bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
Acts 10
Acts 10
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 11 →
1
Qiisaariyaa ka jiraatu Qorneelewos nama jedhamu tokkotu jira ture, inni'llee hoomaa woraana Rooma'aa jalatti, «Kutaa woraana Ixaaliya'aa» ka jedhamu keessatti, ajajaa dhibbaa ni ture.
2
Inni'llee maatii isaa mara woliin Waaqaa ka Waaqeffatuu fi nama sodaatu ture, hiyyeesotaaf'llee arjjooma baayi'ee ni kenna ture, gara Waaqaa'llee yeroo mara kadhannaa isaa ni dhiyeessa ture.
3
Guyyaa tokko gara saa'aatii sagalii titti maleyikkaan Waaqaa gara isaa yoo aseenuuf, «Qorneelewos!» jedhee yoo waamuun, ifaan mulidhataan itti ni muldhate.
4
Guuttatee gara maleyikkichaa laaleeti nayu'uun, «Yaa Gooftaa! Maali'i?» ni jedhe. Maleyikkichi'llee akkana jedheen, «Kadhannaan keetii fi arjjoomnni hiyyeesotaaf taasfttu'llee yaadannoo mishaa ta'ee, gara Waaqaa ol deemee jira,
5
amma'llee namoota gara Yophee ergiitii, Phexiros ka jedhamu Simooniin waamsisi,
6
inni'llee amma garba ciisaa biratti ka argamu mana gogaa duugidicha mana Simoonii, keessumumma'aan taa'ee jira.»
7
Maleyikkichi kana itti hime isa biraa fooyamee yeroo deemetti, Qorneelewos tajaajilttoota isaa keessaa lamaanii fi lolttoota kutaa isaatii ta'an keessaa, Waaqa ka sodaatu tokko waameeti,
8
waan maraa eega isaanitti himeen duubatti, gara Yophe'ee isaan ni erge.
9
Guyyaa itti aanutti isaan deemanii gara magaala'aa yoo dhiyaatan, gara saa'aatii jahaa titti gara mana Phexiros keessa ture mana wol irro'otti, kadhanna'aaf ni baye.
10
Yeroo sanitti Phexiros beelayeeniiti waan tokko nyaachu'uuf ni barbaade, laaqana qopheessuu irra uduu jiru'llee, yaada hafuuraatiin liqimfamee muldhata ni arge.
11
Muldhanni arge'llee samiin banamee kallattii arffaniin ka qabame wonitti uffata guddaan golgata fakkaatuu, gara lafaa yoo bu'u.
12
San irratti'llee beeyladoonni adda addaa garaa isaaniitiin uumamittoonni lafa irra harkifatanii fi samii irra sinbirroonni bararan'llee keessa ni turan.
13
Yeroo sanitti, «Yaa Phexiros! Ka'iitii qala'aa nyaadhu!» qoonqqa jedhu ni dhagaye.
14
Phexiros garuu, «Yaa Gooftaa! Hin ta'u! Ani qulqulluu ka hin ta'in yookiin waan baattii ta'e nyaadhee hin beeku» jedhe.
15
Akkuma kana «Ka Waaqinni qulqullaawomaa taasise ati batti'i jechuu hin qabddu qoonqqa jedhu, deebi'ee ni dhagaye.
16
«Kun'llee yeroo sadihi eega ta'een duubatti wonitti uffata fakkaatu sun, bakkumatti gara samii ni fudhatame.»
17
Phexiros hiikkaa mulidhata, «Maal ta'inna?» jedha'aa yaada isaa titti yoo sarddamu, namoonni Qorneelewosii erge gaafi'iin mana Simoonii argatanii balbala ni dhaabatan ture,
18
waamamanii'llee, «Phexiros ka jedhame Simoon keessumumma'aan ka arggamu, asitti moo?» jedhanii ni gaafatan.
19
Phexiros'llee waayee muldhataa uduma buusee baasuu irra jiru, Hafuurri Qulqulluun akkana jedheen, «Kunoo! Namoonni sadihi si ni barbaadan,
20
ka'iitii bu'i, ka isaan erge ana waan ta'eef uduu hin shakkin isaan woliin deemi» jedheen.
21
Phexiros'llee bu'ee gara namootaa dhaqeeti «Kunoo naminni barbaaddan ana, sababaan dhuftaniif maali'i?» isaaniin jedhe.
22
Isaan'llee, «Nu'u ajajaa dhibbaa Qorneelewosiin bira dhufnne, inni nama ummanni Yihudotaa marrinuu kabajuun, nama mishaa Waaqa Waaqeffatu, si'llee gara mana isaa si waamsisee waan ati jettu akka dhagayuuf, maleyikkichi Qulqulluun ibisee itti himee jira» jedhaniin.
23
Phexiros'llee gara manaa isaan aseenisiseeti isaan ni keessummeesse, kadhatee'llee isaan ni bulche. Guyyaa itti aanutti'llee ka'ee isaan woliin ni deeme, obboleeyyan Yophee jiran keessaa turan keessaa'llee tokko tokko isaan woliin ni deeman.
24
Guyyaa lammaffaa titti'llee gara Qiisaariyaa ni gayan, Qorneelewos'llee firoota isaatii fi waahellan isaa ka dhiyyo'oo waamee, Phexirosiin fa'a ni eeggata ture.
25
Phexiros gara manaa yoo aseenu Qorneelewos gara isaa dhiyaateeti, miila isaa jalatti jigee ni sagadeef.
