bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
Acts 7
Acts 7
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 8 →
1
Itti gaafatamaa qeesotaa'llee Isxifaanosiin, «Wonitti jedhame kun sirri'i moo?» jechuun ni gaafateen.
2
Isxifaanos'llee akkana jechu'uun ni deebise, «Yaa obboleeyyanii fi abbootii kiyya! Mee ana dhageeffadhaa! Abbaan keenna Abrahaam Kaanaan jiraachu'uuf uduu hin deeminiin duranatti, uduma Mosophotaamiyaa jiru, Waaqinni ulfinnaa isatti muldhateeti,
3
‹biyya kee keessaa baatee, firoottan kee irraa fooyamittee, gara biyya ani sitti muldhisuu deemi!› ni jedheen.
4
Yeroo sanitti biyya worri Kaaleedootaatii bayanii Kaaraan ni taa'e, abbaan isaa eega du'een duubatti'llee Waaqinni kaaraanii isa baasee, gara biyya adha isin keessa jiraattanii ni fideen.
5
Haa ta'u malee qabiyyema haga ijjata miilaa gayuu hin kennineef, garuu biyya kanaa isaa fi isaan duubatti'llee fiixaa isaatiif qabiyyee taasisee akka kennuuf waadaa aseeneefii ture, waadaa kana ka aseeneef'llee, Abrahaam uduu finna hin qabatin ture.
6
Fiixaan isaa'llee biyya alaga'aa titti koolu-galaa ta'ee akka jiraatuu fi biyya santti'llee woggaa dhibba afuriif, garba taasisanii gad qaba'aan akka bitaniin, itti himee ture.
7
Itti aanssee'llee, ‹garba isaan taasisee ummata isa bitu irratti ni murtteessa, kanaan duubatti'llee bilisa bayanii, bakka kanatti ana ni waaqeffatan› jedhee Waaqinni dubbatee jira.
8
Waadaa gadoomu'uu'llee ni kenneef, kanaaf Abrahaam Yisaaqiin yeroo uumate, eega dhalatee guyyaa saddeetaffaa titti ni gadoomiseen, akkuma kana Yisaaq'llee ilma isaa Yaaqoobiin ni gadoommise. Yaaqoob'llee abbootii gosaa ka ta'an, ijoollee isaa kudha lamaan ni gadoommise.»
9
«Ijoolleen Yaaqoobii obboleessa isaanii Yooseefiin irratti hinaafanii, biyya Gibixii titti garba akka ta'uuf ni gurguraniin, Waaqinni garuu isa woliin ni ture,
10
rakkinna isaa mara keessaa ni baaseen, nugusa Gibixii Fara'ooniin duranatti'llee, gaachenaa fi ogummaa ni kenneef. Nugusichi'llee Gibixii fi mana isaa mara irratti ajajaa ni taasiseen.
11
Yeroo sanitti Gibixii fi biyya Kana'aanii mara irratti, beelli rakkinna ol aanaa fide ni ta'e, abbootiin keenna'llee nyaata argachu'uuf hin danddeenne.
12
Yaaqoob'llee biyya Gibixii midhaan jiraachuu yeroo dhagayetti, yeroo jalqabaatiif abbootii keenna garasi ni erge.
13
Deebi'anii gara biyya Gibixii yeroo deemanitti, Yooseef obboleeyyan isaa titti ni muldhate, maatii isaa'llee Fara'ooniin biratti ni beekkame.
14
Kanaan duubatti Yooseef abbaa isaa Yaaqoobii fi firoota isaa maraa gara isaa ni fichisiise, isaan'llee wolitti qaba'aan namoota torbaatamii shan turan.
15
Kanaaf Yaaqoob gara biyya Gibixii ni deeme, isaa fi abbootiin keenna achitti ni du'an.
16
Lafeen isaanii'llee gara Seekem fudhatamee lafa awwaalaa ka Abrahaam Seekemitti, ijoollee Hamoorii irraa qarshi'iin bitetti ni awwaalame.»
17
«Abddiin Waaqinni Abrahaamii kaku'uun kenne yeroon itti raawwatamu yoo dhiyaatutti, lakkofssi ummata keenna ka biyya Gibixii keessa turee, baayi'ata'aa ni deeme.
18
Kun'llee ka ta'e nugufnni Yooseefiin hin beekinne ka bira'aa, biyya Gibixii keessatti haga yeroo ka'ee titti.
19
Nugufnni haarofnni ummata keenna irratti hammeennaan ka'ee, abbootii keenna gad qabuu jala ni qabe, daa'imman isaanii'llee akka du'anii fi gara alaa baasanii akka isaan gataniif, abbootii keenna ni dirqamsiiseen.
