanii ka dhalootaatiin yoo dubbatan ka isaan dhageennu, attamitti?
9
Nu Phaartee, Meedii, Elaam, Mosophotaamiyatti, Yihudaatti, Qephidooqiyaa, Phanxoos fi Asiaatti,
10
Firgiyaa, Phamfiliyaatti, Gibxitti, Qareenaa biratti ka jiran, konyaawwan Liibiyaa worra jiraannu, Yihudonni Roomaa dhufnnee fi gara Yihudaa ka galle'llee, ni argaminna,
11
akkuma kanaan namoonni Qarxees fi namoonni Arabaa'llee ni argaman, kunoo kunniin marrinuu hujii Waaqaa ol aanaa afaan isaaniitiin yoo dubbatan, ni dhageenna!»
12
Kanaaf marrinuu maalalffatanii waan jedhan dhabanii, «Wonitti kun maal ta'inna laata?» woliin ni jedhan.
13
Tokko tokko garuu, «Dhaadhii woyinni'ii haarawa dhuganii machaayanii jiran!» jedha'aa isaantti ni baldan.
14
Yeroo sanitti Phexiros kudha lamaan woliin dhaabatee qooniqqa isaa ol fuudhee, akkana jechuun ummatatti ni dubbate, isin namoonni biyya Yihuda'aatii fi jiraattonni Yerusaalemii marrinuu, waan ta'e kana beekuuf haasaya kiyya kana dhageeffadhaa,
15
ganama keessaa kunoo saa'aatii sadihi waan ta'eef akka isin yaaddanitti, namoonni kunniin hin machoofnne.
16
Garuu kun ka ta'e nabiyyichi Iyyuu'eeliin akkana jechu'uun jechi dubbate akka raawwatamuuf,
17
Waaqinni guyyaa muummee titti akkana ni ta'a jedha, hafuura kiyya nama maraa irratti ni jissa. Ijoolleen kiyya ta dhiiraatiif ta durbbaa'llee raagaa ni dubbatan, gayeeyyiin keessan'llee, mulidhata ni argan, Jaarsotiin'llee ebjju'uun ni eebjotan.
18
Akkuma kana guyyoota sanniinitti tajaajiltoota kiyya ka dhiiraatii fi ka dubarttoota irratti'llee, Hafuura kiyya ni jissa, isaan'llee raaga ni dubbatan.
19
Ol sami'itti wonittoota maalale'ee, gad lafatti'llee baasota ni muldhisa, Dhiiga, ibidda, aarri qayyootaa'llee ni muldhata.
20
Ol aana'aa fi maalalchiisaa, guyyaan Goofta'aa dhufu'uun duranatti, aduun ni dukkanooftti, jiin'llee dhiiga ni fakkaatti.
21
«Ka maqaa Gooftaa waamu marrinuu ni fayya.»
22
«Isin yaa namoota Israa'eelii! Dubbii kana dhageeffadhaa, isin mataan keessanuu akkuma beekittan eennummaan Yesusii Naazireetii, Waaqinni isin jiddu'utti karaa hujiiwwan isaa ol aanaa raawwateetiin, baasotaa fi malikatootaatiin mirkanaayee jira.»
23
Inni mataan isaatuu akkaatama Waaqinni duraan durssee karoorssee fi hujimaata beekeetiin isiniif dabarffamee ni kenname, isin'llee harka hamaaleyyi'ii titti akka fannifamuu fi akka du'u ni taasfttaniin.
24
Waaqinni garuu huminna du'aa balleessee du'aa ni kaaseen, kanaaf duuti qabddee isa hanbbisuunii hin dandeenne.
25
Daawiit'llee waayee isaa akkana ni jedha, Gooftaa yeroo maraa ufi durana kiyyatti ni argaan, akka hin raaffamineef'llee inni mirga kiyyaan jira.
26
Kanaaf onneen kiyya ni gammade, afaan kiyya'llee gammachu'uun ni guuttame, akkuma kana foon kiyya ka du'aa ta'e'llee abddi'iin ni jiraata,
27
lubbuu kiyya siioolitti hin dhiifttuun, Qulqulluu kee'llee awwaala keessatti, shamee akka hafu hin taasfttu.
28
Karaa jireennaa'llee ana ni beekisiftte, anaan woliin ta'uu keetiin'llee, gammachuun kiyya muda maleessa ni ta'a.
