bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
Acts 13
Acts 13
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
← Chapter 12
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 14 →
1
Woldaya amantiii ta Anxokiyaa jirttutti nabiyyoota jedhamanii ka waamaman wongeela lallabddootaa fi barsiisonni ni jiran turan, isaan'llee, Baarnaabaas, gurraacha ka jedhame Simooniin, Luukiyosii Qareena'aa, bulichaa kutaa bara arfaffa'aa woliin guddate Heerodisii ka turan Maanaahee fi Saa'olii'llee ni turan.
2
Isaan Gooftaa yoo tajaajiluu fi sooma'aa uduu jira Hafuurri Qulqulluun, «Hujii isaan filadheef, Baarnaabaasii fi Saa'oliin adda naaf baasaa!» ni jedhe.
3
Isaan'llee soomaniitii fi kadhatanii, harka isaanii isaan irra eega kaayaniin duubatti, isaan ni ergan.
4
Baarnaabaasii fi Saa'ol Hafuurra Qulqullu'uun ergamanii, gara Seleewuqiyaa ni deeman, achii'llee dooni'iin gara Qophrosii ni deeman.
5
Gara magaalaa Salaamisii yeroo gayanitti bakka wolgayii Yihudotaa titti dubbii Waaqaa ni barsiisan, Yohaannis Maarqoos'llee isaan woliin ta'ee isaan ni gargaara ture.
6
Eddoolaa Qophrosii keessa baanee gara Phaafaa yeroo gayanitti, Baaryesus ka jedhamu Yihudicha raagaa tokko ni argatan, inni'llee nabiyyicha dharitticha ni ture.
7
Ka jiraatu Sergiiyos Phaawulos ka jedhamu namicha qalbbii qabeessa bulichaa biyyaa ta'e woliin ture, bulichaan biyyaa kun'llee Baarnaabaasii fi Saa'oliin waamsisee, dubbii Waaqaa dhagayu'uuf ni barbaade.
8
Garuu afaan worra Giiriiki'iitin, «Elimaas» jedhamee ka waamamu raagaan dharaa Baaryesus bulichaa biyyaa akka hin amanneef barbaadee, Baarnaabaasii fi Saa'oliin ni mormme.
9
Phaawulos ka jedhame Saa'ol garuu Hafuura Qulqullu'uun guuttamee, namicha raagaa sobaa guuttatee laaleeniiti akkana ni jedheen,
10
«Ati ilma sheexanaa, diina dhugaa maraa! Sossobu'uu fi hammeenni marri ka sitti guute, karaa qajeelaa Goofta'aa dabssuu hin dhiifttuu moo!
11
Amma kunoo, harki Goofta'aa si ni dhaya, jaamaa'llee ni taata, yeroo muraasaaf'llee ifa adu'uu hin argitu.» Bakkumatti ija isaa qayyootaa fi dukkanni ni uffiseen, harka qabee nama isaa eemaru'llee naannaya isaa barbaaduu jala ni qabe.
12
Bulichaan biyyaa'llee waan ta'e yeroo argetti ni amane, barsiisa waayee Goofta'aatiin dhagayeen'llee ni maalalffate.
13
Kanaan duubatti Phaawulosii fi waahellan isaa doonii yaabatanii, Phaafaa gara Phergee Phamfiliyaatti argamttuu ni deeman, Maarqoos ka jedhame Yohaannis garuu isaan biraa fooyamee, gara Yerusaalemii deebi'ee ni deeme.
14
Isaan garuu Pherge'ee ka'anii Phisidiya'atti gara Anxookiya'aa ni dhaqan, guyyaa Sanbbataatiin gara bakka wolgayii Yihudotaa tokko aseenanii ni ta'an.
15
Kitaabban Seeraatii fi nabiyyootaa eega dubbisaniin duubatti itti gaafatamoonni bakka wolgayi'ii, «Yaa obboleeyyan, ummata ka jajabeessu jecha gorssaa yoo qabaattan dubbadhaa» jedhanii, gara Phaawulosii fa'a nama ni ergan.
