bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
Acts 15
Acts 15
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
← Chapter 14
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 16 →
1
Namoonni tokko tokko Yihuda'aa gara Anxokiyaa deemanii, «Akkaataa Seera Muse'ee kennameetiin yoo hin gadoomin fayyu'uuf hin dandeettan» jedha'aa amanttoota barsiisuu jala ni qaban.
2
Phaawulosii fi Barnaabaas waayee kanaa namootaan woliin didaa fi wol mormmii ni raawwatan, kanaan duubatti Phaawulosii fi Barnaabaas Anxokiyaa worra jiran obboleeyyan bira'aa muraasa woliin ta'anii, gara Yerusaalemii akka deemanii fi dhimmicha ergamittootaa fi jarsoti'itti akka dhiyeessaniif ni murttaaye.
3
Kanaaf isaan woldaya amanti'iitiin ergamanii ni deeman, Finiiqe'ee fi Samaariya'aan yoo dabrrantti'llee, waayee gara Waaqaa deebi'uu ummata Waaqa dhugaa titti hin amannee ni dubbatan, odduun kun'llee kirstaanota maraa ni gamaachiise.
4
Gara Yerusaalemii yeroo gayanitti woldeenni amanti'iitii fi ergamittoonni, jaarsotiin'llee isaan ni simatan, ergamittoonni'llee waan Waaqinni isaan woliin ta'ee isaaniif raawwate mara isaanitti ni odeessan.
5
Garuu gara worra Fariisotaatii ka ta'an tokko tokko ka'aniiti, «Ummanni Waaqa dhugaa titti hin amanne akka gadoomanii fi Seera Muse'ee'llee akka eegan taasisuun ni mala» jedhan.
6
Ergamittoonnii fi jaarsotiin'llee dhimma kana qorachu'uuf wol ni gayan,
7
mormmiin baayi'een eega raawwatameen duubatti'llee Phexiros ka'ee akkana isaaniin ni jedhe, «Yaa obboleeyyan! Ummata Waaqa dhugaa titti hin amannee karaa kiyyaan dubbii Wongeelaa dhagayanii gonkumaa asiin durana Waaqinni ana Waaqinni isin jiddu'uu akka ana filate ni beekittan.
8
Waaqinni onnee namaa beeku, haaluma Hafuura Qulqulluu nu'uuf kenneetiin, isaaniif'llee kennu'uun isaaniif ragaa ni baye.
9
Onnee isaanii amanti'iin waan qulqulleesseef nu'uu fi isaan jiddu'utti, garaagarummaa woyiituu hin taasfnne.
10
Eegaa abbootii keenna ta'ee nu'u waanijjoo baadhachuu hin danda'in gurmmuu amanttoota irratti fe'uun, maali'iif amma Waaqa qormmattaniin?
11
Nu'llee ka fayyinnu akkuma isaanii san, kennaa bilisaa ka Gooftaa Yesusiitiin ta'uu isaa ni amana.»
12
Yeroo sanitti yaa'iin marri caldhisee Barnabaasii fi Phaawulos karaa isaaniitiin, Waaqinni Ummata Waaqa dhugaa titti hin amanne jiddu'utti ka raawwate baasaa fi maalalee mara, yoo dubbatan maalalffatan isaa ni dhageeffate.
13
Isaan dubbatanii eegaa geessaniin duubatti, Yaaqoob akkana jechu'uun ni deebise, «Yaa obboleeyyan! Mee ana dhageeffadhaa!
14
Waaqinni ummata maqaa isaatiin waamu tokko jidduu isaaniitii filachu'uuf yeroo jalqabaa, ummata Waaqa dhugaa titti hin amanne attamitti akka isaan toowate, Simoon hubachiisee jira.
15
Yaada kana woliin'llee dubbiin nabiyyootaa wolii ni gala, kun'llee akkana jedhamee ka barreeffame,
16
‹Kanaan duubatti ni deebi'a, Mana Daawiitii ka jige'llee ni ijaara, ka diigame'llee supphee deebisee ni dhaaba,
17
Kana'llee ka raawwadhuuf namoota hafanii fi ummata Waaqa dhugaa titti hin amanne ka maqaa kiyyaan waamaman marrinuu ana Waaqa akka barbaadaniif,
18
Duri irraa jalqabee kana maraa ka beekisise› ani Waaqinni akkana ni jedha.»
19
«Kanaaf yaanni kiyya worra gara Waaqaa deebi'an, Ummata Waaqa dhugaa hin beekinne akka nu'u isaan hin rakkifnneef.
20
Kana irra ‹sababaa waayee Waaqa harkaan hojjatameef qalamu'uutiin nyaata battaaye hin nyaatnaa, sagaagala irraa fagaadhaa, uduu hin qalaminii fi dhiiginni isaa'llee uduu hin jigin hudhamee ka du'e foon horii du'ee hin nyaatnaa, dhiiga'llee hin nyaatnaa!› jennee isinii ni barreessina.