29
«Yaa obboleeyyan kiyya! Abbootii duraanii keessaa tokko ka ta'e Daawiiti akka du'ee fi akkuma awwaalame, awwaalli isaa'llee haga adhaa titti akkuma nu bira jiru, ifaan isinitti haa himu.
30
Garuu Daawiiti kana ka dubbate nabiyyii waan turee fi Waaqinni, ‹fiixaa kee keessaa tokko teessoo kee irra siif ni kaayaan› jechu'uun, kaku'uun ka kenneef, dubbii abddi'ii ni beeka waan tureef,
31
Sababa kanaan'llee, Masihiin siioolitti akka hin hafinnee fi foon isaa'llee shamee awwaala keessatti akka hin hafinne, durssee argee waan tureef ni dubbate.
32
Yesusii kana'llee Waaqinni du'aa ni kaaseen, nu marri keennaa waan kanaaf ragoota.
33
Mirga Waaqaatiin taa'uuf ol yeroo jedhee fi abddii Hafuura Qulqullu'uu'llee Waaqa Abbaa irraa yeroo fudhatetti, kana ka argitanii fi ka dhagaya'aa jirttan kana ni dhangalaase.»
34
Eegaa gara samii Daawiitiin ol baye waan hin ta'iniif, Daawiitiin mataan isaatuu akkana jechu'uun dubbatee jira,
35
Gooftaa Gooftaa kiyya (Masihichaaf) diinota kee aangoo kee jala haga si taasisutti, mirga kiyyaan taa'i jedheenii jira.
36
«Eegaa kana ka isin fannifttan Yesusiin, Waaqa Goofta'aa fi Masihicha akka isa taasiseen, ummanni Israa'eelii marrinuu qajeelatti haa beeku!»
37
«Namoonni'llee kana yeroo dhagayanitti onneen isaanii gaddaan tuqamttee Phexiros fi ergamittoota kaanniiniin'llee, Yaa obboleeyyan! Egaa maal haa taasfnnu?» isaaniin jedhan.
38
Phexiros'llee akkana isaaniin ni jedhe, «Gara Waaqaa titti deebi'aa, cubbuun keessan'llee isiniif akka dhiifamu, tokkoon tokkoon keessan maqaa Yesus Kristositiin cuuphamaa, kennaa Waaqaa ka ta'e Hafuura Qulqulluu'llee ni fudhattan,
39
dubbiin abddii isaa isinii fi ijoollee keessaniif, Waaqinni Gooftaan keenna gara ufii worra isaan waamuuf, fagoo worra jiran maraaf'lle'e.»
40
Ka biraa'llee dubbii baayi'e'een ragaa baya'aa, «Dhaloota hamaa kana irratti balaa dhufu jalaa, mataa keessan baasaa!» jechuun isaan ni gorsse.
41
Isaan keessaa baayi'eewwan dubbii isaa fudhatanii ni cuuphaman, guyyaa sanitti amanittoonni kuma sadihi ka gayan ni dabalaman.
42
Isaan'llee barsiisa ergamittootaa dhagayu'uun, tokkumma'aan jiraachu'uun, nyaata'llee woliin nyachu'uu fi kadhanna'aan ni jabaatan turan.
43
Yeroo sanitti harka ergamittootaa titti baasonni baayi'ee fi wonittoonni maalale'ee'llee ni raawwataman waan tureef, mara isaanii irraa sodaan ni bule.
44
Amanttoonni marrinuu tokkummaan woliin ni jiraatan turan, wonitti qaban marri'llee ka woliin qaban ture.
45
Lafa isaanii ka qonnaatii fi qabeenna isaanii gurgura'aa, qarshii tokko tokkoo isaaniitiif akka barbaachisutti, ni qoodaniif ture.
46
Guyyama guyyaan'llee Mana Waaqeffanna'aa titti, tokkummaan wol ni gayan ruran, mana isaanii titti'llee buddeena woliin nyaataa, gammachu'uu fi onnee misha'aan ni sooratan ture,
47
Gooftaan'llee ni galateeffatan turan, naminni marri'llee isaan ni kabaja ture, Waaqinni'llee namoota fayyan guyyama guyya'aan, gara miseenssa isaanii ni dabala ture.
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 3 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28