16
Kanaaf Phaawulos ka'eeti harkaan ummata ni gara ufii waamee, akkana'llee jechu'uun ni dubbate, «Namoonni Israa'eeliitii fi Waaqa ka sodaattan isin ummanni Waaqa dhugaa titti hin amanne dhagayaa!
17
Waaqinni ummata Israa'eelii kun abbootii keenna ka duraanii ni filate, biyya Gibixii yeroo turanitti'llee ummata guddaa isaan ni taasise, Humnna isaa ol aanaan'llee biyya sanii isaan ni baase.
18
Haga woggaa afurtamaatiif'llee, lafa gammoojji'ii titti isaaniif ni obisse.
19
Achiin duubatti'llee biyya Kana'aanii titti mootota torbaa balleessee, arddii isaanii isaan ni dhaalchise,
20
Kanaan duubatti'llee haga woggoota dhibba afurii fi shantamaa, haga bara nabiyyicha Saamu'eelii titti, abbootii murti'ii isaanii ni kenne.»
21
Kanatti'llee aanssee nugusa akka isaanii moosisuuf Waaqa ni kadhatan, Waaqinni'llee gosa Biiniyaaminii keessaa ka ta'e, ilma Qiishii Saa'oliin woggaa afurtamaaf isaanii ni moosise.
22
Saa'oliin'llee aangoo irraa eega buuseen duubatti Daawiitiin isaanii nugusa ni taasise, Waaqinni waayee Daawiitii raagaa yoo bayu, akka fedhii kiyyaa ka naa ta'u, fedhii kiyya'llee ka naaf raawwatu, ilma Iseyii Daawiitiin ni argadhe jedhee jira.
23
Fiixaa nama kanaatii Waaqinni akkaataa dubbii abddii ka waadaa aseeneetiin, Fayyisaa Israa'eelii Yesusiin isaanii ni kaase.
24
Yesus uduu hin dhufiniin duranatti Yohaannis, namoota Israa'eelii maraafuu waayee cuuphama cubbu'uu lallabee ture.
25
Yohaannis hujii isaa yeroo xumuretti, ani eennuun isinitti fakkaadhee? Ani Masihi'ii miti, garuu hidhaanuma kophee isaatuu hiiku'uuf ka hin geenne, ana duubaan ka bira'aa ni dhufa ni jedha ture.
26
«Isin fiixaa Abrahaamii irraa ka dhalattan obboleeyyan keennaa fi isini'llee Waaqa ka sodaattan ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne! Dubbiin fayyinnaa kun ka ergame nu'uuf.
27
Namoonni Yerusaalemiin jiraatanii fi itti gaafatamoonni isaanii'llee Yesus Fayyisaa ta'uu isaa hin beekinne, Sanbbattanitti'llee ka dubbifaman kitaabban nabiyyootaa hubachuu dhabuu isaaniitiin'llee, isa irratti yeroo murteessantti akka raaginni raawwatamaa ta'u taasisanii jiran.
28
Yoma waan du'aan isa gayu itti argachuu dhabaatan'llee, inni akka isaaniif ajjeefamu, Philaaxosiin ni kadhatan.
29
Waayee isaatiif waan barreeffame maraa isa irratti eega raawwataniin duubatti, fannoo irraa buusanii ni awwaalaniin,
30
Garuu Waaqinni du'aa isa ni kaaseen.
31
Galiila'aa gara Yerusaaleemii isaan woliin worra dhufanitti'llee guyyaa baayi'ee isaatti ni muldhate, isaan'llee amma ummata duratti ragoota isaati.
32
Nu'llee isiniif qabnnee ka dhufinne, Waaqinni abbootii keennaaf abddi'iin ka kenne, dubbii Gammachu'uuti.
33
Waaqinni Yesusiin du'aa kaasuu isaatiin abddima kana nu'u ijoollee isaaniitiif raawwatee jira, kun'llee faarffannaa lammaffaa irratti, ‹Ati Ilma kiyya, ani adha si uumadhee jira!› jedhamee, akkuma barreeffametti.