20
Yeroo sanitti Museen ni dhalate, inni'llee Waaqa duranatti daa'ima bareede ture, ji'a sadihiif mana abbaa isaa titti ni guddate,
21
gara alaa'llee yeroo gatametti intaltti durbaa ta Fara'o'oonii fudhatteeniiti akka ilma isi'ii taasfttee, ni guddiffatteen.
22
Museen'llee ogummaa worra Gibixootaa mara ni barate, dubbi'ii fi hujii isaatiin'llee ka jabaate ni ta'e.»
23
«Museen'llee woggaa afurtamaa yeroo guuteentti, obboleeyyan isaa ijoollee Israa'eelii laalu'uuf ni ka'e.
24
Obboleeyyan isaa keessaa tokko nama biyya Gibixii tokkoon yoo dhiibamuu fi yoo dhaanamuu argee ni gargaareen, ka isa miidhe'llee gadoo bayu'uun, Gibixicha dhayee ni ajjeeseen.
25
Waaqinni karaa isaantiin akka bilisa isaan baasu, ummanni isaa waan hubatan itti fakkaatee ture, isaan garuu kana hin hubanne.
26
Guyyaa itti aanutti'llee Israa'eeloonni lamaan ufii isaaniitii yoo wol dhaban isaan argateeti isaan araarssuuf barbaadu'uun, ‹isin namoota nana, isin obboleeyyanii bee, maali'iif wol dhabiddan?› isaaniin jedhe.
27
Namichi waahela isaa ni dhaana ture sun, Musee achi ufi irraa dhiibeeniiti, ‹si ammoo nu irratti bulichaa fi murtteessaa ka si taasise eennu?
28
Akkuma kaleessa Gibixicha ajjeeftteen, ana'llee ajjeesu'uuf barbaadda moo?› ni jedheen.
29
Museen kana yeroo dhagayetti biyya Gibixiitii dheessee gara biyya Miidiyaamii deemeeti, achitti baqataa ta'ee ni jiraate, achitti'llee ijoollee dhiiraa lama ni uumate.»
30
«Museen biyya sanitti woggaa afurtamaa eega dabarseen duubatti gammoojjii Siina'aa titti, arraba ibiddaa ximirroo keessaan bobayuu keessaan, maleyikkaan tokko itti ni muldhate.
31
Museen'llee kana yeroo argetti ni maalale, dhiyaatee yoo laalutti'llee, qooniqqa Gooftaa ka akkana jedhu ni dhagaye,
32
‹ani Waaqa abbootii keetiiti, Waaqa Abrahaam, Waaqa Yisaaq, Waaqa Yaaqoobiiti› Museen'llee soda'aan ni hollate, laalu'uuf'llee hin uggine.»
33
Gooftaan'llee akkana ni jedheen, bakkeen irra dhaabatte kun arddii qulqullaaye waan ta'eef, kophee kee baafadhu,
34
biyya Gibxii ka jiru rakkinna cimaa ummata kiyyaa dhugamaanuu argee jira, iyya isaanii ka sarddamaa'llee dhagayee jira, kanaaf isaan fayyisu'uuf bu'ee jira, amma'llee koottu! An gara Gibixii titti si'i ni erga.
35
«Ummanni Israa'eelii Muse'een, ‹nu irratti bulicha'aa fi murtii kennaa akka taatu ka si taasise eennu?› jechu'uun, ni mormmaniin turan, haa ta'u malee Waaqinni Musee kana ibidda ximmiro'oo keessaan karaa maleyikkicha itti muldhateetiin, bita'aa fi bilisa baasaa isa taasisee, gara isaanii ni ergeen.
36
Gibixii fi garba ciisaa diima'atti maalale'ee fi baasota taasisu'uun ummata isaa baasee woggaa afurtamaa ka isaan eemare, Musema kana ture.
37
‹Gooftaan Waaqinni keessan akkuma ana akkuma kana obboleeyyan keessaan jiddu'uu, nabiyyii isiniif ni kaasa› jedhee, Israa'eelootatti ka dubbate, Musema kana ture.
38
Ummata gammoojji'itti wolgayee turee fi maleyikkicha Gaara Siina'aa irraa dubbateen woliin, akkuma kana abbootii keennaan woliin'llee ni jira ka ture isa. Dubbii Waaqaa ka jireennaa'llee nu'uuf ka dabarsse'llee, Musema kana.»
39
Abbootiin keenna garuu ni mormmaniin malee hin ajajamnneef, onnee isaanii titti'llee gara Gibixii titti deebi'uuf ni yaadan.