26
Phexiros garuu, «Ka'i! Ani'llee akkuma kee nama!» jedhee ni kaaseen.
27
Haasofsiisaa'llee gara keessaa yoo aseenu, namoonni baayi'een wolitti qabamanii ni argate.
28
Akkana'llee isaaniin jedhe, «Nama Yihudichi ta'eef ummata bira'aa woliin hirmmaachuu fi gara mana isaa'llee aseenuuf, Seerri amanitii keennaatiin akka hin eeyyamaminne isiin mataan keessanuu ni beekittan, garuu eennuun'llee ka qulqulluu ka hin ta'in yookiin battii akka hin jenneef, Waaqinni naaf ibisee jira.
29
Knaaf yeroo natti ergametti mormmii tokko malee ni dhufe, eegaa maali'iif akka ana waamttan, beekuuf ni barbaada.»
30
Qorneelewos'llee akkana ni jedhe, «Guyyaa afuriin duranatti yeroma kana saa'aatii sagalitti, mana kiyyatti ni kadhadha ture, kunoo dimmaa naminni uffata biliqisu uffate tokko, durana kiyya ni dhaabate,
31
akkana'llee naan jedhe, ‹yaa Qorneelewos! Waaqinni kadhannaa kee dhagayee jira, arjjoomnni hiyyeesotaaf raawwatte'llee si yaadamee jira,
32
eegaa gara Yophe'ee barataa ergiitii, Phexiros ka jedhame Simooniin waamsis, inni'llee garba ciisaa biratti ka argamu mana Simoonii gogaa duuga'aa, keessumumma'aan taa'ee jira,›
33
kanaaf bakkumatti ergamoota gara kee ni erge, ati'llee dhufuu keetiin mishaa taasfttee jirta, eegaa Waaqinni akka dubbatuuf waan si ajaje maraa, dhagayuuf nu marri keennaa, Waaqa duranatti asitti wolitti qabamnnee jirra» jedheen.
34
Phexiros'llee akkana jechu'uun dubbachuu jala ni qabe, dhugamaanuu Waaqinni nama namaan akka wol hin caalchifnne ni hubadhe,
35
Nama biyya kamiituu yoo ta'e Waaqa ka sodaatuu fi waan sirrii ta'e ka hojjatu yoo ta'e, Waaqinni isa ufitti ni fudhataan.
36
Waaqinni ummata Israa'eeliitiif dubbii isaa erguun isaa ka beekkame, Gooftaa maraa karaa Yesus Kristositiin, nagaya lallaba'aa, ka dhufeef'llee isaaniif.
37
Yohaannis waayee cuupha'aa yeroo lallabee jala qabee, Galiila'aa kaasee haga arddii Yihuda'aa marattuu, waan ta'e ni beekittan.
38
«Dabalee'llee Waaqinni Yesusii Nazireetii Hafuura Qulqullu'uun akka isa dibee fi humnna'llee akka kenneef ni beekittan, Waaqinni'llee isa woliin ni jira waan tureef, inni'llee waan mishaa raawwata'aa, worra daabiloosiin qabaman maraa fayyisa'aa, asii fi achi ni dedeebi'e.
39
«Baadiyyaa Yihuda'aatii fi magaalaa Yerusaalmii titti'llee waayee waan inni raawwatee maraaf nu'u ragoota, isa garuu muka irratti fannisanii ni ajjeesaniin.»
40
Garuu Waaqinni guyyaa sadaffaa titti du'aa kaaseeniiti, akka muldhatu ni taasise.
41
Ka muldhate'llee durssee ragoota Waaqaan filatamaniif malee, ummata maraafii miti, inni du'aa eega ka'een duubatti nu worrinuu isaan woliin ka nyaannee fi ka dhuginne ragoota,
42
Waan kana ummataaf akka labissinuuf inni jiraattotaa fi du'oota irratti'llee akka murtteessuuf, Waaqaan ka ramadame ta'uu isaa akka ragaa baanuuf, nu ajajee jira.
43
Ka isatti amanu marrinuu maqaa isaatiin dhiifama cubbu'uu akka argatu, nabiyyoonni marrinuu ragaa ni bayaniif.
44
Phexiros kana yeroo dubbatutti namoota haasaya isaa dhagayan mara irratti, Hafuurri Qulqulluun ni bu'e.
45
Phexirosiin woliin ka dhufan ka gadooman kirstaanota Yihudotaa keessaa, Waaqinni ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanneef Hafuura Qulqulluu akka isaanii kennee yeroo arganitti, ni maalalan.
46
Ummata Waaqa dhugaa titti hin amanne Hafuura Qulqulluu argachuu Ummata Waaqa dhugaa titti hin amanne ka beekan, afaanota bira'aatiin yoo dubbatanii fi Waaqa galateeffachuun yoo kabajan dhagayuu isaaniitiin. Yeroo kanatti Phexiros,
47
«Namoonni kunniin'llee akkuma keenna Hafuura Qulqulluu fudhatanii jiran, eegaa, isaan bishaaniin akka hin cuuphamnneef eennutu isaan dhooga?» jedhu'uun ni dubbate.
48
Kanaaf maqaa Yesus Kristositiin akka cuuphamaniif ni ajaje, kanaan duubatti Phexirosiin isaan woliin, guyyoota muraasaaf akka turuuf ni kadhataniin.
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 11 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28