34
Shamuun akka isa irra hin geennee fi Waaqinni'llee du'aa akka isa kaaseen hubachiisu'uuf, Qulqulluun eebbifama amaname, Daawiitiif ka kenname abddii kenname isiniif ni kenna jedhee dubbatee,
35
dabalee'llee faarffannaa bira'aatiin, ‹Ilmi kee Qulqulluun shamuun akka isa irra gayu hin taasfttu› jedha.
36
Garuu Daawiiti bara jireenna isaa titti tajaajila isaa akka fedhii Waaqaa titti eega raawwateen duubatti du'ee jira, abbootii isaa woliin'llee awwaalamee jira, shamuun'llee isa irra gayee jira.
37
Ka Waaqinni du'aa kaaseen garuu shamiinssi isa irra hin geenne.
38
Eegaa yaa obboleeyyan kiyya! Dhiifamnni cubbu'uu ka argamu Yesusiin ta'uun akka isiniif lallabame beekaa,
39
ka isatti amanu marinuu Seerri karaa Muse'eetiin kennameef, cubbuu bilisa irraa isa baasuu hin danda'aminne mara irraayyuu, bilisa ni baya.
40
Kanaaf ka nabiyyootaan akkana jedhamee dubbatame, akka isin irra hin geenneef ufi eeggadhaa,
41
‹Isin worri balditan laalaa! Maalalaa! Badaa'llee! naminni kum'llee isinitti yoo odeesse, bara keessantti hujii isin hin amanne, ni hojjadha!› »
42
Phaawulosii fi Barnaabaas bakka woligayii isaaniitii yoo bayan, waanuma kana Sanbbata dhufutti'llee irra deebi'anii akka isaanitti himaniif, namoonni isaan ni kadhatan.
43
Yaa'iin bakka woligayi'ii yeroo bittinnaayetti, namoonni gara worri Yihudotaa baayi'ee fi namoonni baayi'een gara amantii Yihudotaa galanii Waaqaaf sagadanii, Phaawulosii fi Barnaabaasiin ni horddofan, Phaawulosii fi Barnaabaas'llee namoota barsiisu'uun, kennaa bilisaa ka Waaqaatiin jabaatanii akka jiraataniif isaan ni yaadachiisan.
44
Sanbbata itti aanutti jiraattota magaala'aa keessaa baayi'eewwan isaanii dubbii Waaqaa dhagayu'uuf wol ni gayan,
45
Yihudonni baayi'inna ummata yeroo argganitti hinaaffa'aan ni guuttaman, haasaya isaa'llee mormma'aa Phaawulosiin ni arrabsaniin.
46
Phaawulosii fi Barnaabaas garuu akkana jechu'uun uggiinssaan ni dubbatan, «Dubbiin Waaqaa durssee isinitti dubbatamuun isaa barbaachisa'a, isin ufitti hin fudhannu yoo jettanii fi jireenni bara baraa akka isiniin hin malle mataa keessantti yoo murteessitan garuu kunnoo, nu'u deebinee gara ummata Waaqa dhugaa titti hin amannee ni deemnna.
47
Kana'llee ka raawwanuuf Gooftaan, ‹fayyinna haga daangaa arddi'ii titti akka fidu'uuf, ummata Waaqa dhugaa titti hin amanneef ifa si taasisee jira› jechu'uun, waan nu ajajeef.»
48
Ummanni Waaqa dhugaa titti hin amanne'llee kana yeroo dhagayanitti ni gammadan, dubbii Goofta'aa'llee ni kabajan, jireenna bara baraatiif worri filataman marri'llee ni amanan.
49
Dubbiin Goofta'aa'llee biyya san mara keessatti ni babaldhate.
50
Durssitoonni Yihudotaa garuu horddofttoota amantii Yihudotaa ka ta'an, dubarttoota dureeyyi'ii fi namoota ol aanttota magaala'aa ka ta'an gurmmeessanii Phaawulosii fi Barnaabaasiin irratti ari'ataminni akka ka'u ni taasisan, biyya isaaniitii'llee isaan ni baasan.
51
Phaawulosii fi Barnaabaas'llee isaan irratti awaara miila isaanii hargufatanii, gara biyya Iqooniyoonii ni deeman.
52
Barattoonni'llee gammachuu fi Hafuura Qulqullu'uun ni guuttaman.
← Chapter 12
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 14 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28