bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
Acts 17
Acts 17
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
← Chapter 16
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 18 →
1
Phaawulosii fi Siilaas Amfiipholiisii fi Apholonyaan dabrranii, gara Tasaloonqee ni deeman, achi'llee bakka wolgayii Yihudotaatitu jira.
2
Phaawulos'llee akkuma barate gara bakka wolgayii isaanii ni aseene, Sanbbattan sadihiif'llee wolitti aanssee, kitaabban Qulqulluu keessaa tuqa'aa, ummata ni hubachiisa ture.
3
Masihichi rakkinna fudhachu'uu fi du'aa ka'uun akka isaan malu ibisee hubachiisa'aa, «Kun ka ani isiif lallabu Yesusii Masihicha» ni jedha ture.
4
Kanaaf isaan keessa tokko tokko dubbii hubatanii, Phaawulosii fi Siilaasiin woliin ni hirmmaatan, akkuma kana Ummanni Waaqa dhugaa titti amanan haalaan baay'een, dubarttoonni baay'een magaalatti beekkaman, dubbii hubatanii ni hirmmaatan.
5
Yihudonni garuu hinaafanii huji dhabeeyyii karaa irraa wolitti qabanii ni gurmmeessan. Phaawulosii fi Siilaasiin baasanii ummatatti kennuuf'llee, mana Yaasonii ni marssan.
6
Garuu yeroo isaan dhabanitti, Yaasonii fi amanttoota tokko tokko namoota aangoo qaban ka magaala'aa titti dhiyeessuuf, isaan harkisanii ni fidan, akkana'llee jedhaa ni iyyan ture, «Kunniin namoota biyya lafaa mara jeeqan amma ammoo garana dhufanii jiran!
7
Yaason'llee isaan ufitti fudhatee jira, ‹Yesus ka jedhamu nugufnni biraa ni jira› jedhaa'llee ajaja nugusa Roomaa, ni mormman.»
8
Ummataa fi namoonni magaala'aa ka aangoo qaban, kana yeroo dhagayanitti ni jeeqaman.
9
Yaasonii fi kaanniinii'llee wobii waamsisanii, gad ni dhiisan.
10
Obboleeyyan dadafaan Phaawulosii fi Siilaasiin halkaniin, gara biyya Beeriyaa akka deeman ni taasise, achi'llee yeroo gayanitti, gara bakka wolgayii Yihudotaa ni aseenan.
11
Yihudonni Beeriyaa jiran worra Tasaloonqee jiran irra, ilalcha qajeelaa ka qaban waan turaniif, dubbii gammachuu ol aanaan ni fudhatan, dhugummaa dubbii'llee mirkaneessuuf, guyyama guyyaan kitaabban Qulqulluu'llee ni qoratan ture.
12
Kanaaf isaan keessaa baay'eewwan ni amanan, dubarttoonni dureeyyiin baay'eewwanii fi Giriikonni dhiiraa baay'eewwan'llee, ni amanan.
13
Garuu Yihudonni Tasaloonqee jiran, Phaawulos Beeriyatti, dubbii Waaqaa akka lallabe yeroo beekanitti, dhagayanitti garasi dhufanii, ummata gurmmeessanii, jeeqama ni kaasan.
14
Yeroo kana obboleeyyan gara maddii garba ciisaa akka deemu ni taasisan, Siilaasii fi Ximotewos garuu achuma, Beeriyatti ni hafan.
15
Namoonni Phaawulosiin geegessan haga Ateenaa ni geessaniin, «Siilaasii fi Ximotewos dadafaan gara kiyya haa naa dhufan» ajaja jedhu ka Phaawulos, qabatanii gara Beeriyaa ni deebi'an.
16
Phaawulos Ateenaa taa'ee Siilaasii fi Ximotewosiin uduu eegaa jiru, magaalattii keessa waaqoleen harkaan hojjatamaniin guutuu yeroo argetti, hafuura isaatiin haalaan ni aare.
17
Kanaaf bakka wolgayii titti Yihudotaa fi ummata Waaqa'llee Waaqeffataniin woliin, yaa'itti guyyamaan namoota argatuun woliin, wol ni morma ture.
18
Ehequriyos fi Istoyikos falaasamoonni jedhaman'llee, gara isaa dhufa'aa, isaan wol ni mormmaniin turan. Tokko tokko, «Kun odeessan maal jechuu barbaada?» yoo jedhan, kuunniin ammoo, «Waayee waaqolee haarawwanii waan dubbatu fakkaata» jedhan ture, Kana'llee ka jedhaniif, waan Phaawulos odduu mishaa du'aa ka'a Yesusii lallabeef.
