bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
Acts 23
Acts 23
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
← Chapter 22
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 24 →
1
Phaawulos'llee yaa'ii guuttatee laaleeti, «Yaa obboleeyyan kiyya! Haga adhaa titti yeroo maraa Waaqa duranatti ka jiraadhe, sammuu misha'aan» jedhe.
2
Itti gaafatamaan qeesotaa Ananiiyaas garuu, Phaawulosiin afaan isaa akka dhayaniin, namoota Phaawulosiin bira dhaabatan ni ajaje.
3
Yeroo kanatti Phaawulos Ananiiyaasiin, «Ati mana aashi'iin dibame ka fakkaattu! Si'llee Waaqinni ni dhaya! Akkaataa seeraatiin dhimma kiyya murtteesuuf teettee uduu jirttu, Seeraan ala akka ana dhayaniif ni ajajaa ree?»
4
Namoonni achi turan'llee Phaawulosiin, «Itti gaafatamaa qeesota Waaqaa ni arabbsitaa moo?» ni jedhaniin.
5
Phaawulos'llee, «Yaa obboleeyyan tiyya! Itti gaafatamaa qeesotaa ta'uu isaa hin beeku ture, sababaan'llee ‹itti gaafatamaa ummata keetii irratti waan jecha hamaa hin dubbatin› ka jedhu, barreeffamee ni jira» jedhe.
6
Phaawulos namoota achi jiran keessaa wolakkaan isaanii Saduuqoota, wolakkaan ammoo Fariisoota ta'uu isaanii ni beekee, «Yaa obboleeyyan tiyya!, Ani Fariisoota irraa ka dhaladhe, Farsicha, kunoo amma murtii duratti ka dhiyaadhe abddii naa kennameetii fi waayee worroota du'aa ka'aniitiin» jechu'uun qooniqqa isaa ol fudhatee, yaa'ii jiddu'utti ni dubbate.
7
Phaawulos yeroo kana dubbatetti Farisootaa Kristosiitiif Saduqootaa jiddu'utti wol dhabbiin ka'ee, yaa'iin bakka lamatti, ni qoodame.
8
Saduuqoonni, «Du'aa ka'iinssi hin jiru, maleyikkoonni'llee hin jiran, hafuurri'llee hin jiru» yoo jedhan, Farisoonni garuu, «Kunniin marrinuu ni jiran» jedhanii ni amanan.
9
Yeroo kanatti jeeqamnni ol aanaan ni ta'e, barsiisonni gara worra Fariisootaatii ta'an tokko tokko'llee ka'aniiti, «Nu nama kana irratti waan hamaa woyiituu hin arggane! Hafuurri yookiin maleyikkaan itti dubbatanii ta'a, nu maal beekinna?» jechuun ni mormmaniif.
10
Wol dhabinniis cimaa waan deemeef namoonni Phaawulosiin akka isa hin kukutaneeniif sodaatanii ajajaan, «Bu'aatii Phaawulosiin namoota jiddu'uu butaatii baasaa! Gara mooraa woraanaa'llee fudhadhaanii!» jechuun lolttoota isaa ni ajaje.
11
Guyyaa itti aanutti halkan Gooftaan Phaawulosiin bira dhaabatee, «Jabaadhu Yerusaalemtti akkuma ragaa naaf baatetti, akkuma kana Rooma'atti'llee raagaa naaf baayuun sirraa ni mala» jedheen.
12
Yeroo laftti bariitetti'llee Yihudonni wolitti qabamaniiti, «Phaawulosiin uduu hin ajjeesin midhaan hin nyaannu, bishaan'llee hin dhuginnu» jedhanii wolii ni kakatan.
13
Marri kana irratti namoonni woliigalan, laakkofssi isaanii afurtamaa ol ni ture.
14
Isaan'llee gara itti gaafatamoota qeesotaatii fi gara jaarsotaa dhaqanii akkana jechu'uun isaanitti ni himan, «Phaawulosiin uduu hin ajjeesin midhaan akka afaaniin hin qabnneef, ciminnaan wolitti kakannee jirra,
15
Kanaaf isin yaa'ii woliin woliigalttanii, ciminnaan wonitti nuuf qorattan akka jiru fakkeessuun, isa akka isinii fidan ajajaa gaafadhaa, nu'llee achi uduu hin gayiniin duranatti, isa ajjeesuuf qophoofnnee jirra» jedhan.