21
Durima irraayyuu jalaqabee seerri Muse'ee Sanbbata marattuu bakka wolgayiiwwan isaanii titti ni dubbifama ture, dubbiin Waaqaa'llee magaalaa marattuu ni lallabama.»
22
Kanaan duubatti ergamittoonnii fi jaarsotiin namoota woldayaa amanti'ii mara woliin ta'anii, yaa'ii jiddu'uu namoota muraasa filanii Phaawulosii fi Barnaabaasiin woliin gara Anxokiya'aa ergu'uuf ni murteessan, kanaaf obboleeyyan jiddu'utti hooganttumma'aan maqaa mishaa ni qaban worra turan, Barnaabaas ka jedhame Yihuda'aa fi Siilaasiin ni filatan.
23
Xalayaa barreeffame'llee harka isaanii titti ni ergan, xalayaan'llee akkana ka jedhu ture, «Nu'u ergamittoonninii fi jaarsotiin obboleeyyan keessan taane, Anxokiya'aa fi Sooriya'atti, Kiliiqiyaa'llee worra jiraatan gosa Ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amannee obboleeyyan keenna worra taataniif, nagaya ni dhiyeessina,
24
Nu'u keessaa namoonni tokko tokko uduu nu'u isaan hin ajajin gara keessan dhufanii, dubbii isinitti himaniin akka isin hin rakkisanii fi dubbii isinitti bitaa akka taasisan dhageennee jirra,
25
kanaaf bakka tokkotti yoo woligeenneen duubatti ergamoota filannee, obboleeyyan keenna jaalatamoota Barnaabaasii fi Phaawulosiin woliin, gara keessan isaan ergu'uuf wolii ni galle.
26
Barnaabaasii fi Phaawulos waayee Gooftaa keenna Yesus Kristositiif, lubbuu isaanii dabarssanii ka kennan.
27
Ka isiniif barreesine afaaniin'llee dabalataan isi'itti akka himaniif, Yihudaa fi Siilaasiin erginee jirra.
28
Kanniin ka itti aanaan wonittoota barbaachisaa ta'an malee, ka biraa ba'aa ulffaataa isinitti akka hin fe'in, Hafuurri Qulqullu'uu fi nu'llee waan mishaa ta'ee argannee jirra,
29
sababaa waaqota harkaan hojjatameetiif qalamu'uutiin nyaata battaaye hin nyaatnaa, dhiiga'llee hin nyaatnaa, foon horii hudhamee du'ee'llee hin nyaatnaa, dhiiga'llee hin nyaatnaa, sagaagala irraa fagaadhaa, wonittoota kanniin mara irraayyuu yoo eeggamittan mishaa ni raawwattan, nagayaan ta'aa.»
30
Ergamittoonni'llee nagaya dhaamanii gara Anxokiya'aa ni deeman, amantoota'llee wolitti qabanii xalayaa itti ni kennan.
31
Amantoonni'llee xalayaa yeroo dubbisanitti, ergaa jajabeessuun haalaan ni gammadan.
32
Yihuda'aa fi Siilaas nabiyyoota waan turaniif obboleeyyan jecha baayi'een gorissanii isaan ni jajabeessan, isaan akka obissan ni taasisan.
33
Yihudaa fi Siilaas guyyaa muraasa achitti eega turaniin duubatti, obboleeyyan amanttootatti nagaya dhaamanii, gara worra isaan erganii deebi'anii ni deeman.
34
[Siilaas garuu achumatti hafu'uuf ni barbaade.]
35
Phaawulosii fi Barnaabaas'llee kaanniin amanttootaa baayi'ee woliin ta'anii, dubbii Goofta'aa barsiisaatii fi lallaba'aa, guyyoota muraasaaf Axokiyaatti ni turan.
36
Guyyoota muraasaan duubatti Phaawulos Barnaabaasiin, «Koottu deebineeti magaalota asiin durana dubbii Gooftaa itti lallabnne mara obboleeyyan jiran haa toowannuu, attam akka ta'e'llee haa beekinnuu» jedheen.
37
Barnaabaas'llee Maarqoos ka jedhame Yohaannis, isaaniin woliin akka deemu ni barbaade.
38
Phaawulos garuu naminni kun isaaniin woliin akka deemu hin eeyyamnne, waayeen eeyyamuu dhabeef'llee inni Phamfiliyaatti isaan biraa fooyamee waan hafee fi gara huji'ii'llee isaan woliin waan hin deeminiif.
39
Waayee kanaan Phaawulosii fi Barnaabaasiin jiddu'utti wol mormmiin ol aanaan ka'eeti gargar ni fooyaman, kanaaf Barnaabaas Maarqoosiin fudhatee dooni'iin gara Qophrosii ni deeme.
40
Phaawulos garuu Siilaasiin ni filate, obboleeyyan'llee Phaawulosiin kennaa Gooftaa ka bilisaa titti yaboo eega kennaniiniin duubatti ni deeme.
41
Inni'llee woldayoota amantootaa jajabeessa'aa, karaa Sooriyaatii fi Kiliiqiya'aatiin ni dabrre.
← Chapter 14
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 16 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28