19
Kanaaf Phaawulosiin qabanii bakka Aariyophaagos jedhamutti, gara yaa'ii wol gayuu fidhaniiti, akkana jedhaniin, «Barsiifnni ati barsiifttu haarofnni kun, maal akka ta'e beeku'uuf ni dandeenna ree?
20
Waan haarawa tokko tokko nu dhageesifttee jirta, kanaaf wonittoonni kunniin maal akka ta'an, beekuuf ni barbaanna.»
21
Kana ka jedhaniif, namoonni Ateenaatii fi namoonni Ateenaa jiraatan ka biyya alaa, namoonni marri waan haarawa dubbachuu fi dhagayuu qofaan, yeroo isaanii dabarssuu ni jaalatan waan tureef.
22
Yeroo kanatti Phaawulos yaa'ii Aariyophaagostti wol gaye durana dhabateeti, akkana ni jedhe, «Yaa namoota Ateenaa! Gara maraanuu haalaan amantii ka qabddan ta'oo keessan hubadhee jira,
23
magaalaa teessan keessa asii fi achi naanaya'a bakkeewwan waaqeffannaa keessan yoo laalu, ‹Waaqaa hin beekkamnneef› jedhamee ka itti barreeffame, bakka furddaa ni argadhe, eegaa ani amma ka isinitti himu kana uduu hin beekin waayee Waaqa isa waaqeffattaniit.
24
Inni biyya lafaatii fi biyya lafaa irra ka jiru mara ka uume, Gooftaa sami'ii fi arddi'iit'lle'e, Inni mana waaqeffanna'aa ka harka namaatiin ijaarame keessa hin jiraatu.
25
Lubbu'uu fi hafuurri, wonittoota kaanniin'llee nama maraaf ka kennu isa waan ta'eef, womaayyuu isatti hin hanqatuun, gargaarssa namaa'llee isa hin barbaachisuun.
26
Inni fiixaa ilma namaa maraa nama tokko irraa ka uume, biyya lafaa mara irra akka jiraatan'llee ni taasise, baroota murtaayanii fi bakka jiraatan'llee, isaaniif ni ramade.
27
Kana'llee wonitti raawwateef namoonni Gooftaa akka barbaadanii fi qorachuun'llee barbaadanii, isa arggachu'uuf akka dandda'aniif, ta'u'llee inni nu'u, tokko tokkoo keenna irraa, fago'o jechuu miti.
28
‹Jireenna ka arggannuu fi ka sosochoonuun, ka jiraannuun'llee isaan› kun'llee weedifttoota keessan, ‹Nu marri keennaa ijoollee isaati› akkuma jedhan.
29
Eegaa nu'u ijoollee isaa eega taane, ‹Waaqinni ogumma'aa fi yaada namaatiin worqqii irraa yookiin meeta, yookiin bocaa dhagaa irraa ka hojjatame ni fakkaata› jennee yaaduun, nurraa hin malu.
30
Eegaa namoonni bara duraanii beekuu dhabaan waan raawwate, Waaqinni caldhisee irra dabrre jira, amma garuu namoonni biyya maraa jiran marrinuu, dhiifamaan gara Waaqaa akka deebi'an ajajee jira,
31
karaa nama inni filateetiin biyya lafaa mara irratti dhuga'aan guyyaa itti murtteessu muree jira, kana'llee maraafuu ka mirkkaneesse nama filate san du'aa kaasuu isaatiin.»
32
«Du'aa ka'uun» jecha jedhu yeroo dhagayanitti, tokko tokko itti ni baldan, kuunniin garuu, «Waayee kana yoo dubbatu yeroo ni dhageenna» jedhaniin.
33
Kanaan duubatti Phaawulos yaa'ii bayee ni deeme,
34
namoonni tokko tokko garuu isa woliin hirmmaataniiti ni amanan, Phaawulosiin woliin hirmaatanii ni amanan, namoota amanan jidduu'llee misseenssa yaa'ii ka ta'an, naminni Diiyonaasyoos jedhamee fi dubarttiin Damaaris jedhamtte takkaa fi kuunniin'llee isaan keessatti ni arggaman.
← Chapter 16
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 18 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28