16
Garuu mucaan obboleettii Phaawulosii marri kana waan dhagayeef, gara mooraa lolttootaa deemee aseeneeti, Phaawulostti ni hime.
17
Phaawulos'llee ajajoota dhibbaa keessaa tokko waamee, «Mucaan kun ajajaa woraanaa titti waan himu waan qabuuf, gara isaa dhiyeessiin» ni jedheen.
18
Ajajaan dhibbaa'llee mucaa qabee gara ajajaa aseeneeti, «Phaawulosiin hidhamaan ana waamee, mucaan kun sitti waan himu waan qabuuf, gara kee akka dhiyeessuun ana kadhate» jedhe.
19
Ajajaan'llee harka mucaa qabee gara bakka dabal jettee deemeeniiti, «Wonitti natti himttu maali'ii?» jechuun, kophatti ni gaafateen.
20
Mucaan'llee akkana ni jedhe, «Yihudonni waayee Phaawulosii ciminnaan ka qoratan fakkaatanii, boru gara yaa'ii akka isaanii dhiyeesituuf, si gaafachuuf woliigalanii jiran.
21
Garuu ati tole isaanii hin jedhin, isaa'llee uduu isa inni hin ajjeefamin midhaan hin nyaannu, bishaan'llee hin dhunnu jechuun ka wolii galan, namoonni afurtama caalan isa ajjeesuuf, riphanii jiran, amma isaan wonitti eegaa jiran, deebii kee qofa.»
22
Ajajaan'llee, «Waan kana natti himuu kee eennuuf'llee hin ibisin!» jedhee, mucaa ni geegesseen.
23
Kanaan duubatti ajajaan woraanaa ajajaawwan dhibbaa keessaa lamaan waamee, «Halkan keessaa sa'aatii sadihii yoo ta'u gara Qiisaariya'aa ka deeman lolttoota dhibba lamaa fi worra fardaa torbaatama, eboo darbbattoota dhibba lamaa'llee qopheessan.
24
Phaawulosiif'llee fardda qopheessaatii, gara bulichaa biyyaa gara Feeliksii nagayaan akka gayu taasisa'aanii» ni jedhe.
25
Xalayaa akkana jedhu'llee ni barreesse,
26
«Klaawudiiyos Luuisiyoosiin irraa, kabajamaa bulichaa biyyaatiif! Nageenni siif haa ta'u!
27
Nama kana Yihudonni qabanii ajjeesuuf ni ture, ani garuu lammii Roomaa ta'uu isaa waan beekeef lolttootaan woliin dhaqabee, lubbuu isaa baasee jira.
28
Waayee maaliin akka isa himatan beekuuf barbaadee, gara yaa'ii isaanii dhiyeesseenii ture.
29
Ka isa himatan'llee waayee seera isaanii laaluun ta'uu isaa hubadhe jira, garuu du'aa fi yookiin hidha'aan wonitti isa gayu woyiituu hin jiru.
30
Nama kana ajjeesu'uuf mariin akka taasfame yeroo dhagaye bakkumatti gara kee ni ergeen, himattoonni'llee isa irratti himannaa qaban, si duranatti akka dhiyeessan isaanitti himee jira.»
31
Kanaaf lolttoonni akkaatama ajajamaniin Phaawulosiin halikaniin fuudhanii, gara Antiiphaaxriisii ni geessaniin.
32
Guyyaa itti aanutti'llee worri farddo'oo Phaawulosiin woliin adeemissa isaanii akka itti fufan taasisanii, isaan gara mooraa woraanaa ni deebi'an.
33
Worri farddoo gara Qiisaariyaa yeroo gayanitti, xalayaa bulichaa biyyaa titti kennaaniiti, Phaawulosiin isa duranatti ni dhiyeessaniin.
34
Bulichaan biyyaa'llee xalayaa eega dubbiseen duubatti Phaawulosiin, «Ati konyaa biyya kamiitii?» jechuun ni gaafateen, nama biyya Kiliiqiya'aa ta'uu yeroo beeketti,
35
«Himattoonni kee yeroo dhufanitti dhimma kee ni laala» ni jedheen. Mana nugusa Heerodisii keessatti'llee, akka isa eegganiin ni ajaje.
← Chapter 22
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 24 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28