40
Aaroon'llee, kun Museen biyya Gibixiitii nu baase Musee maal akka isa irra gaye hin beekinnuutii, fuun durana keennaan deema'aa ka nu eemaran, waaqota sobaa nuuf hojjadu! jedhaniin.
41
Yeroo sanitti fakkeenna waati'iitiin Waaqa harkaan hojjatame hojjatanii kitimaa ni dhiyeessaniif, hujii harka isaaniitiin'llee ni gammadan.
42
Waaqinni garuu isaan irraa ni fooyamee. Urjjii sami'ii'llee akka waaqeffataniif dabarssee isaan ni kenne, kun'llee nabiyyootaan akkana jedhamee akkuma barreeffame, «Isin yaa namoota Israa'eelii! horii qalamee fi kitimaa woggaa afurtamaa guutuu gammoojji'itti, ka dhiyeessitan anaaf moo?
43
Qabddanii ka deemttan dukkaanni Moolokiiniitii fi Reefaan ka jedhamu fakkii urjjii Waaqa keessan hojjattanii ture, isaan'llee harka keessaniin hojjattanii, ni sagadaniif ka turan waaqota sobaati. Ani'llee Baabiloonii achitti akka kooluu galttan ni taasise.»
44
«Abbootiin keenna gammoojji'itti dukkaana raguma'aa ni qaban turan, dunkkaanattii tana'llee akkaatama bu'ura Waaqinni isatti himee fi muldhiseetiin, ka hojjate Musee ture.
45
Waaqinni isaan ufi duranaa isaanii ka isaan ari'e biyya Ummata Waaqa dhugaa titti hin amannee yeroo dhaalanitti, abbootiin keenna dukkaanatti fudhatan kana Iyyaasu'uun woliin garasi ni galchaniin, haga bara Daawiitii titti'llee achi ni jiraatte.
46
Daawiit'llee Waaqaa duranatti gaachena argatee Waaqa Yaaqoobiitiif mana keessa bultti'ii isaatiif ta'u, hojjachu'uuf kadhanna'aan ni gaafate.
47
Garuu Waaqaaf mana ka hojjate Solomoon ture.»
48
«Ta'u'llee Waaqinni jiraataan mana harka namaatiin hojjatame keessa hin jiraatu, kun'llee nabiyyichi akkana jechu'uun akkuma barreesse,
49
‹samiin teessoo kiyya, arddiin'llee ijjata miila kiyyaati, eegaa anaaf mana attamii naa ijaarttan? Bakkeen itti boqadhu hoo ka attamiiti? jedha Gooftaan.
50
Kana maraa ani harka kiyyaan ka hojjadhee mitii ree?› jedha Waaqinni.»
51
«Isin morkkatoota nana onneen keessan ka duudde! Gurri keessan'llee ka hin dhageenne! Isin'llee akkuma abbootii keessan yeroo maraa Hafuura Qulqullu'uun ni mormitan.
52
Nabiyyoota keessan abbootiin keessaan ka hin ari'atin eennutu jira? Isaan dhufaatii qulqullaayomichaa durssanii ka dubbatan ni ajjeesaniin, isin'llee dhufaatii qulqullaayomicha kana dabarssitanii kennu'uun, ni ajjeesifttaniin.
53
Isin karaa maleyikkootaatiin seera fudhattanii turttan, garuu isa hin eeginneen.»
54
Miseensonni yaa'ii kana yeroo dhagayanitti ni dallananan, Isxifaanosiin irratti'llee dallansu'uun ilkaan isaanii ni qaran.
55
Inni garuu Hafuura Qulqullu'uun guuttamee gara sami'ii guuttatee yeroo laalutti ulfinna Waaqaa ni arge, Yesusiin'llee mirga Waaqaatiin dhabatee ni argeen,
56
kanaaf, «Kunoo samiin banamee Ilmi Namaa mirga Waaqaatiin dhaabatee ni arga!» jedhe.
57
Yeroo sanitti'llee isaan qooniqqa ol aanaan ni iyyan, gurra isaanii'llee duuchan bakka tokko, gara isaa ni fiigan.
58
Magaala'aa'llee baasaniinii dhaga'aan ni woqaraniin, Ragoonni isaa'llee uffata isaanii fidanii, Saa'ol ka jedhamu dargaggeessi tokko akka isaanii eeguuf, miila isaa bira ni kaayan.
59
Uduma dhaga'aan isa woqara'aa jiran Isxifaanos, «Yaa Gooftaa Yesus! Lubbuu kiyya fudhadhu!» jedhee ni kadhate.
60
Jilbbiiffatee'llee, «Yaa Gooftaa! Balleessaa kiyya kana natti hin laakkayin!» jedhee, qoniqqa ol aana'aan ni iyye, kana'llee jedhee ni du'e.
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 8 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28