bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
Acts 18
Acts 18
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
← Chapter 17
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 19 →
1
Kanaan duubatti Phaawulos Ateenaa ka'ee, gara Qorontoosii ni deeme,
2
Achitti'llee dhalataa biyya Phonxosii ka ta'e, Aqiilaa ka jedhamu nama Yihudicha tokko ni argate, nugufnni Roomaa Klaawudiiyos, Yihudonni marrinuu Roomaa akka bayan ajajee waan tureef, Aqiilaan hadha worraa isaa Phrisqiilaa woliin, yoma san Ixaaliyaa dhufuu isaati ture, kanaaf Phaawulos gara isaa dhaqee isaanii wol ni barate,
3
hujiin isaa'llee akkuma isaanii dukkaana hodhuu waan ta'eef, isaan woliin taa'ee ni hojjata ture.
4
Sanbbataan'llee bakka wolgayii isaanii titti argama'aa, haasaya taasisu'uun Yihudotaa fi Giriikota ni hubachiisa ture.
5
Siilaasii fi Ximotewos Maqedooniyaa yeroo dhufanitti Phaawulos, «Yesus Masihicha» jechuun, Yihudotaaf ciminnaan ragaa baya'aa barsiisu'uun, yeroo isaa mara ni dabarssa ture.
6
Garuu Yihudonni yeroo isa mormmanii fi isa arabisanitti awwaara uffata isaa hargufatee, «Eegaa isinitti yoo murtteeffame balleessaa mataa isaaniitiin! ani itti gaafatama hin qabu, ammaa achitti gara ummata Waaqa dhugaa titti hin amannee ni deema!» isaaniin ni jedhe.
7
Kanaaf isaan biraa fooyamee gara mana nama Tiitoos Iyosxoos jedhamu ni deeme, naminni kun'llee Waaqa ka Waaqeffatu ture, manni isaa'llee bakka woligayii bira ni ture.
8
Kriisphos ka jedhamu itti gaafatamaa bakka wolgayii maatii isaa mara woliin Goofta'atti ni amane, namoonni Qorontoosii baay'een'llee Phaawulos yoo dubbatu dhagayanii amananii, ni cuuphaman.
9
Gooftaan'llee halkan muldhataan Phaawulosiin akkana ni jedheen, «Hin sodaatinii, dubbadhu, hin caldhisin,
10
ani si woliin ni jira, magaalaa kana keessaa namoota baay'ee ni qabaatii, miidhaa sirraan gayuu ka danidda'u eennu'llee hin jiru.»
11
Kanaaf Phaawulos dubbii Waaqaa ummata barsiisaa, woggaa tokkoo fi wolakkaa achi ni ture.
12
Gaalii'on bulichaa biyya Akaayiyaa ta'ee yeroo muudametti, Yihudonni tokkummaan hirmmaatanii Phaawulosiin irratti ni ka'an, gara mana murti'ii isa fidaniiti,
13
«Naminni kun karaa seera mormmuun namoonni Waaqa akka Waaqeffatan ni taasisaa!» jedhan.
14
Phaawulos deebii kennu'uuf qophaayee uduu jiru, Gaalii'on Yihudotaan akkana ni jedhe, «Isin worri Yihudotaa! Miidhaan yookiin yakki ulffaataan isin irratti raawwatamee uduu jiraatee, himannaa keessan obissaan ni dhagayya ture,
15
Garuu waayee jechootaa fi waayee maqaawwanii, waayee seera keessaniitiif'llee ka mormmtan yoo taate, dhimma keessan, ani waan kanniin irratti murtteessu'uuf hin barbaadu.»
16
Akkana'llee jedhee mana murtii hawaasumma'aa keessaa isaan ni baase.
17
Yeroo kanatti marrinuu itti gaafatamaa bakka woligayi'ii Sosteneesiin qabanii, mana murtii hawaasumma'aa duranatti ni dhaananiin, kun marrinuu yoo ta'u, Gaalii'on dhimma woyiituu hin qabu ture.
18
Phaawulos obboleeyyan woliin guyyoota baayi'eef Qorontoostti eega tureen duubatti, nagaya isaanitti dhaamee gara Sooriya'aa ni deeme, Phrisqiila'aa fi Aqiilaan'llee isaan woliin jiran turan, garuu guduuffaa qaba waan tureef uduu hin deeminiin duranatti, bakka Kinkiriyaa jedhamutti mataa isaa ni haadate.
19
Gara Efesoon yeroo gayanitti, Phrisqiilaa fi Aqiilaa achitti isaan ni dhiisan, inni garuu gara bakka wolgayii aseenee, worra Yihudotaa Kristosiitiif haasaya ni taasisa ture.
20
Yeroo dheeraaf'llee isaan woliin akka turuuf isa kadhatan'llee, tole isaanii hin jenne.
21
Garuu, «Fedhii Waaqaa yoo ta'e, yeroo biraa gara keessan deebi'ee, ni dhufa» isaaniin jedhee, Efesoonii doonii yaabbatee ni deeme.
22
Gara Qiisaariyaa'llee yeroo gayetti, achiin gara Yerusaalemii deemee namoota woldayaa Kristosiitiif nagaya eega dhiyeesseen duubatti, deebi'ee gara Anxokiyaa ni bu'e.
23
Achitti'llee yeroo muraasaaf ni ture, kanaan duubatti Galaatiyaa fi gara biyya Firigiyaatiin, bakka tokko gara bakka biraa dedeebi'aa amanttoota ni jajabeesse.
24
Yihudichi Ahpolos jedhame ka nama biyya Iskindriyaa ta'e tokko, gara Efesoonii ni dhufe. Inni'llee kitaabban Qulqulluu xumuree ka baratee fi nama danddeettii haasaya mishaa qabu ture.
25
Waayee karaa Goofta'aa ka baraatee fi hafuuraan'llee ka gubate ta'ee, waayee Yesusii qajeelatti ni lallabaa fi ni barsiisa ture, haa ta'u malee inni ka beeku cuuphaa Yohaannisii qofa ture.
26
Inni'llee bakka woligayii titti uggiinssaan, dubbachuu jala ni qabe, garuu Phrisqiilaa fi Aqiilaan yeroo isa dhagayanitti, gara mana isaanii fudhataniiniiti, waayee karaa Waaqaa waan duraanii caalaa, qajeelatti tareessanii ni ibissaniif.
27
Apholos'llee gara biyya Akaayiyaa deemu'uuf yeroo yaadetti obboleeyyan yaada isaa ni fudhatan, obboleeyyan Akaayiyaa jiran'llee haala misha'aan akka isa simataniif, xalayaa ni barreesseef. Achi'llee yeroo gayetti, kennaa Waaqaa ka bilisaatiin amanttoota ta'uuf worra gayan, haalaan isaan ni gargaare.
28
Yesus Masihicha ta'uu isaa dubbii kitaaba Qulqullu'uutiin isaan hubachiisa'aa, mormmii cima'aan Yihudota ni injifata ture.
← Chapter 17
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 19 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28